Har’as daandiin irratti Argamnu injifannoo caaluuf kan nu qopheessudha!

Konfiransiin dhaabbatummaa Dh.D.U.O inni 4ffaan torban darbe adeemsifame dhaaba keenya yeroo kamirrayyuu caalaa murteewwan injifannoof qopheessan dabarsee xumurameera. Dhabba siyaasaa tokko dhimmoota kufaatiif isa saaxilan keessaa kaayoo ummata waliin walitti isa fidu qabaachuu dhabus qabaates yeroo, yeroo dhaan keessa isaa qoratee of sirreessuurra of dagatee yoo deemuudha. Kun ammoo qulqullina keessa isaa balaaf saaxila.

Kaayoon konfiraansii dhaabbatummaa Dh.D.U.O inni 4ffaas qabatama kanarratti hundaa’uudhaan ciminni dhaaba keenyaa sadarkaa irratti argamu, bu’aawwan gama hundaan naanoo keenya keessatti argaman oggansa Dh.D.U.Otiin daran haala ciminaan itti fufuu danda’anirratti mari’atee murteewwan barbaachisan dabarsuudha. Kana malees akka biyyaattis ta’e akka naannoo keenyaatti haala qabatamaa humnoonni maxxantootaa irratti argamaniifi gama kanaan tooftaa qabsoo keenyaa itti aanu kaa’uu ture.

Waa’ee qabsoo keessa dhaaba keenyaa ilaalchisee, dhaabbanni keenya Dh.D.U.On yeroo kamirrayyuu yeroo inni humna beektotaafi qonnaan bulaa adda duree ta’een cimee qabsoo olaanaaf itti qophaa’urratti argama. Kun ammoo kan agarsiisu kaayoon dhaabbanni kun qabatee qabsaa’aa jiru hawachiisaafi bu’aa ummata keenyaa kan dhugoomsu akka ta’edha. Kaayoo kana caala hayyuun Oromoo demokraatonni jalatti walitti qabaman bu’aa ummataafi naannoo isaaniitiif qabsaa’anidha.

Kanaafis jecha konfiransiin kun Dh.D.U.O humna beekaa haaraa kumaatamaan lakkaa’amuun cimsuun dhimma murteessaa ta’uu isaa jala muree kan kaa’e.

Gama birootiin xiyyeeffannoo konfiraansii kanaa kan ture waa’ee misoomaafi nagaa amansiisaa naannoo keenya keessatti dhugoomsuuti. Hanga ammaatti misooma saffisaafi nageenya amansiisaa fiduuf sochii taasisneen ummanni keenya nu filatee yeroo sadaffaadhaaf aangoo itti fufiinsaan sochii eegalle dhugoomsinuun nuu laateera. Yaa ta’u malee ummanni keenya koomee qabus ifaan kaa’eera. Koome ummatichaa hiiknee hirmaannaa isaa saarkaa olaanaan mirkaneessinu malee bakka yaadne yeroon ga’uu akka hin dandeenye konfiransiin kun ifaan kaa’eera.

Kanaafis jecha sadarkaa hundatti humna geggeessummaa keenya cimsinee hojiiwwan misooma ariifachiisaa fiduufi bulchiinsa gaarii mirkaneesuun jabaatee itti fufuu qaba. Qonnaan bulaan keenya yeroo kamirrayyuu bifa bittinnaa’een otuu hin ta’iin gurmaa’ee akka socho’u nageenya naannoo isaa aada durummaan innumti akka eeggatu gochuu qabna. Ogeessi misoomaa beekumsa isaatiin qonnaan bulaa bira dhaabbatee jireenya qonnaan bulaa wanta jijjiiru hojechuu qaba.

Humni warraaqsa demokraasii, misooma, nageenyaafi demokraasii mirkaneessuuf kutannoon yeroo socho’aa jiru kanatti humnnoonni maxxantootaa ammoo kana gufachiisuuf kan hanga ammaatti hojjetame diiguuf waanti isaan hin hojjenne hin jiru. Karaa kanaan ammoo kufaatii malee bu’aan isaan argatan yoo hin jiraanneyyuu, yeroodhafillee ta’u kaayoo keenya irraa nu gufachiisuu hin qaban. Kanaaf jecha dhiphootas ta’e of tuultoota araara tokko malee hojii farrummaa isaaniitiin saaxiilaa daandii injifannoo eegalle itti fufuu akka qabnu kaa’uudhaan dhumarratti ibsa ejjennoo itti aanu kana baafateera konfiransiin dhaabbatummaa Dh.D.U.O inni 4ffaan

   (Xiyyeffannoo- LK 319)