Biiroon qabeenya bishaanii karoora isaa baranaa yeroo isaatti akka raawwatu ibse

Biiroon qabeenya bishaanii Oromiyaa hojiiwwan isaa bu’uura karoora qabateetiin akka raawwatu ibse.

Biirichatti dursaan garee adeemsa hojii, karoora, sagantaafi hordoffii kan ta’an Ob. Saamu’el Tolasaa jidduu kana gaazexaa Oromiyaatti akka himanitti, raawwiin projeektoota tokko tokko xiqqoo kan harikfate yoma ta’ellee, hojiin qabame hunduu yeroo isaatti ni raawwatama.

Biirichi walii galatti projeektota bishaan dhugaatii baadiyaa 25 fi kan magaalaa 10 qorachuufi adeemsisuuf karoorfatee jira kan jedhan dursaan garee kun, hunduu haala karoora isaaniitiin akka addeemaa jiran addeessaniiru.

Raawwii projeektota bishaan dhugaatii baadiyaa ilaalchisee sadarkaa godinaatti 315 karoorfamee 90 (%28), sadarkaa biirootti ammoo 80 qabamee 24 (%30) akka raawwatame Ob. Saamu’el addeessaniiru. Hojiin projeektota kanaan dura xumuramanii tajaajila irratti argaman suphuufi kunuunsuun ciminaan akka itti deemamaa jiru ibsa dursaa garee kanaa irraa hubanneera.

Gama projeektota bishaan dhugaatii magaalotaatiinis projektoonni shan karoorfamanii bu’uura isaaniitiin adeemaa jiru kan jedhan Ob. Saamu’el, kanniin keessaa projeektiin bishaan dhugaatii magaalaa Adoolaa sababaa harkifachuu liqii biyya alaatii argamuutiin dubatti butachuu isaa eeraniiru.

Hojii projeektoota bishaan dhugaatii magaalota keessaa kan magaalaa Naqamtee hojiin diizaayinii xumuramee, ogeeyyoonni mindeeffamanii dizaayinicha keessa deebi’anii akka ilaalan taasifamaa jira jedhaniiru. Projeektii bishaan dhugaatii magaalaa Naqamtee projeektii baajata birrii miliyoona 47 oliin adeemsifamudha.

Projeektota bishaan dhugaatii baadiyaa isaan gurguddoo kanaan dura eegalaman, kan Gimbichuu – Fantaallee kan km. 250 adeemuufi kan Eegoo – lolee kan km. 105 adeemu bu’uura karoora qabameetiin akka adeemaa jiruufi inni haaraa Samiraa kolbaa jedhamus hojiin caalbaasii xumuramee walii galteen akka mallatteeffame Ob. Saamu’el nutti himaniiru.

Naannoo Oromiyaatti buufataaleen bishaan dhugaatii 7,200 caalaa ni argamu kan jedhan Ob. Saamu’el, koreewwan ummataa buufataalee kanniin bulchaniif kunuunsaafi qabiinsa bishaanii irratti leenjiin akka kennamaa jirus addeessaniiru. Kana duukaa bara kana keessa boolla bishaanii dhugaatii gad fagoo 157 suphuuf karoorri qabamee hanga ammaatti 93(% 59) suphamuu isaanii ibsaniiru.

Hojiiwwan bajata mootummaatiin adeemsifaman kana cinatti birrii mil. 295 ta’u liqiifi gargaarsaan Baankiin addunyaa waggaa sadiif ramadeen qorannoowwaniifi hojiin bishaan dhugaatii Oromiyaa keessatti akka adeemsifamaa jiru ibsa Ob. Saamu’el irraa hubanneerra.

Sababaa harkifachuu raawwii projeektoota tokko tokkoo ilaalchisee gaaffii kaafneef Ob. Saamu’eel yemmuu deebisan irra jireessi qorannoofi hojii bishaan dhugaatii yeroo caamaatti kan adeemsifamu waan ta’eef rakkoo tokko malee yeroo hafe keessatti akka xumuramu nutti himaniiru. Gad lakkifamuu bajataa irratti turuun akka jirus addeessaniiru.

(Oduu- LK 318)