|
Konfiransiin
barsistootaa imaammata mootummaan baaseeratti xiyyeeffatu ni
deemsifama
*
Gochi farra ummataa hirmaannaa ummataan fashalaa’uunsaa ibsame
Naannoo
Oromiyaatti konfiransiin barsistootaa imaammataafi tarsiimoo
mootummaan baaserratti xiyyeeffatu ni deemsifama. Humnoonni
farra nageenyaa manneen barnootaa tokko tokko keessatti adeemsa
baruufi barsisuu guufachisuuf yaalan gochiisaanii hirmaannaa
ummataan fashalaa’uunsaa ibsame.
Ob.
Muktaar Kadiir itti aanaa prezidaantii mootummaa Biyyaaleessaa
Naannoo Oromiyaafi ogganaan biiroo Ijaarsa Dandeettii akka
ibsanitti, kaayoon konfiransii kanaa walumaa galatti
barsistoonni imaammataafi tarsiimoo mootummaan baaserratti
hubannoo cimaa qabatanii bu’aa caalmaa qabuuf akka hojjetan
taasisa. Akkasumas, rakkoolee adeemsa baruufi barsiisu keessatti
uumaman irratti bal’inaanaan mari’achuudhaan hojii egereef
akka qophaa’an kan taasisu ta’uusaa Ob. Muktaar
addeessaniiru.
Konfiransii
kanarratti barsisoonni kuma 45 kan hirmaatan ta’uusaa Ob.
Muktaar eeranii, sadarkaa sadarkaan konfiransichi haala fufiinsa
qabuun ni deemsifama, barsisoonnis bal’inaan ni hirmaatu
jedhaniiru.
Humnoonni
farra nageenyaa godina Wallaggaafi Shawaa dhihaa maanneen
barnootaa tokko tokko keessatti adeemsa baruufi barsisuu
gufachiisuuf yaaliin godhan hirmaannaa ummataatiin
fashalaa’uusaa Ob. Muktaar dubbataniiru. Itti fufuudhaanis,
humnoonni akka qindoominaa filannoo darbeen kasaaraniifi
harcaatonni ABO jeequmsa magaalaa Finfinneetti ka’e gara
naannoo Oromiyaatti babal’isuuf yaaliin godhan hirmaannaa
ummataafi humna nageenyaan yemmuu jalaa fashalaa’u, manneen
barnootaarratti xiyyeeffachuudhaan daa’imman homaa hin beekne
dawoo godhatanii fedhiisaanii guuttachuuf yaalii addaddaa
godhaniiru. Meeshaa seeraan ala hidhachuudhaan manneen barumsaa
keessatti jequmsa kaasuuf yaalii godhan hirmaannaa ummataatiin
fashalaa’eera” jedhaniiru.
Wayita
ammaa adeemsi baruufi barsisuu haala tasgabaa’een itti
fufuusaa kan eeran Ob. Muktaar sochiin farra ummata kun fedhiifi
faayidaa ummata Oromoo kan guufachisu waan ta’eef ummanni
namoota deemsa baruufi barsiisuu gufachiisuuf yaalan seeratti
dhiyeesseera jedhaniiru.
Konfiransiin
barsistootaa kun Amajjii irraa eegala akka deemsifamu sagantaa
ba’e irraa hubachuun danda’ameera.
(Oduu- LK
316)
|