|
Barana
Naannoo Oromiyaatti dargaggoota kuma 300f carraan hojii ni
uumama
Naannoo
Oromiyaatti bara baajata baranaatiin dargaggoota kuma dhibba
sadiif carraa hojii uumuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru Ob.
Haabtaamu Sisaay ogganaan biiroo dhimma dargaggootaafi Ispoortii
ibsan.
Naannoo
Oromiyaatti dargaggoota hojii dhabeeyyii ta’an addaan
baasuudhaaf akkasumas, carraa hojii jiru ilaalchisee gareen
biiroolee addaddaarraa baba’e kallattii addaddaatiin baatii
Sadaasaa 1 hanga 25 qorannoon deemsifamuusaa Ob. Haabtaamuun
eeraniiru. Itti fufuudhaanis, haala kanaan dargaggoonni hojii
maleeyyii miliyoonaan lakkaawwaman naannichatti argamuusaanii
beekamuusaa ibsanii, kanneen keessaa marsaa duraatti dargaggoota
kuma dhibba sadiif carraa hojii uumuuf karoorri qabamee sochiin
jalqabamuusaa dubbataniiru.
Dargaggoota
kanneen keessaa kuma dhibba lama baadiyaa, kuma dhibbaa
tokkommoo magaalaa irraa ta’uusaa oggantichi ibsanii,
dargaggoota kanneeniif carraa hojii uumuuf baajanni birrii
miliyoona 327 ramadamuusaa eeraniiru. Itti dabaluudhaanis,
carraawwan hojii jiran haala qabatamaa aanaaleefi gandaa irratti
hundaa’ee addaan ba’uusaanii eeranii, dargaggoonni kunneen
hojii albuudaa, horsiisa hoolaa, re’ee, lukkuu, kanniisaa,
misooma qurxummii, horii gabbisuu, misooma bosonaa, hojii qonnaa,
daldalaa xixiqqaafi kanneen biroorratti akka ta’u
addeessaniiru.
Galma
ga’iinsa hojii kanaaf biirooleen gurmaa’ina ummataa, dhimma
dargaggootaafi Ispoortii, Ijaarsa dandeettii, misooma qonnaafi
baadiyaa, akkasumas biirooleen dhimmichi ilaallatu marti
qindoominaan hojjechaa akka jiran Ob. Haabtaamuun eeraniiru.
Itti fufuudhaanis haala qoratameen hojiin kun jalqabamuusaa
ibsaniiru.
Ulaagaa
dargaggoonni kunneen ittiin filataman Ob. Haabtaamuun yemmuu
ibsan, “qorannoo deemsifameen naannoo Oromiyaatti dargaggoonni
hojii dhabeeyyii miliyoonaan lakkaawwaman jiru. Hunduma si’a
tokkoo hojii qabsiisuun waan hin danda’amneef marsaa duraatti
hiyyeeyyii qotiyyoo, lafa qotan kan hin qabneefi hiyyummaa hamaa
keessatti argamaniifi, fedhii hojiifi naamuusa qaban ummanni
akka filatu taasisuuf ulaagaan ba’eera. Filannoo kana
keessattis loogiiniifi firaan hojjechuun akka hin jiraanne
ummataaf leenjiin fufiinsa qabu ni kennama” jedhaniiru.
Hojii
kana milkeessuuf Muddee 28 hanga Amajjii 1 qaamolee
raawwachiisaniif leenjiin leenjistootaa akka kennamu ibsa
oggantichaarraa baruun danda’ameera.
(Oduu- LK
313)
|