|
Dargaggoota
kuma 33 ol ta’aniif carraan hojii ni uumama jedhame
Godina
Wallagga bahaatti dargaggoota kuma 33 ol ta’aniif carraa hojii
uumuuf karoorri qabamee hojiin jalqabamuusaa Ob. Tafarii
Xiyyaaroo waajjira Gurmaa’ina ummataa godinichaatti itti
gaafatamaan damee dhimma hojjettootaafi hwaasummaa ibsaniiru.
Godinichatti
dargaggoota baadiyaa keessa jiraatan 25,728, akkasumas
dargaggoota magaalaa keessa jiraatan 9,000f carraa hojii uumuuf
birrii miliyoona 8 ol mootummaan naannoo Oromiyaa ramaduusaa Ob.
Tafariin eeraniiru. Itti dabaluudhaanis, dargaggoonni kunneen
hojii qonnaa, misooma qurxummii, aannanii, daldala xixiqqaa,
hojii albuudaa, misooma bosonaafi kanneen biroorratti akka
bobba’an addeessaniiru.
Galma
gaiinsa hojii kanaafis tibba darbe magaalaa Naqamteetti namoota
dhimmisaa ilaallatuufi waajjiraalee addaddaarraa baba’an 170f
leenjiin leenjistootaa kennamuusaa odeeffannoon waajjira
Gurmaa’ina ummataarraa argame ni addeessa.
(Oduu- LK
317)
|