|
Inistiityuutichi
meeshaalee qonnaa haaraa qorannoon baasaa jira
Inistiituyuutii
qorannoo qonnaa Oromiyaatti daareektareetiin qorannoo meeshaa
qonnaa fooyya’an baasuudhaan qonnaan bulaan akka itti
fayyadamu taasisaa akka jiru Ob. Umar Xaahaa bakka bu’aan
daareektareetichaa ibsan.
Daareektareetiin
kun dameewwan Jimmaa Harargee, Baakkoofi Asallaatti qabuun bara
1984 irraa eegalee qotaa fooyya’aa akaakuu addaaddaa 1,245,
kan biyyee bulleessu 97, gaariiwwan beelladaan harkifamaniifi
harkaan dhibaman 2,655, maashinii boqqoolloofi qamadii, garbuu
dhahu 427, sumsuma qoraan qusatu 6,129fi kanneen biroo qoratee
baasuudhaan qonnaan bulaan akka itti fayyadamu taasisuusaa Ob.
Umar eeraniiru. Itti dabaluudhaanis meeshaa motoraan hojjetu
sa’aatii tokko keessatti boqqoolloo kuntaala 40-50 falfaluu
danda’u baaftuumosee, duugduufi cuunfituu warqee meeshaa damma
calaluufi raastuu aannanii sa’aatii walakkaa keessatti aannan
leetiroo 12 raasu hojjetamee qonnaan bulaaf raabsameera
jedhaniiru.
Kutaan
kun meeshaalee qonnaa fooyya’e qoratee baasuun ala namoota
maayikroo intarpiraayiziidhaan gurmaa’aaniif teknoloojii
argate dabarsee kennuudhaan bal’inaan oomishamee qonnaan
bulaan akka itti fayyadamu taasisaa jiraachuu isaa Ob. Umar
dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis, ‘BBM’ kuma 50 gaaguura
ammayya, 22,769, triidilpaampii kuma 12 hojjechuusaanii
eeraniiru.
Daareektariin
kun giddu gala qorannoo Asallaa, Baakoo, Harargeefi Jimmaatti
qorannoo 64 deemsisaa akka jiruufi kanneen keessaa 8
qorannaansaanii kan xumurame yemmuu ta’u, 26 qoratamaa kan
jiran Haaraanimmoo 30 ta’uusaanii ibsa bakka bu’aa kanarraa
hubachuun danda’ameera.
(Oduu- LK
313)
|