Murtee, Badhaadhinaaf Hawate!

Nageenyi amansiisaan, misoomniifi demokraasiin biyya keenya keessatti dhugoomuu kan danda’u daandii warraaqsaa demokraasii qofaaniidha. Sadarkaa yeroo ammaa irratti argamuu kanaan dhimma kana kan mirkaneeffannu afaan qofaan wanta dubbatamuun otoo hin ta’iin, hojii qabatamaan lafatti mul’atu arguudhaani. Dhimmoota biyyaas, ta’e naannoo keenyaaf murteessaa ta’an kanaaf hojechuun kaayoo warraaqsaa demokraasiirraa mada. Yeroo ammaa qabatamaan akka mul’atuufi dhaga’amuttis kana hojiin itti fufsiisuufi gufachiisuu gidu humnoota lamatu dhaabbatee argama. Humni kaayoo warraaqsa demokraasii irratti utubame qabsaa’u naannoo keenya keessatti nagaa, misoomaafi demokraasii mirkaneessuuf yemmuu socho’u, humnoonni dhiphootaa ammoo kana gufachiisuuf yemmuu carraaqan argamu.

Konfiransiin Dh.D.U.O 4ffaan mogaasa “HAR’AS DAANDII INJIFANNOORRA JIRA” jedhu jalatti torban darbe adeemsifames dhimmoota murteessaa kana haala qabatama naannoo keenyaa wajjin walqabsiisuu dhaan qorachuu ture kaayoon isaa. Kana malees Dh.D.U.On injifannoo boonsaa hanga ammaatti goonfate qabatee injifannoo caaluuf qixni qabsoo isaa itti aanu maal ta’uu akka qabu ka’uunis kaayoo konfiransii dhaabbatummaa kana ture.

Haaluma kanaan hojiiwwan darban keessatti Dh.D.U.On bu’aa argamsiiseen filannoo deemsifameen injifannoo boonsaa gonfachuun yeroo sadaffaadhaaf aangoo mootummaa akka qabatu ta’eera. Ummanni Oromoo dhabbata kana yeroo sadaffaadhaaf irraa deebii’ee kan filateef hanga ammaatti bu’aa argamsiisuu isaa qofaan otuu hin ta’iin bu’aan hanga ammaatti argame kun otuu wal irraa hin citiin akka itti fufu gochuu kan danda’u Dh.D.U.O wanta ta’eefis. Naannoo keenya keessatti ajandaa misoomaa qabatee ummata isaa waliin hiyyummaarratti duulee kan argamu Dh.D.U.O. dha.

Humnoonni dhiphootaa misooma kan biroo fiduuf hojechuun isaanii yaa hafuutii isa qonnaan bulaan dafqasaa dhangalaasee horate dirqamaan maliif na hin deeggartu jechuun mancaasu. Nageenya amansiisaa argate eeggatee duula hiyyummaarratti eegale cimsee akka itti hin fufneef nageenyasaa booressaa jiru. Konfiraansiin Dh.D.U.O kun dhimma kana bilchinaan qorachuun qixa kaa’eera. Humnoonni dhiphootaas ta’e of tuultootaa bifaan garaa gara yaa ta’aaniyyuu malee, kaayoon isaanii tokkodha. Nageenya keenya booressanii misooma si’annaan itti bobbane gufachiisuu. Ummanniilee isaa tokko taasifatee hiyyummaarratti tumsuurra, lagaan wal qoodee akka wal shakku gochuudha. Humni warraaqsa demokraasii kana sirriitti hubatee dhiphummaa waliin falmii taasisu daran araara tokko malee akka itti fufuu qabuudha konfiransichi kan itti waliigale.

Kaayoon misoomaas, ta’e ijaarsa sirna demokraasii eegalle haala adda ta’een itti fufuu kan danda’u, qulqullummaan keessa dhaabacimee oggansi gama hundaan ummatichaaf kennu yoo guddachaa deemedha. Raawwatiinsaa hojii keessatti rakkoowwan ummaticha mufachiisaaniifi hirmaannaa isaa daangessan yoo hiikkataan walitti hidhamsi dhabbaaf ummata giddu jiru yoo jabaataa deeme qofaadha, iddoo ga’u barbaanu yeroodhaan ga’uu kan dandeenyu.

Konfiraansiin dhaabbatummaa kun kans ilaalchisuun qixni kaa’e geggeessummaan dhaabaa kan cimuu humna haaraa kaayoo warraaqsa demokraasii hojiirra oolchuuf ga’umsa qabuu bal’inaafi qulqullinaan ofitti dabalaa yoo deemeedha. Kanaaf hojiin bu’aa argisiise eegalameen daran jabaatee itti fufuu qabaadha. Dhimma hundarratti ummata waliin mariin taasifameefi kamee dhiyaateef deebiin atattamaa kennamuu isaattiin walitti dhufeenyi ummataafi dhaadha gidduu jirus baay’ee fooyya’eera. Kun irra caalaa akka jabaatuufi qaamni dhaabbaas ta’e mootummaa hojiiwwan misooma ariifachiisaa fidu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu eegalame sadarkaa olaanaan akka itti fufuuf hojechuu qaba.

Yoo kana qabatamaan mirkaneessine humnoota dhiphootaa iddoo isaan dhabsiisnee, kaayoo warraaqsa demokraasii keenya shakkii tokko malee fiixaan basna. Hiyyummaa balleesinee badhaadhinaan bakka buufna.

   (Ijoo dubbii- LK 319)