Naannoo Oromiyaatti waggootii sadan darban guddinni oomishaa walirraa hin cinne akka galmaa'e ibsame

Naannoo Oromiyaatti oomishni qonnaa kuntaala mil. 54 darbee hin beekne waggootii walitti aanan sadan darban kana guddinni walirraa hin cinne mul’achuudhaan barana oomisha kuntaala mil. 91 argachuun akka danda’ame dura taa’aan Dh.D.U.Ofi prezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa ibsan.

Dura taa’aan Dh.D.U.O fi Prezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Ob. Abbaa Duulaa Gammadaa kabajaa ayyaana hundeeffama Dh.D.U.O waggaa 16ffaa sababeeffachuun gaazeexaa Oromiyaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, guddinni oomishaa argame kun misooma jallisii, boneefi arfaasaa yoo dabalate kunt. mil. 110 ol akka ta’u addeessaniiru.

Guddinni dinagdee kun gama investimentiifi daldala xixiqqaatiinis dabalaa deemuu isaa kan ibsan dura taa’aan Dh.D.U.O, tajaajila fayyaa, bu’uraalee misoomaa kanneen akka daandii, ibsaa, bishaanii naannoo Oromiyaa keessatti babal’achaa dhufuu isaanii addeessaniiru.

Itti fufuudhaan Ob. Abbaa Duulaan akka ibsanitti, waggootii darban tarsiimoofi imaammata kaayoo Dh.D.U.O irraa maddan hojii irra oolchuudhaaf sochii taasifameen guddinni qabatamaan mirkanaa’eera. Kana malees imaammataafi tarsiimoo misoomaa ba’e hojiirra oolchuuf qaamni dhimmi ilaalu hundi sadarkaa adda addaatti mari’achuu isaa eeranii, qonnaan bulaanis humna, lafaafi qabeenya isaa qindeessee akka hojjetu mariin adda addaa adeemsifamaa turuu isaa ibsaniiru.

Ayyaana hundeeffama Dh.D.U.O wayta kabajnu waggaa lakkaa’uu qofa osoo hin ta’iin fedhiifi faaydaan ummataa hammam guutame kan jedhu ilaaluudha kan jedhan Ob. Abbaa Duulaa Gammadaa, haalummaa kanaan bara kana kan waggaa 16ffaa kana yoo kabajnus guddina walirraa hin cinne, bulchiinsa gaariifi sirna demokraasii dagaagsuuf sochii taasifameefi bu’aa argame yaadachuun, bu’aa kana caalu galmeessisuuf waadaa galuudhaan akka ta’e mirkaneessaniiru.

(Oduu- LK 320)