Konfiransii hojii egereetiif qixa kaa’e

Bara 1982 Dh.D.U.On qabsaa’ota ummatasaaniif quuqaman, qabsaa’ota muraasaatiin hundeeffame. Dhaabni qabsaa’ota muraasaan hundeeffame har’a miseensota demokraatawoo miliyoonaan lakkaawwaman of cinaa hiriirsaa daran cimaa adeemaa jira. Ciminasaa eeggate sadarkaa amma jiru irra akka qaqqabu qabsaa’onni hedduu aarsaa ta’aniiru.

Dhaabni fedhiifi faayidaa ummata Oromoorratti hundaa’uudhaan dhaabbate kun hundeeffamasaarraa jalqabee of sakatta’aa, rakkoowwan adeemsa keessatti uumamanirratti qabsaa’aa, sirreessaa, hojii cimaa ta’e daran cimsaa sadarkaa kanarra qaqqabeera.

Tibba darbes magaalaa Adaamaa galma Gumii Gadaatti Guraandhala 16-21/1998 konfiransii dhaabbatummaa afraffaa deemsiseen hojiiwwan filannoon booda hojjetaman qorachuudhaan hojii egereetiifi qixa kaa’eera. Konfiransii kanarratti miseensonni Dh.D.U.O 2,200 hirmaataniiru. Konfiransii kanarratti dhimmoonni addaddaa ka’anii irratti mari’atamuusaaniirrayyuu, rakkooleefi cimina jiru addaan baasuudhaan, rakkoolee adeemsa hojii keessatti uumaman sirreessuuf qixa kaa’eera. Akkasumattis hojii egereetiif hojjetamaniif kallattii kaa’eera.

Dhimmoota ka’an keessaa isaan ijoo ta’an, filannoo marsaa sadaffaa biyya keenyatti gaggeeffameen Dh.D.U.On injifannoo ol’aanaa gonfachuunsaa, akkasumas kaayoo warraaqsa demokraasii hubachiisuuf hojiiwwan ciccimoon hojjetamuusaanii eerameera. Filannoon booda komii ummataarratti hundaa’uu dhaan mootummaan tarkaanfii addaddaa fudhachuunsaa aantummaa ummatummaasaa kan mirkaneessu ta’uusaa irrayyuu, gara fuul duraattis fedhiifi faayidaa ummataarratti hundaa’uu dhaan hojiiwwan hojjetaman xiyyeeffannoon ol’aanaa akka itti kennamu ibsameera.

Misooma naannichaa si’achiisuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uunsaanii addeeffameera. Bara oomisha 1997/98 hojii qindoomina qabu hojjetameen oomisha gannaa qofarraa oomishni kuntaala miliyoona 91 ol argamuusaa eeramuusaarrayyuu, baranammoo oomisha dhibbeentaa 70 dabaluuf sochiin bal’aan jalqabamuusaa ibsameera. Akkasumas, dargaggoota kuma 300 oliif carraa hojii uumuuf sochiin jalqabame bal’inaan akka itti fufuu irratti mari’atameera.

Hojiin gama ijaarsa dandeettiin hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uusaanii akkasumas, gara fuul-duraatti hojiin kun bal’inaan akka itti fufuu murtaa’eera. Investimeentii babal’isuudhaan akkasumas misooma naannichaa si’achiisuuf hojiin qindoomina qabu akka hojjetamu konfiransichi qixa kaa’eera.

Nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf hojiin hojjetame irrattis mari’atameera. Gocha farreen ummataa godinaalee tokko tokko keessatti uumameerratti mari’achuudhaan gara fuul-duraa hojii qindaa’eefi cimaa hojjechuuf kallattiin kaa’ameera. Walumaagalatti konfiransii kanarratti dhimmoonni hedduu ka’anii irratti mari’atamuusaaniirrayyuu, misooma naannichaa si’achiisuuf, bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf akkasumattis, nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf hojiin hojjetamu maluuf kallatiin kaa’ameera. Miseensonni Dh.D.U.Os galma ga’iinsa hojii kanaaf adda dureen akka hojjetan waadaa galaniiru.

Gama biraatiin humna jiru ciminaan ijaaruudhaan hojii keessa galchu, waltajjiiwwan mariifi qorannoo uumuu, humna deeggaraa bal’inaan ijaaruu ilaalcha maxxantummaa irratti haala fufiinsa qabuun qabsaa’uun, barbaachisaa ta’uusaa irratti waliigalameera. Komee ummataa hiikuufis xiyyeeffannoon kennamee akka hojjetamu, deemsa baruufi barsiisuu ciminaan akka itti fufu taasisuun ekisteenshinii fayyaa, ijaarsa keellaa fayyaa babal’isuun dhimma xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetamu ta’uusaa addeeffameera.

Sagantaa foyya’iinsa siviil sarviisii sadarkaa hundarratti bifa wal fakkaataafi qulqullina qabuun hojiirra olchuuf tumsuun murteessaa ta’uunsaa eerameera. Dabalataanis nageenya naannichaa mirkaneessuuf walumaagalatti karoorawwan mootummaan baase galmaan ga’uuf kutannoon hojjetamuu akka qabu irratti waliigalameera.

(Oduu- LK 319)