|
Misooma
jireenya Miliyoonotaa jijjiiruu jalqabe cimsinee itti fufna
Kaayoon
misoomaa Dh.D.U.O/ADWUIn hojii irra olchan guddina dinagdee
saffisaa fida jedhamee amanama. Amantaa kanarraa ka’amee
hojitti seenameera. Amantaan amantaa qofa ta’ee hin hafne;
yeroo muraasa keessatti guddinna barbaadamu qabatamaan arguun
danda’ameera. Waggootii sadan darban utuu walirraa hin cinne
guddinni dinagdee sadarkaa isaatiin guddinna saffisaa keessatti
ammatamu galmaa’uu danda’eera. Guddina saffisaa ta’e kana
fiduun kan danda’ame qixa misoomaa sirrii ta’e waan
hordofneef, imaammata misoomaa sirrii ta’ee baasuudhaan
hojitti jijjiiruun waan danda’ameef.
Imaammanni
misoomaa keenya qonnaan bulaaf baadiyaa giddu galeessa kan
godhate ta’uunsaa waan beekamu. Qonni bu’uura dinagdee biyya
keenyaatti. Baadiyaan lafa qonnaan bulaan irra jiraatu; irra
jiraachuu qofa utuu hin taane, bakka qonni hundee dinagdee
keennaa ta’e itti qotamu. Bakka omishi qonnaa dinagdee kennaaf
hundee ta’e irraa omishamu. Kanarrraa ka’eeti imaammanni
dinagdee Dh.D.U.O/ADWUI qonnaan bulaafi baadiyaa giddu galeessa
kan godhate.
Guddinni
dinagdee tokko kappitaala, beekumsaafi lafa irratti hojjatamu
barbaada. Haala qabatama biyya keennaatiin kappitaalli qabnu
humna namaati. Gama biraatiin lafa qonnaafi ta’u bal’aa
qabna. Qonnaan bulaan keenya mala qonnaa akka fooyyeffatu,
ogeessota qonnaatiin deeggarsi kennamaafii jira. Qinda’umsa
kanaan , callaa qonnaa biyya keennatti guddisuun danda’ameera.
Callaan qonnaa guddate waliigalaan dinagdee biyya keennaa
sochoosuu eegaleera. Gabaasni muummichi ministeeraa baatii
Amajjii darbe paarlamaaf dhiyeessanis kanuma nuu mirkaneesse.
Akka Ob. Mallas gabaasanitti dinagdeen keenya haala saffisaa
ta’een guddataa jira. Guddina kanaaf gumaacha guddaa kan kenne
guddina gama callaa qonnaatiin argameedha.
Guddinni
gama callaa qonnaatiin mul’ate ekisportiin keenya saffisaan
akka guddatu taasiiseera. Fakkeennaaf, midhaanotiin zaaytaa,
urgooftuun addaddaafi midhaanotiin dheedhiin dhibbeentaa 27.7
qabachuun sadarkaa tokkoffaadhaan sharafa alaa kan argamsiisan
ta’aniiru. Haala kanaan sharafa alaa duraan buna qofarratti
bu’uureffamu, amma carraansaa akka bal’atu gochuun
danda’ameera.
Imaammata
dinagdee qonnaan bulaafi baadiyaa giddu galeessa godhateen,
guddina saffisaa fiduu qabna jechuun Dh.D.U.O/ADWUIn kan
hojjachaa jiran, hiyyummaa keessa ummata keenya daddafti baasuuf.
Hiyyummaa keessaa daddafatti hin baanu taanaan, hiyyummaaf umrii
dheeressaa jirra jechuudha. Hiyyummaan gaafa umrii nurratti
dheereffatte, jireenyi keenna kan gaaffii keessa galu ta’a.
Balaa kana garanumaa ittisuuf, falli guddina saffisa fiduudha
jedhamu kutannoon hojii misoomatti seenneerra.
Hiyyummaa
keessaa ba’uuf qabsoon jalqabame utuu fagoo hin deemne bu’aa
agarsiisuu jalqabeera. Jabaannee hojjannaan hiyyumaa mo’achuu
akka dandeennu guddinni hanga ammatti mul’ate ragaa guddaadha.
Jalqabbiin kun cimee akka itti fufuu gochuu gaaffata malee.
Imaammatichi jireenya miliyoonotaa jijjiiruu jalqabeera.
Jijjiirama kana cimsinee itti deemuu nu gaafata. Kanaaf,
miseensonnii keenya ammas akkuma duraanii adda duree ta’anii
hojjachutu irraa eegama.
(Ijoo dubbii- LK 318)
|