|
Hojiiwwan
misoomaafi bulchiinsa gaarii baatiiwwan jahaa darbee hojjetaman
bu’aa qabeessa ta’uunsaanii ibsame
Hojiiwwan
misooma si’ataa fiduufi ol’aantummaa seeraa mirkaneessuuf
baatiiwwan jahan darban keessatti hojjetaman bu’aa qabeessa
ta’uusaanii caffeen ADWUI mirkaneesse. Yaa’ii dhaabbatummaa
baatii Bitooteessa keessa deemsifamuu qaba ture baatii jahaaf
akka dheeratu murteesseera.
Caffichi
walga’ii idileesaa tibba darbe gaggeesseen hojiiwwan
misoomaafi bulchiinsa gaarii baatiiwwan ja’a keessatti
hojjetaman qorateera. Gama ijaarsa sirna demokraasiitiin
dhimmoota filannoo wajjin walqabatanii ka’an karaa nagaafi
seera qabeesummaan hiikuuf taasifame bu’aa qabeessa
ta’uusaanii ibsee, gama biraatiinimmoo sochii farreen ummataa
Heera mootummaa humnaan diiguuf taasisan, karaa ol’aantummaa
seeraa eegsiisuun, haala amansiisaa ta’een fashalaa’uusaa
caffichi mirkaneesseera.
Naannoo
Oromiyaa iddoo tokko tokkotti Shaabiyaaniifi ABOn oggantoota
qindoominaa deeggaruudhaan nageenya ummataa jeequuf sochiin
gochaa turan karaa demokraasii, seera qabeessaafi haala ummata
hirmaachiseen fashalaa’uusaa qorateera. Ijaarsi sirna
demokraasii akka hin gufanneefi duubatti akka hin deebine
hojiiwwan jalqabaman ciminaan itti fufuu akka qaban caffichi
ibseera. Itti dabaluudhaanis dhaabbileen siyaasaa mana maree
bakka bu’ootaa ummataa keessa seenan wajjin mariin jalqabame
ciminaan akka itti fufuu ibseera.
Gama
misoomaatinis guddina dingdee waggootii sadan darbaniif haala
fuufiinsa qabuun galmaa’e jajjabeessaa ta’uusaa caffichi
eeree, gara fuul duraafis guddina oomishaa fiduuf miseensonni
ADWUI, ummanniifi ogeessonni akka tumsan waamicha dabarseera.
Baatiiwwan darbanitti marii hojjettoota mootummaa, qonnaan
bulaafi barsiistootaa wajjin godhamaniifi leenjiin kenname
bu’aa gaarii argamsiisuusaa caffichi eereera. Marichi addaan
ba’iinsii ilaalcha siyaasaa guddina biyyaarratti waliin
hojjechuu akka hin dhorkine hubannoon kan itti argameefi haalli
wajjin hojjechuuf dandeessisu uumamusaa mirkaneesseera.
Baatiiwwan
dhufanitti dargaggoota, dubartoota gurmeessuuf misooma
magaalaafi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf akkasumas, bulchiinsa
aanaaleefi gandootaa cimsuuf hojiiwwan jalqabaman xiyyeeffanoo
addaa kan barbaadu ta’uusaa miseensonni caffichaa irratti
walii galaniiru. Caffichii yaa’iin dhaabbatummaa baatii
Bitootessaa keessatti deemsifamuuf ture akkaataa seera ittiin
bulmaataa dhaabichaatiin baatii jahaa booda akka deemsifamu
murteesseera.
Misooma
biyyattii si’achiisuufi bulchiinsa gaarii haala fufiinsa
qabuun mirkaneessuuf deeggartoonni, miseensonniifi ummanni
ciminaan akka hojjetan caffichi addeesseera.
(Oduu- LK
320)
|