Hirmaannaa bal’aan, bu’a qabeessummaa konfiransichaatiif

Mootummaan biyyaaleessaa naannoo Oromiyaa konfiransii barsiisota naannichaa hunda hirmaachisu Amajjii 26 bara 1998 irraa eegalee guutummaa Oromiyaatti adeemsisuuf qophii barbaachisu xumuree jira. Konfiransichi mata dureewwan maree adeemsa baruufi barsiisuu wajjin wal qabatan kunneen biroo dabalatee, fakkeenyummaafi ga’ee barsiisonni adeemsa baruufi barsiisuu keessatti gumaachuu malan irratti xiyyeeffatee kan adeemsifamu ta’uu isaa sagantaa adeemsa konfiransichaatiif qophaa’erra hubachuun danda’ameera.

Konfiransiin barsiisotaa dhimmoota adeemsa baruufi barsiisuu wajjin wal qabatan irratti xiyyeeffatee adeemsifamu kun adeemsi barnootaa naannoo keenyaa caalmaan akka fooyya’uuf ga’ee bu’a qabeessa ta’e guddaa gumaacha jedhamee abdatama. Konfiransichi ogeeyyii barnootaa adeemsa buruufi barsiisuu keessatti kallattiidhaan qooda fudhannaa qaban kan hirmaachisu waan ta’eef, karaa tokkoon, baa’inaafi qulqullina barnootaa naannoo keenyaa fooyyessuudhaaf adeemsi abdachiisaan mootummaa keenyaan jalqabe cimee akka itti fufuuf, karaa biraammoo, rakkooleen raawwii tarsiimoo barnoota irratti mul’atan furmaata fufiinsa qabu akka argataniif yaada furmaataa kaa’a jedhamee eegama. Kana irra darbees, barsiisonni qaamolee mootummaa wajjin walitti dhiyaatanii kallattiidhaan akka mari’ataniif haala mijaawaa kan uumu waan ta’eef gabbina sirna demokraasiitiif ga’ee  guddaa kan gumaachu ta’uunsaa hin shakkisiisu.

Asirratti, konfiransichi ga’ee gurguddoofi bu’a qabeeyyii armaan olitti eeramaniifi kunneen biroo akkaataa barbaadamuun gumaachuu kan danda’u barsiisonni konfiransicha irratti hirmaachuuf carraa argatan hundi yaada adeemsa baruufi barsiisuu fiixa baasa jedhamee amanamu kamiiniyyuu sirriitti kaasanii yoo mari’atan qofa akka ta’e hubatamuu qaba. Fooyya’insi adeemsa barnootaa irratti mul’atu caalmaan cimee akka itti fufuufis ta’e, rakkooleen raawwiirratti mul’atan hundeedhaa akka maqfamaniif yaadni konfiransicha irratti ka’u kamiyyuu iddoo guddaa qaba. Yaada bu’a qabeessa akkasii kaasuudhaan adeemsi baruufi barsiisuu tasgabbaa’e akka jiraatu, dhaloonni haaraan naamusaan qarameefi biyyi qaroominaan ijaaramte akka jiraattu gochuu keessatti ammoo barsiisota caalaa gaafatamummaafi dirqama lammummaa kan qabaatu hin jiru.

Barsiisonni barattoota isaanii qubeefi lakkoofsa qayyabachiisuu qofaan kan daangeffaman miti. Barsiisonni barattoota isaanii biratti waan hundaanuu fakkeenya ta’anii mul’atu. Barataa harkaa caalaan akka barsiisaa isaa uffachuu, akka barsiisaa isaa dubbachuu, akka barsiisaa isaatti barreessuu barbaada, waan hundaanuu barsiisaa isaa fakkeenya taasifata. Kanaafuuti barsiisonni dhaloota haara qaruudhaaf ga’ee murteessaa xaphatu kan jenne. Barsiisonni, nageenyi fufiinsa qaba akka mirkanaa’uuf, wal jaallachuufi wal kabajuun sabaafi sab-lammoota akka jiraatuuf ga’ee guddaafi murteessaa xaphachuu danda’u. Walumaa gala barsiisonni adeemsi baruufi barsiisu tasgabbaa’e akka jiraatuuf ga’ee murteessaa kan qaban ta’uun kan wal nama gaafachiisu hin ta’u.

Kanaafuu barsiisonni konfiransicharratti hirmaatan hundi ga’ee murteessaa qaban kana hubachuun hirmaannaa ho’aa taasisuudhaan foyya’ina adeemsa barnootaatiif waan isaanirraa barbaachu gumaachuu qabu jenna.

   (Ijoo dubbii- LK 315)