Hojiin Busaa ittisuu haala gaariin raawwatamaa jira

Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa dhibee busaa haala weeraraatiin ka’u to’achuuf gandoota 1,520 keessatti keemikaalli farra busaa biifamuusaa, akkasumas, saaphanni siree miliyoona walakkaa ol ta’u raabsamuusaa ibse.

Ob. Shallamaa Ciibsaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti, qajeelcha ittisa busaatti itti gaafatamaan garee to’annoo veektarii akka ibsanitti, dhibee busaa haala weeraraatiin ka’u to’achuuf biirochi sochii addaddaa taasisuusaa eeraniiru. Itti fufuudhaanis, gandoota dhibeen busaa itti haammata jedhame 1,520 keessatti keemikaalli farra ittisa busaa kiiloograama kuma 100 ol ta’u biifamuusaa, akkasumas saaphanni siree miliyoona walakkaa ta’u aanaalee 86 keessatti raabsamuusaa dubbataniiru.

Biiffaa keemikaalaa deemsifameen namoonni miliyoona 1.8 ol fayyadamoo ta’uusaanii kan eeran Ob. Shallamaan, ummanni qe’eesaarraa utuu hin fagaatiin wal’aansa akka argatu namoonni kuma 4 ol ta’an gandoolee naannichatti argamanirraa baba’an leenjisuudhaan tajaajila akka kennan taasifamuusaa ibsaniiru. Kana malees, ogeeyyoonni fayyaa 1,156 ogummaa ittisa weerara busaa leenji’uusaanii eeraniiru.

Godinaalee Baaleefi Shaawaa bahaatti weerarri busaa ka’ee ture battalumatti to’annaa jala ooluusaa Ob. Shalamaan eeraniiru. Itti fufuudhaanis haala wal fakkaataa ta’een godina Jimmaatti weerarri busaa ka’e to’atamuu isaa ibsanii, gareen miseensota ogeeyyii fayyaa Biiroo Eegumsa fayyaarraa gara godinichaatti deemuusaa dubbataniiru.

Dhibee busaa haala weeraraatiin ka’u ittisuuf qorichi ga’aafi qophiin barbaachisu taasifamuusaa ibsa Ob. Shallamaarraa hubachuun danda’ameera.

   (Oduu- LK 302)