Misooma jireenya Miliyoonotaa jijjiiruu jalqabe cimsinee itti fufna

Kaayoon misoomaa Dh.D.U.O/ADWUIn hojii irra olchan guddina dinagdee saffisaa fida jedhamee amanama. Amantaa kanarraa ka’amee hojitti seenameera. Amantaan amantaa qofa ta’ee hin hafne; yeroo muraasa keessatti guddinna barbaadamu qabatamaan arguun danda’ameera. Waggootii sadan darban utuu walirraa hin cinne guddinni dinagdee sadarkaa isaatiin guddinna saffisaa keessatti ammatamu galmaa’uu danda’eera. Guddina saffisaa ta’e kana fiduun kan danda’ame qixa misoomaa sirrii ta’e waan hordofneef, imaammata misoomaa sirrii ta’ee baasuudhaan hojitti jijjiiruun waan danda’ameef.

Imaammanni misoomaa keenya qonnaan bulaaf baadiyaa giddu galeessa kan godhate ta’uunsaa waan beekamu. Qonni bu’uura dinagdee biyya keenyaatti. Baadiyaan lafa qonnaan bulaan irra jiraatu; irra jiraachuu qofa utuu hin taane, bakka qonni hundee dinagdee keennaa ta’e itti qotamu. Bakka omishi qonnaa dinagdee kennaaf hundee ta’e irraa omishamu. Kanarrraa ka’eeti imaammanni dinagdee Dh.D.U.O/ADWUI qonnaan bulaafi baadiyaa giddu galeessa kan godhate.

Guddinni dinagdee tokko kappitaala, beekumsaafi lafa irratti hojjatamu barbaada. Haala qabatama biyya keennaatiin kappitaalli qabnu humna namaati. Gama biraatiin lafa qonnaafi ta’u bal’aa qabna. Qonnaan bulaan keenya mala qonnaa akka fooyyeffatu, ogeessota qonnaatiin deeggarsi kennamaafii jira. Qinda’umsa kanaan , callaa qonnaa biyya keennatti guddisuun danda’ameera. Callaan qonnaa guddate waliigalaan dinagdee biyya keennaa sochoosuu eegaleera. Gabaasni muummichi ministeeraa baatii Amajjii darbe paarlamaaf dhiyeessanis kanuma nuu mirkaneesse. Akka Ob. Mallas gabaasanitti dinagdeen keenya haala saffisaa ta’een guddataa jira. Guddina kanaaf gumaacha guddaa kan kenne guddina gama callaa qonnaatiin argameedha.

Guddinni gama callaa qonnaatiin mul’ate ekisportiin keenya saffisaan akka guddatu taasiiseera. Fakkeennaaf, midhaanotiin zaaytaa, urgooftuun addaddaafi midhaanotiin dheedhiin dhibbeentaa 27.7 qabachuun sadarkaa tokkoffaadhaan sharafa alaa kan argamsiisan ta’aniiru. Haala kanaan sharafa alaa duraan buna qofarratti bu’uureffamu, amma carraansaa akka bal’atu gochuun danda’ameera.

Imaammata dinagdee qonnaan bulaafi baadiyaa giddu galeessa godhateen, guddina saffisaa fiduu qabna jechuun Dh.D.U.O/ADWUIn kan hojjachaa jiran, hiyyummaa keessa ummata keenya daddafti baasuuf. Hiyyummaa keessaa daddafatti hin baanu taanaan, hiyyummaaf umrii dheeressaa jirra jechuudha. Hiyyummaan gaafa umrii nurratti dheereffatte, jireenyi keenna kan gaaffii keessa galu ta’a. Balaa kana garanumaa ittisuuf, falli guddina saffisa fiduudha jedhamu kutannoon hojii misoomatti seenneerra.

Hiyyummaa keessaa ba’uuf qabsoon jalqabame utuu fagoo hin deemne bu’aa agarsiisuu jalqabeera. Jabaannee hojjannaan hiyyumaa mo’achuu akka dandeennu guddinni hanga ammatti mul’ate ragaa guddaadha. Jalqabbiin kun cimee akka itti fufuu gochuu gaaffata malee. Imaammatichi jireenya miliyoonotaa jijjiiruu jalqabeera. Jijjiirama kana cimsinee itti deemuu nu gaafata. Kanaaf, miseensonnii keenya ammas akkuma duraanii adda duree ta’anii hojjachutu irraa eegama.

   (Ijoo dubbii- LK 318)