Guddina dinagdee walirraa hin cinne mirkaneessuuf

Biyya keenya boodatti hafummaa dinagdee kan bara dheeraa keessaa baasuuf mootummaan karoora baasee ummata sossoosuun bu’aan amansiisaan akka galmaa’u taasisaa jira. Ministirri muummee Ob. Mallas Zeenaawii tibbana gabaasa raawwii mootummaa kan baatii jahaa mana maree bakka bu’ootaa ummataaf akka dhiheessanitti dinagdeen biyyattii yeroodha gara yerootti guddachaa dhufeera.

Haaluma kanaan oomishni qonnaa bar-dheengaddaa toonii mil. 11,906,810 tura barana gara toonii mil. 13,708,730 ga’eera. Kunis oomishni bara kanan %15-13n guddachuu isaa agarsiisa. Oomishaalee biyya alaatii galan ilaalchisees guddinni %30.2 akka argame gabaasa kana irraa hubachuun danda’ameera. Oomishaalee gabaa biyya alaatti barbaadaman oomishuuf qixa mootummaan kaa’e irratti xiyyeeffatamee hojjetamuu isaatiin galii gaariin argamuu isaas gabasicha irraa hubachuun danda’ameera.

Guddinni dinagdee biyya keenya keessatti yeroo gara yerootti dabalaa deemuunsaa kan agarsiisu qixni mootummaan kaa’e sirrii ta’uu isaati. Qixa kaa’ame kana irratti hundaa’uufi ummaticha hirmaachisuun bu’aa argame kanaaf sababa guddaadha. Haata’u malee paartileen mormitootaa tokko tokko biyya ummanniifi mootummaan wal ta’ee guddina dinagdee mirkaneessaa jiru kana keessatti gochaawwan gufuu dinagdee ta’an raawwachuuf boodatti hin jenne.

Gama tokkoon paartiin qindoomina jedhee of waamu tokkummaa wal qixxummaa ummattootaa diiguuf waan isaaf danda’ame hunda raawwataa tureera. Ummata jaalalaan waliin jiraatu, waliin hojjetee waliin guddachaa jiru amantaa, sabaafi eenyummaa isaatiin adda baasuuf baay’ee wixxifateera, waan gochuu danda’us gochuuf yaaleera. Gochaa isaa kanaanis qabeenyi barbadaa’eera. Lubbuun namaa darbeera. Gama biraatiin ammoo qindeessummaa shaabiyaafi ABOtiin yakki sunkanneessaan rawatamaa jira.  ABOn har’as badiin, keessumaa Oromiyaa lixaatti ummata nagaa irra ga’aa jiru hunda caalaa kan nama gaddisiisudha. gochaan ummata nagaa irra ga’aa jiru kun yoo xinnaate sababoota lamaan nama gaddisiisa. Sababni inni tokko gochaan suukaneessaan kun miseensota paartii karaa nagaatiin qabsaa’a jedhuun ga’uu isaati. Paartii ummata bakka bu’ee paarlaamaa keessa taa’ee gochaan ammoo miseensota isaa badiif babbaase, paartii siyaasaa WFDO.

Sababni gochaan kun itti nama gaddisiisu kan lammataa gochaa suukaneessaa kana Oromoo irratti kan raawwate Oromoo ta’uu isaati. Keessumaa Wallagga lixaa aanaalee Laaloo Assaabiifi Gimbiitti gochaan suukaneessaan raawwatameera. Lubbuun namaa darbeera. Manniifi qabeenyi ummataa barbadaa’eera. Dubartii ulfa ulfi garaa ba’eera. Dubartiin tokko dhiira jahaafi sanaa oliin gudeedamteetti. Gochaa kana kan raawwatan ammoo miseensa WFDO ta’uu isaanii isaanumtuu ragaa ba’aniiru.

Kana booda ummatichi waan tokko cimsee hubachuu qaba. Ajandaan mootummaa inni guddaan guddina dinagdee biyyattiin eegaltee caalaa cimee akka itti fufu gochuudha. Kun ammoo mirkanaa’uu kan danda’u yoo nageenyi amansiisaan jiraatedha. Nageenya amansiisaa mirkaneessuu keessatti mootummaan ga’ee qabaatus, ga’een guddaan garuu kan ummataati.

Ummatichi akkuma mootummaa cinaa dhaabatee guddina dinagdee amansiisaa ta’e mirkaneessaa jiru, nageenya naannawa isaa keessatti dammaqinaan hirmaachuu qaba. Gochaawwan misooma gufachiisan kamiyyuu kan raawwatan seeratti dabarsee kennuu qaba. Waanti ummata jalaa dhokatu waan hin jirreef misooma walirraa hincinne mirkaneessuuf gufuuwwan misoomaa of duraa buqqisuu qaba jenna.

   (Ijoo dubbii- LK 317)