|
Mootummaan
hojiiwwan jireenya ummataa jijjiiran ciminaan ni hojjeta
Mootummaan
naannoo Oromiyaa tarkaanfilee fayyadamtummaa ummataa
mirkaneessan bal’inaan fudhachuu jalqabuu isaa pirezidaantiin
mootummaa naannoo Oromiyaa Abbaa Duulaa Gammadaa ibsan.
Pre.
Abbaan Duulaa Gammadaa gidduu kana ibsa gaazexessootaaf
kennaniin akka dubbatanitti, karoora waggaa shaniirratti
xiyyeeffachuun bara kana kara misooma baadiyaa, barnootaa,
fayyaa, bulchiinsa gaariifi nageenyaatiin karoora ba’e hojii
irra oolchuuf sochiin cimaan jalqabamuu isaa dubbataniiru.
Tarsiimoofi
imaammata mootummaa baase kana ummatichi itti fayyadamaa akka
ta’uuf hojii irra oolmaasaatiif naannoo kaasee hanga
godinaattii caaseffamani bulchiinsaa akka haaraatti hunda’ee
kaabinoonniifi bulchiinsonni hojii jalqabuu isaanii ibsaniiru.
Kaabinoonniifi
bulchiinsonni muudaman kunneen namoota imaammataafi tarsiimoo
mootummaa hojii irra oolchuuf dandeettiifi muuxannoo qaban
ta’uu isaanii Abbaan Duullaa hubachiisaniiru.
Akka
ibsa Abbaa Duulaatti, keessumattuu karoora misooma baadiyaa
ba’e ciminaan hojii irraa oolchuudhaaf, oomisha qonnaan bulaa
dabaluufi akka fayyadaman gochuutu nurraa eegama jedhaniiru.
Akkasumas
qonnaan bulaaf yeroodhaan callaa guddiftuu dhiyeessuu haala
gabaa bal’aa argachuu itti danda’u mijeessuun hojii ciminaan
itti adeemamu akka ta’e dubbataniiru.
Qonnaan
bulaan oomisha oomisheef gabaa gaarii akka argatuufi galiin isaa
akka guddatu gochuudhaaf naannoo magaalaa Finfinneetti giddu
galeessa gabaa shan ijaaruudhaaf karoorfamee itti adeemamaa akka
jiru Abbaan Duulaa itti dabalanii ibsaniiru.
Karoorri
qonnaafi misooma baadiyaa kun naannoo keenya keessatti
murteessaadha kan jedhan Abbaan Duulaa, ummanni keenya baadiyaa
keessa jiraatuu karoora kana galmaan ga’uuf (hojii irra)
oolchuuf tokkummaan ka’uu qaba jedhaniiru. Akka ibsa Abbaa
Duulaatti, mirga Oromoon Finfinnee irraa qabu ilaalchisee yeroo
amma hojiin hojjetamaa akka jiru hubachuun nidanda’ama.
Magaalaa
guddittii Oromiyaa Finfinnee irratti yeroo ammaa kana
giddugaleessaa addaafi seenaa ummata Oromoo calaqqisiisu
ijaaruuf naannoo Mashaalokaatti yeroo dhihootti dhagaan
bu’uuraa akka kaa’amu dubbataniiru.
Kana
malees kutaa magaaloota Finfinnee kudhan (10) keessattis damee
giddu galeessa addaafi seenaa ummata Oromoo calaqqisiisu
ijaaruuf dabalataan iddoon gaafatamaa jira jedhaniiru.
Hojii
kana jalqabsiisuuf bulchiinsa magaalaa Finfinnee wajjin koreen
tokko dhaabate sochii irra akka jiru Abbaan Duulaa itti
dabaluudhaan ibsaniiru.
Akkasumas
ummanni Oromoo bakka itti ijoolleesaa
afaan isaatiin barsiifachuu danda’u mana barnootaa
tokkollee waan hin qabneef rakkachaa ture jira.
Kana
hiikuudhaaf mana barumsaa ijaaruudhaaf kutaa magaalaa Finfinnee
kurnanuu keessatti lafti mana barumsaa itti ijaaramu qoratamaa
akka jiru itti dabaluun ibsaniiru.
Karaa
biraatiin ammoo hojjettoota biiroolee Oromiyaa keessa jiran
abbaa mana jireenyaa gochuudhaaf mootummaan Oromiyaa bulchiinsa
Finfinnee wajjiin tokko ta’uudhaan lafti manni jireenyaa
irratti ijaaramu bal’inaan qoratamaa akka jiru dubbataniiru.
Magaalaa
Finfinnee keessatti rakkoo gar-gar faca’iinsa
waajjiraalee Oromiyaa jiran hiikuudhaaf bulchiinsa
magaalaa Finfinnee wajjin ta’uudhaan koreen teknikaa tokko
dhaabbatee iddoo ijaarsi itti geggeeffamu qorachaa akka jiru
pirezidaantichi dubbataniiru. Hojjettoonni mootummaa kanaan dura
Adaamaa deemanii turan yeroo ammaa gara Fifinneetti deebi’uu
jalqabuu isaanii dubbataniiru.
Karaa
birootiin nafxanyoonni pireesii dhuunfaatiin naannoo keenya
keessatti akka nageenyi hin jirre godhanii bareessuun alatti
seenaafi aadaa ummatichaa xureessuudhaan kitaaba irratti baasaa
akka jiran eeranii, warra aadaafi seenaa ummata Oromoo
balleessuuf hinciifne kana seeratti dhiyeessuudhaaf qophiin
barbaachisu xumuramaa jira jedhaniiru.
(Oduu- LK
302)
|