|
Hirmaannaa
bal’aan, bu’a qabeessummaa konfiransichaatiif
Mootummaan
biyyaaleessaa naannoo Oromiyaa konfiransii barsiisota naannichaa
hunda hirmaachisu Amajjii 26 bara 1998 irraa eegalee guutummaa
Oromiyaatti adeemsisuuf qophii barbaachisu xumuree jira.
Konfiransichi mata dureewwan maree adeemsa baruufi barsiisuu
wajjin wal qabatan kunneen biroo dabalatee, fakkeenyummaafi
ga’ee barsiisonni adeemsa baruufi barsiisuu keessatti
gumaachuu malan irratti xiyyeeffatee kan adeemsifamu ta’uu
isaa sagantaa adeemsa konfiransichaatiif qophaa’erra hubachuun
danda’ameera.
Konfiransiin
barsiisotaa dhimmoota adeemsa baruufi barsiisuu wajjin wal
qabatan irratti xiyyeeffatee adeemsifamu kun adeemsi barnootaa
naannoo keenyaa caalmaan akka fooyya’uuf ga’ee bu’a
qabeessa ta’e guddaa gumaacha jedhamee abdatama. Konfiransichi
ogeeyyii barnootaa adeemsa buruufi barsiisuu keessatti
kallattiidhaan qooda fudhannaa qaban kan hirmaachisu waan
ta’eef, karaa tokkoon, baa’inaafi qulqullina barnootaa
naannoo keenyaa fooyyessuudhaaf adeemsi abdachiisaan mootummaa
keenyaan jalqabe cimee akka itti fufuuf, karaa biraammoo,
rakkooleen raawwii tarsiimoo barnoota irratti mul’atan
furmaata fufiinsa qabu akka argataniif yaada furmaataa kaa’a
jedhamee eegama. Kana irra darbees, barsiisonni qaamolee
mootummaa wajjin walitti dhiyaatanii kallattiidhaan akka
mari’ataniif haala mijaawaa kan uumu waan ta’eef gabbina
sirna demokraasiitiif ga’ee
guddaa kan gumaachu ta’uunsaa hin shakkisiisu.
Asirratti,
konfiransichi ga’ee gurguddoofi bu’a qabeeyyii armaan olitti
eeramaniifi kunneen biroo akkaataa barbaadamuun gumaachuu kan
danda’u barsiisonni konfiransicha irratti hirmaachuuf carraa
argatan hundi yaada adeemsa baruufi barsiisuu fiixa baasa
jedhamee amanamu kamiiniyyuu sirriitti kaasanii yoo mari’atan
qofa akka ta’e hubatamuu qaba. Fooyya’insi adeemsa barnootaa
irratti mul’atu caalmaan cimee akka itti fufuufis ta’e,
rakkooleen raawwiirratti mul’atan hundeedhaa akka maqfamaniif
yaadni konfiransicha irratti ka’u kamiyyuu iddoo guddaa qaba.
Yaada bu’a qabeessa akkasii kaasuudhaan adeemsi baruufi
barsiisuu tasgabbaa’e akka jiraatu, dhaloonni haaraan
naamusaan qarameefi biyyi qaroominaan ijaaramte akka jiraattu
gochuu keessatti ammoo barsiisota caalaa gaafatamummaafi dirqama
lammummaa kan qabaatu hin jiru.
Barsiisonni
barattoota isaanii qubeefi lakkoofsa qayyabachiisuu qofaan kan
daangeffaman miti. Barsiisonni barattoota isaanii biratti waan
hundaanuu fakkeenya ta’anii mul’atu. Barataa harkaa caalaan
akka barsiisaa isaa uffachuu, akka barsiisaa isaa dubbachuu,
akka barsiisaa isaatti barreessuu barbaada, waan hundaanuu
barsiisaa isaa fakkeenya taasifata. Kanaafuuti barsiisonni
dhaloota haara qaruudhaaf ga’ee murteessaa xaphatu kan jenne.
Barsiisonni, nageenyi fufiinsa qaba akka mirkanaa’uuf, wal
jaallachuufi wal kabajuun sabaafi sab-lammoota akka jiraatuuf
ga’ee guddaafi murteessaa xaphachuu danda’u. Walumaa gala
barsiisonni adeemsi baruufi barsiisu tasgabbaa’e akka
jiraatuuf ga’ee murteessaa kan qaban ta’uun kan wal nama
gaafachiisu hin ta’u.
Kanaafuu
barsiisonni konfiransicharratti hirmaatan hundi ga’ee
murteessaa qaban kana hubachuun hirmaannaa ho’aa taasisuudhaan
foyya’ina adeemsa barnootaatiif waan isaanirraa barbaachu
gumaachuu qabu jenna.
(Ijoo dubbii- LK 315)
|