|
Aanichatti
konfirensiin qonnaan bulaa bara dheengaddaa bu’aa gaarii
fideera
Godina
shawaa bahaa aanaa Aqaaqiitti konfirensiin qonnaan bulaa bara
dheengaddaa adeemsifame aadaa hojiifi oomisha qonnaan bulaa
irratti bu’aa qabatamaa akka mul’isee ibsame.
Itti
gaaftamaan waajjira gurmaa’innaa, aadaafi Ispoortii aanaa
Aqaaqii Ob. Daagim Kumsaa agabaasaa gaazexaa Oromiyaatiif jidduu
kana akka ibsanitti, konfirensiin qonnaan bulaa bara dheengaddaa
aanichatti adeemsifame bu’aa qabatamaa argisiisuu jalqabeera.
Konfirensicharratti
rakkoowwan gurmaa’innaafi aadaa hojitiin wal qabatan kan
misoomaaf gufuu ta’an irratti bal’inaan mariin akka
adeemsifame kan eeran itti gaafatamtichi, gama ummataatiin
rakkoowwan hedduun itti amanamanii akka fudhataman eeraniiru.
Akka
aanichaatti, guyyoota ayyaanaa baay’isuu, hojii ufii hojjachuu
danda’an nama itti qacaranii hojjachiisuu, qusannaa dhabuufi
dhugaatiin rakkoowwan ijoo konfirensicha irratti ka’an akka
turan Ob. Daagim ibsaniiru.
Amma
rakkoowwan turan kanniin hundaa irratti jijjiramni mul’achuu
eegaleera kan jedhan Ob. Daagim, baadiyaa iddoowwan tokko
tokkotti fedhii ummataatiin manniin dhugaatii akka cufamaniifi
yeroo dheeras hojiirratti dabarsuun baramaa akka dhufe
dubbatanii, agabaasaan kun mana dhugaatii cufamedha jedhame
tokko baadiyaa bakka ganda Gogeechaa jedhamutti arguu
danda’eera.
Namoonni
wayta marichaa yaada guyyoota ayyaanaa baay’isuu fa’a
irratti ka’e mormaa turan hedduun isaan hojiitti seenanii
bu’aa gaarii argatan irraa ilaalanii hojjachuu eegalan akka
jiran ibsa Ob. Daagim irraa hubanneerra.
Walumaa
galatti jijjiiramni gama aadaa hojiifi haala hojiitiin dhufaa
jiru kun oomishni qonnaan bulaa akka dabalu kan taasisaa jiru
ta’uusaa itti gaafatamtichi nutti himaniiru. Wantoota hafan
tokko tokko irratti baranas konfirensiin wal fakkaataa
adeemsisuuf qophiin xumuramee hojitti seenamuusaa hubachuun
danda’ameera.
Qonnaan
bultoonni aanichaa haasofsiifne tokko tokkos konfirensii bar
darbeerraa bu’aa gaarii akka argatan ibsaniiru.
Jiraataa
aanaa Aqaaqii ganda Gogeechaa kan ta’an Ob. Gullilaati W/Goorgsi,
konfirensichaan booda adeemsa duubatti hafaa ture dhiisanii
ciminaan misoomatti waan bobba’aniif bu’aa gaarii argachuu
isaanii nutti himaniiru.
Barumsa
konfirensicha irraa argataniin qonna isaanii calla-guddiftuuwwan
adda addaatti fayyadamanii waan adeemsisaa jiraniif
callaansaanii akka guddate kan ibsan achuma jiraataa ganda
Gogeechaa kan ta’an Ob. Wandimmuu Dagafuuti. Akka ibsa Ob.
Wandimmuutti, amma isaan waan ufii hojjachuu danda’an
mataadhuma isaaniitii hojjatu, irra jireessa yeroo hojii isaanii,
oyiiru isaanii irratti dabarsu.
Bara
dheengaddaa guutu Oromiyaatti koonfirensiin qonnaan bulaa
misooma irratti xiyyeeffatu bal’inaan adeemsifamuun isaa kan
yaadatamu yoo ta’u baranas konfirensiin wal fakkaataan
eegalameera.
(Oduu- LK
302)
|