|
Humnoonni
dhiphootaafi oftuultootaa injifannoo argame duubatti deebisuuf
socho’aa jiru jedhame
Humnoonni
of tuultootaafi dhiphootaa tokkummaa uumuudhaan injifannoo
ummanni argate duubatti deebisuudhaaf socho’aa jiran ummanni
irratti dammaqee akka qabsaa’u, akkasumas, misooma
si’achiisuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf miseensonni
Dh.D.U.O adda dureen akka hojjetan ibsame.
Ob.
Kumaa Dammaqsaa miseensa koree hojii raawwachiftu Dh.D.U.Ofi
ministirri ministeera ittisa biyyaa akka ibsanitti, humnoonni of
tuultootaafi dhiphootaa guddina siyaasaa biyyi keenya irra
geesse irraa ka’uudhaan demokraasii argame gufachiisuuf tokko
ta’anii socho’aa jiru. Humnoonni farreen ummataa kunneen
fedhiinsaanii garaagarummaa qabaatus wayita ammaa injifannoo
ummanni argate duubatti deebisuuf tokkoomanii socho’aa akka
jiran Ob. Kumaan eeranii, ummannis sochii farreen ummataa
kanneen fashaleessuuf qabsaa’uu qaba jedhaniiru.
Qabsoo
haadhawaa taasifameen ummanni abbaa mirgaa ta’eera kan jedhan
Ob. Kumaan itti dabaluudhaanis, yemmuu hundeeffama waggaa 16ffaa
Dh.D.U.O kabajnu injifannoo arganne kunuunsaa, injifannoo caalaa
galmeessisuuf waadaa galuudhaan ta’uu qaba jedhaniiru.
Misooma
biyya keenyaa si’achiisuufi bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf
miseensonni Dh.D.U.O adda dureen hiriiru akka qaban Ob. Kumaan
addeessaniiru.
(Oduu- LK
320)
|