Dh.D.U.On har’as uumama ummatummaa isaatiif amanamaadha

Dhaabbanni Demokraatawaa Ummata Oromoo qabsoo wal-xaxaa ta’eefi bu’aa ba’ii qabu keessa darbaa, qabsoo kutannoo gaafatuun injifannoo boonsaa galmeessaa kunoo waggootii kudha ja’a dabarsee guyyaa hundeeffama isaa waggaa kudha ja’affaa, Bitootessa 17 bara 1998 kabajeera.

Dh.D.U.On waggootii kudha ja’a har’aa dura, Bitootessa 17 bara 1982 sagantaa siyaasaa haqaa, kaayoofi uumama demokraatawaa qabatee wayita hundeeffamu kakuu seene kabajuun mirgi namummaafi demokraasummaa ummata Oromoo akka kabajamu, ijaarsi sirna demokraasiifi bulchiinsa gaarii naannoo Oromiyaa keessatti akka dhugoomu, karaa misoomaafi guddina dinagdee fayyadamummaan ummata Oromoo akka mirkanaa’uuf kutannoo dhaan qabsaa’eera, qabsoo taasifameenis firiin abdachiisaa ta’e argameera. Akkuma namni hundumtuu qabatamaa dhaan beeku, har’a ummanni Oromoo naannoo isaa ofii isaa bulchuuf, hiree mataa isaa qixa barbaadeen murteeffachuuf mirga heera mootummaatiin wabii amansiisaa argate gonfateera. Qooqni isaa tuffatamaa ture, har’a yunivarsiitota biyyattii gurguddoo keessatti sadarkaa digirii lammaffaatiif akka baratamu ta’eera. Aadaafi seenaa Oromoo haaromsuufi guddisuudhaaf kitaabota hedduummina qaban maxxansuu irra darbamee, wiirtuu aadaa ammayyaa’e magaalaa muummittii Finfinnee keessatti ijaaruuf qabsoo isaatiin abbaa mirga guutuu ta’eera. Egaa, kunneeniifi kunneen asirratti tartiibnee hin xumurre biroon qabsoo hadhaawaa ummata Oromoo adda durummaa Dh.D.U.Otiin adeemsifameen kan argame ta’uunsaa kan wal-nama gaafachiisu hin ta’u.

Dh.D.U.On uumama ummatummaafi demokraasummaa qaba, uumama isaa kana irraa kan ka’e ammoo gaaffiifi murtee ummataa ni kabajaa yemmuu jennu, akkasuma lafaa kaanee, waan qabatamaadhaa ala ta’e kan dubbannu akka hin taane ragaa guddaan ummaticha mataa isaati. Ummanni Oromoo, Dh.D.U.On eenyuyyuu caalaa gaaffiifi murtee  isaa akka kabaju waggootii kudha ja’aan darban kana keessa sirriitti dhandhamee argeera, Dh.D.U.On dhaaba demokraatawaa uumama ummatummaa qabu ta’uusaa haala qabatamaadhaan mirkaneesseera. Kana waan ta’eefimmoo filannoo yeroo addaddaa adeemsifameen, Dh.D.U.O filachuu danda’eera. Keessumaa ammoo Filannoo Caamsa 7/1997 adeemsifame irratti dhaabbileen siyaasaa heddummina qaban dorgommiif dhiyaatanis ummatichi Dh.D.U.O kan filatu ta’uu isaa kaardii isaatiin murteessee himeera.

Kana jechuun garuu rakkoon adeemsa keessa raawwii irratti mul’atu hin turre jechuu miti. Rakkoon sagantaa irraa hin kaane, rakkoon uumama irraa hin maddine, garuu ammoo adeemsa keessa raawwii hojii irratti mul’achuu danda’a. Waan guddaan, dhimmi murteessaan yeroodhaan keessa ofii ilaaluudhaan, adeemsa ofii sakatta’uudhaan, akkasumas ummaticha dhaggeeffachuufi sagalee isaa kabajuudhaan dogoggora mul’ate sirreessuuf qophaa’aa ta’uudha. Karaa kana ammoo Dh.D.U.On filannicha booda uumama ummatummaa isaa hubachiiseera. Ummatichis kana beeka.

Dhaabbanni Demokraatawaa Ummata Oromoo har’as ayyaana yaadanno hundeeffama dhaabbatummaa isaa waggaa kudha ja’affaa yemmuu kabaju, kaayoo, amantaafi uumama isaa demokraatawaa sirriitti eegeefi waadaa ummatummaa isaa kabajee, walitti dhufeenya gaarii ummata Oromoo wajjin gubuufi amanamummaa isaa cimsee hanga dhumaatti kan adeemu ta’uu isaa ni mirkaneessa. Kanas akkuma kanaan dura, waggootii kudha ja’a darban keessa hojii qabatamaan akkuma agarsiisaa ture, fuuldurattis, ummataa wajjin walitti dhufee mari’achaa, gaaffiifi murtee ummatichaa caalmaan kabajaa adeemuf kutannoo qabu ni ibsa. Dh.D.U.On karaa kamiinuu taanaan uumama ummatummaa isaatiif amanamaadha.

   (Ijoo dubbii- LK 320)