|
Godina
Wallaggaa lixaatti humnoonni farreen nageenyaa yakka addaddaa
jiraattota irratti raawwatan
Godina
Wallagga lixaatti jiraattonni aanaalee lamaa humnoota farreen
nageenyaatiin yakki ajjechaafi dirqisiisanii gudeeduu akka isaan
irratti raawwatame ibsan.
Dubartoonni
aanaalee Gimbiifi Laaloo Assabii keessa jiraatan tokko tokko
garee gaazexessoota achitti argametti akka himanitti, gochaa
shaabiyaafi ABOn qindeessaniin, akkasumas deeggartoota ABOfi
dhaabbilee karaa nagaatiin qabsoofna jedhaniin dirqisiifamanii
gudeedamaniiru, abbaan manaafi ijoolleen isaanii jalaa
ajjeefamaniiru.
Jiraattuu
ganda Leellisaa Iyyasuus kan ta’an ad. Ilfinash Tolasaa akka
dubbatanitti, abbaan manaa isaanii Ob. Tazarraa Shifarraaw
balbala isaanii irratti rasaasaan adda keessa rukutamanii
ajjeefamaniiru. Ilmi isaanii kan waggaa 14 garaa isaa saanjaan
waraanamee ajjeefameera, boorsaa nama du’ee kana keessaas
birriin kuma 7 fudhatameera. Kana malees mucaan isaanii kan
waggaa 8 rasaasaan adda keessa rukutamee madaa’ee Finfinnee
Hoospitaala Xuqur Anbassaatti yaalamaa akka jiru ad. Ilfinash
ibsanii, isaanis taanaan uleefi sadafii qawweetiin tumamanii
erga kufanii booda du’aniiru jechuun dhiisanii akka deeman
ibsaniiru.
Aanaa
Laaloo Assaabii ganda Jaarsoo Dammataa kan jiraataniifi haadha
ijoollee 6 kan ta’an tokko abbaa manaafi ijoollee isaanii
fuulduratti haala suukaneessaa ta’een guddeedamuu isaanii
dubbataniiru. Halkan tokko si’a tokkotti namoota jahaan waan
gudeedamaniif rakkoo fayyaatiif saaxilamuu isaaniin alatti HIVf
saaxilamuun danda’a yaaddoo jedhu akka qaban ibsaniiru. Ganda
Innaangoo kaalii kan jiraattuufi dhihoo kana kan kaadhimamte
dureen waggaa 16 dirqisiifamtee akka guddeedamte ibsiteetti.
Aanaa
Laaloo Assaabii ganda Bokkuu Assaabii kan jiraatan ad. Ayyaantuu
Lammii, ad. Caaltuu Jaatee, Ob. Baqqalaa Qana’aa, Ob.
Tamasgeen Baqqalaafi ad. Daawituu Wadaajoo garee gaazexessootaaf
akka ibsanitti, manni jireenyaa isaanii qabeenyaa guutuu waliin
waan barbadaa’eef maatii isaanii waliin rakkoo hawaasummaaf
saaxilamaniiru.
Manni
isaanii humnota farreen nageenyaatiin waan gubateef uffanni,
faayaan adda addaa, qabeenyi hundi barbadaa’ee birriin 3,500
saamamanii uleen erga tumamanii booda ijoollee isaanii
baattatanii bosona bulanii lubbuun isaanii hafuu kan ibsan Ob.
Baqqalaa Qana’aa namoota miidhaa isaan irraan ga’an eenyu
akka ta’an maqaa dhahaaniiru.
Namoota
miidhaan irra ga’e keessaa harkiifi miilli isaanii kan
reebichaan cabe, addi isaanii kan buruqe akka jiran gareen
gaazexessoota arguu isaa waaltaan gabaaseera.
(Oduu- LK
315)
|