Magaalota guddisuuf, investimentii babal’isuu

Magaaloonni biyya keenyaa, hundayyuu jechuun ni danda’ama, rakkoolee wal xaxoo ta’an hedduu keessa waan turaniif sana keessaa bahuuf yeroon gaafatu salphaa akka hin taane hubachuun nama hin rakkisu. Rakkooleen bulchiinsa gaarii, mana jireenyaa, hojii dhabdummaan magaaloota hedduu keessatti ni mul’atu.

Rakkoolee magaaloota keessatti mul’atan kanneen salphisuuf jecha mootummaan xiyyeeffannoo kennee bifa haaraan sochii erga jalqabee waggoonni lama darbaniiru. Kana hojiirra oolchuuf magaaloonni riifoormii jala akka galan galchuun yoo ta’u, akka naannoo Oromiyaatti magaaloota riifoormii keessa galan keessaa magaalaan Jimmaa ishee tokkodha. Haaluma kanaan magaalaa Jimmaa keessatti adda addaa rakkoolee mul’atan  salphisuuf sochiiwwan taasifaman bulchiinsa magaalaattiitti itti gaafatamaan waajjira sab-qunnamtii nuuf ibsaniiru, Ob. Salamoon Qannoo.

Rakkoolee magaalaan Jimmaa qabdu keessaa barnoonni bu’uurri, misoomaa, fayyaan hojii dhabdummaan, rakkoon HIV Eedsii akka keessatti argaman Ob. Salamoon nuuf ibsaniiru. Rakkoolee kanneen furuuf karoora tarsiimoo baafachuun hojii erga eegalanii waggoota lama akka ta’es eeraniiru. Waggoota lamaan kana keessatti hojiiwwan jireenya ummataa fooyyessan hedduun hojjetamuu isaaniis ibsaniiru. Haaluma kanaan walumaa galatti hojiin investimentii birrii mil. 200tti shalagamu raawwatameera.

Bulchiinsi magaalaa Jimmaa waggoota lama dura bifa haaraatiin hojii osoo hin jalqabiin dura gama tajaajila kennuutiin rakkooleen hedduun akka turan itti gaafatamaan kun ni dubbatu. Rakkoolee ilaalchaa turan, birokiraasii wal xaxaa ta’e irratti marii gochuudhaan mul’ata haaraan hojii akka eegalan ibsa nuuf kennan irraa hubachuun danda’ameera. Bifa haaraatiin hojiin jalqabamuu isaatiin tajaajila gaarii kennuun waan jalqabameef investaroonni bal’inaan hirmaachuu isaaniis Ob. Salamoon dabalanii eeraniiru. Maallaqni armaan olitti eerames investaroonni damee barnootaa, hoteelaa, daldala irratti hirmaachuu isaaniitin ta’uusa hubachuun danda’ameera.

Kana malees magaalaan Jimmaa lafa gabaa magaalaattii waliin wal gitu waan hin qabneef kunis xiyyeeffannoo argatee hojjetameera. Haaluma kanaan lafti gabaa dhiphaafi mijataa hin turre waggoota lamaan darban kessatti lafa gabaa guddaafi ammayyaa ta’e tokko ijaaruun danda’ameera. Hojiin daandii keessa keessaa, bo’oon lolaan keessa darbu illee waggootii lamaan kana keessatti hojjetamaniiru.

Hojiiwwan magaalattii keessatti adeemsifaman bal’aa waan ta’aniif bajataafi maashinarii guddaa barbaada kan jedhan itti gaafatamaan kun, rakkoo kana furuuf hirmaannaa ummataafi dhaabbilee mit-mootummaa tokko tokko waliin hojjetamaa akka jiru nuuf ibsaniiru. Kunis keessumaa hojii qulqullinaafi hojii bu’uura misoomaa irratti hojjetamaa akka jiru ibsa kennamerraa hubanneerra. Hojii qulqullinaa irratti hawaasa irraa, daldalaa irraa kan walitti baba’e koreen tokko miidhaginaafi Jimma magariisa taate uumuuf kan dhaabate sosso’aa jira, hojii qulqullinaa irratti.

Hojii tokko galmaan ga’uuf hirmaannaan ummataafi qaamolee garaa garaa murteessaa ta’uun isaa ni beekama. Waggaa darbe dhalattoonni Jimma Finfinneefi biyya alaa jiran baazaarii Jimmatti qophaa’e irratti hirmaachuu isaanii Ob. Salamoon yaadachiisaniiru. Haaluma kanaan namoonni 100 ol ta’an kan dhalataa Jimmaa biyya biraa jiran hirmaatanii ture. Koreen tokko dhaabatee koree kana waliin hojjechaa akka jiran ibsanii, namoota 100 kanneen keessaa Jimmatti hojii investimentii irratti kan bobba’an akka jiran ibsa kennamerraa hubachuu dandeenyeerra.

Hojii misoomaa bulchiinsi magaalichaa hojjetu ilaalchisee karoora ba’u irratti hirmaannaan ummataa akka jiru Ob. Salamoon eeraniiru. Akka kanaan hawaasa keessaa abbootiin amantaa, daldltoota jaarsolii biyyaa irraa kan baba’an karoora bulchiinsa magaalichaa irratti waggaa waggaan akka mari’atan, baatii sadi-sadiin ammoo raawwii jiru irratti akka mari’ataniifi akka qoratan Ob. Salamoon ni dubbatu.

Walumaa gala bulchiinsi magaalaa Jimmaa hojii dhabdumaa dhabamsiisuuf ciminaan sosso’aa akka jiru ibsa kenname irraa hubachuun ni danda’ama. Bara kanas dargaggoota 5,000 ta’an hojii keessa galchuuf sochiin eegalamuusaas hubanneerra. Magaalaa Jimmaa ummanni kuma 150 ol akka keessa jiraatu Ob. Salamoon eeraniiru.

(Oduu- LK 315)