“Gochaan raawwatame baay’ee suukaneessaadha”

jaarsolii biyyaa naannawicha daawwatan keessaa

Ummata Oromoof dhaabbanna jechaa badiin miseensonniifi deeggartoonni dhaaba WFDO ummata aanaalee Gimbiifi Laaloo Assaabii irraan ga’an kan nama suukaneessu ta’uu jaarsolii biyyaa aanaalee lamaan daawwatan keessaa kan yaada nuuf kennan ibsan.

Jaarsolii godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa baba’anii aanaalee lamaan daawwatan keessaa Abbaa Liiban Qaraarba, Ob. Gaaddisaa Hundee Ob. Amiin Abdullaahii yaada nuuf kennaniin gochaan raawwatame kun miseensotaafi deeggartoota dhaaba WFDOtiin ta’uu isaallee hubachuu isaanii mirkaneessaniiru.

Godina Gujii aanaa Liiban irraa kan dhufan Abbaa Liiban Qaraarsaa yaada kennaniin, “ani waan hamtuun arge. Nama manni itti gubatee ala jiru, nama uffanni jalaa gubatee qullaa jiru, nama midhaan jalaa gubatee beelaan jirun arge. Kan miidhaa geessises Oromoo, kan miidhaan irra ga’es Oromoo ta’uun hubadhe” jedhaniiru. Itti fufuunis, gochaa akkasii umrii isaanii keessatti akka hin argine dubbatanii, bakka dhufanitti deebi’anii qaama ilaalu hunda waliin akka mari’atan nuuf ibsaniiru.

Ob. Gaaddisaa Hundee godina Iluu Abbaa Booraa irraa dhufanii miidhaa qaqqabe kan daawwatan keessaa isaan tokkodha. Isaanis waan hubatan yemmuu ibsan, “waan dhala nama irra hin geenyen arge. Kan Oromoofin dhaabadha jedhu kana raawwachuun isaa saalfachiisaadha. Kan kana Oromoo irratti raawwatu diina, diina caaludha. Ummanni hundi ba’ee waan kana afaan tokkoon balaaleffachuu qaba. Ani aadaa Oromoo keessatti kanin beeku kan rakkate gargaaruu, kan iyyeef birmachuu, kan beela’eef laachuu malee gochaa akkanaa dhaga’ees, argees hin beeku” jedhaniiru.

Ob. Gaaddisaan yaada isaanii itti fufuun akka jedhanitti, ummanni mootummaa cinaa dhaabatee nageenya isaa eeggachuu akka qabu dhaamaniiru. Kanneen yakka kana raawwatanis seeratti dhihaatanii kan harka isaanii argachuu qabu jedhaniiru.

Godina Harargee bahaa magaalaa Haroo mayaa irraa kan dhufan Amiin Abdullaahii yaada kennaniin akkas jedhaniiru. “Wantin arge waan nama suukaneessudha. Oromoon jaarsa, hayyuu qaba. Wallaalaan yoo badii geessise jaarsi badii sana dura dhaabateetu hambisa. Akka yaada kootti qabeenya miiliyoonaan lakkaa’amu bade, lubbuu namaa jaarsi biyyaa silaa oolchuu qaba ture. Bulchitoonni aanaas taanaan yemmuu gochi kun mul’achuu eegalu achumatti hambisuu qaba ture”.

Walumaa gala jaarsoliin yaada nuuf kennan kunneen akka ibsanitti, ummata keenya hiyyuma keessaa ba’uuf tattaafatu irratti badii hammanaa raawwachuun gochaa farra guddinaa olaanaa waan ta’eef ummanni Oromoo tokko ta’ee balaaleffachuu akka qabu dhaamaniiru.

(Oduu- LK 318)