|
Dargaggoota
hojiitti seensisuuf hojiin hojjetamu karooraa olitti adeemaa
jira
Sochiin
mootummaan biyyaleessaa naannoo Oromiyaa dargaggoota hoji
dhabeeyyii baadiyaafi magaalaa naannichaatti argaman hojiitti
seensisuuf taasisaa jiru hirmaannaa qaamota addaa addaatiin
karoora qabamee olitti akka raawwatamaa jiru biiroon dhimma
dargaggootaafi Ispoortii naannichaa ibse. Naannichi barana
dargaggoonni 300,000 kan hojii hin qabne hojii mataa isaanii
akka argatan taasisuuf karoorfatee akka socho’aa jiru ni
beekama.
Hoogganaan
biirichaa Ob. Habtaamuu Siisaay ibsa jidduu kana gaazexaa
Oromiyaatiif kennaniin akka addeessanitti, barana dargaggoota
baadiyaa 200,000 hojitti seensisuuf kan karoorfame yoma
ta’ellee, sochii hanga gandaatti taasifameen dargaggoonni
hojii hin qabne 600,000 ta’an gurmaayanii leenjii argataniiru.
Isaan keessaa 398,000 kan ta’an hojitti bobbaasuuf kan itti
deemamaa jiru ta’uu isaatiifi 253,000 kan ta’an ammoo
ummataan calalamuu isaanii Ob. Habtaamuun addeessaniiru. Sochii
kanaanis hanga ammaatti dargaggoonni 20,000 ta’an lafa mataa
isaanii akka argatan taasifamuu isaas eeraniiru. Akka ibsa
isaaniitii maallaqa hojii kanaaf ramadame mil.127 ta’u keessaa
mil. 91 gad bu’ee godina gayeera.
Hirmaannaan
qaamoleen addaa addaa sochicha cimsuuf taasisaa jiran
jajjabeessaadha kan jedhan Ob. Habtaamuun, hojichi mootummaa
qofaan kan galma hin geenye waan ta’eef hirmaannichi
caalmaatti akka cimuufis gaafataniiru.
(Oduu- LK
320)
|