|
Guddina
dinagdee eegalame itti fufsiisuuf ciminaan akka hojjetu ADWUIn
beeksise
Guddina
dinagdee biyyi keenya galmeessifte itti fufsiisuuf ADWUIn ummata
waliin dhiheenyatti mari’achaa akka hojjetu miseensi koree
hojii raawwachiiftuu ADWUI beeksiisan.
Miseensa
koree hojii raawwachiiftuu ADWUI kan ta’an Ob. Barakat
Sim’oon laalleewwan ADWUIf ibsa kennaniin akka beeksisanitti,
ADWUIn raawwii hojii irratti hir’inoota mul’atan mariin
hiikuudhaan guddinni dinagdee galmaa’aa jiru osoo wal irraa
hin citiin itti fufsiisuuf ni hojjeta.
ADWUIn
waggaa waggaan guddina dinagdee dhibbeentaa 9-11 galmeessisaa
akka jiru kan ibsan Ob. Barakat, kunis imaammataafi tarsiimoo
sirrii ta’e baasuufi hojiirra oolchuun bu’aa argame akka
ta’e dubbataniiru. Itti fufuudhaanis, dinagden biyya keenyaa
dameelee misoomaa hundan magaalaafi baadiyaatti guddachaa akka
jiru eeranii, imaammataafi tarsiimoo ba’e irratti hundaa’uun
humna namaa, lafaafi bishaanitti sirriitti fayyadamuun waan
eegalameef oomishtummaan dabalaa deemuu isaa ibsaniiru.
Wal
amantaa ADWUIfi qonnaan bulaa jidduu jiru ilaalchisuun gaaffii
dhihaateef Ob. Barakat deebii kennaniiru. Haaluma kanaan
imaammataafi tarsiimoo ADWUI irraa osoo hin ta’iin,
raawwachiisu irratti rakkoolee mul’ataniiru. Rakkoolee kanas
qonnaan bulaan ifatti akka kaasu ADWUIn qonnaan bulaa waliin
marii adeemsiseera. Komeewwan ka’anis ADWUIn hiikeera.
Fuuldurattis komeewwan hafan yoo jiraatan adeemsaan hiikoo ni
argatu, akka Ob. Barakat jedhanitti.
Dinagdee
biyya keenya keessatti mul’achaa jiru tasgabbaa’aa qofa osoo
hinta’iin si’ataa dhas kan jedhan Ob. Barakat, mootummaas
ta’e ADWUIn guddina si’ataa, bal’aafi dameelee hunda
irratti mul’atu kana itti fufsiisuuf ga’umsa qabu jedhaniiru.
Itti dabaluudhaanis, muuxannoowwan ADWUIn, mootummaafi ummanni
argatan kunneen sochiin eegalame kun hatattamaan akka itti fufu
humna ta’uun akka gargaaran addeessaniiru.
Qixni
gurguddoo ta’an kan ittiin hojjetamaa jiran akkuma jiranitti
ta’ee fuulduraaf hirmaannaan kan taasifamu sochii misoomaa
jalqabame amansiisaafi si’ataa, akkasumas bal’ina akka
qabaatu gochuu akka ta’e Ob. Barakat ibsaniiru. Akkasumas
ADWUIn, raawwii demokraatawaafi ummata waliin mari’achuun kan
adeemsifu akka qabaatu ni hojjeta jedhaniiru.
(Oduu- LK
319)
|