Naannoo Oromiyaatti konfiransiin qonnaan bultootaa ni adeemsifama

Konfiransiiwwan qonnaan bultootaa kanaan dura gaggeeffamee bu’aa qabeessa ta’uusaatiin baranas haala wal-fakkaataa ta’een naannoo Oromiyaatti gandoolee kuma 6 ol keessatti konfiransiin qonnaan bultootaa akka gaggeeffamu itti gaafatamaan Biiroo qonnaafi misooma baadiyaa Oromiyaa ibsan.

Ob. Dirribaa Kumaa itti gaafatamaan biiroo kanaa akka ibsanitti, kaayoon konfiransii kanaa qonnaan bulaan ilaalchota duubatti hafoo misooma danqan dhabamsisuu dhaan aadaa hojiisaa jijjiree, hiyyuummaa biyya keenya keessatti dagaagee jiru maqsuuf akka tumsuufi ciminaan akka hojjetu akkasumas, rakkoolee bulchinsa gaariifi guufuu misoomaa dhabamsisuuf akka hojjetu taasisuuf ta’uusaa dubbataniiru. Haala kanaan barana konfiransiin qonnaan bultootaa gandolee kuma 6 ol keessatti akka adeemsifamu itti gaafatamichii eeraniiru.

Konfiransiin kun kan deemsifamu haala qabatamaa aanaafi ganda qonnaan bultoota tilmaama keessa galchuudhaan akka ta’e Ob. Dirribaan eeraniiru. Itti fufuudhaanis, yeroonsaa yeroo oomishinii walitti qabamu waan ta’eef gandoolee oomishnii itti sassaabamuutti qonnaan bultoonni eerga oomisha galfatan booda konfiransii kana kan adeemsifaman yemmuu ta’u, iddoowwan oomishnii hingeenyeettimmoo marsaa jalqabaarratti konfiransichii akka deemsifamu eeraniiru.

Konfiransiin kun gandoolee naannichatti argaman maratti kan deemsifamu yemmuu ta’u marsaa lamaan ykn sadiin baatii tokkorraa hanga lamaatti kan xumuramu ta’uusaa itti gaafatamaan kun dubbataniiru. Itti fufudhaanis konfiransii kanarratti qonnaan bultoonni kuma 900 kan hirmaatan ta’uusaafi isaanis hojiisaanitiin ciccimoo kan ta’an, ummata biroofis fakkeenya ta’uu danda’aniifi qonnaan bulaan kan isaan filatee ta’uusaa akkasumas, isaanis erga leenjiisaanii xumuranii booda qonnaan bulaa akka leenjisan eeraniiru.

Karaa biraatiin naannoo Oromiyaatti oomisha dachaan dabaluuf karoora qabame galmaan ga’uuf sochii taasifamuuf haalli mijaa’aan jiraachuu isaa Biiroon qonnaafi misooma baadiyaa naannichaa ibse.

Ob. Bayyanaa Maammoo Biiroo qonnaafi misooma baadiyaa Oromiyaatti dursaan garee midhaanii akka ibsanitti, naannicha keessatti oomisha dachaan dabaluuf lafa kanaan dura hinqotamne dabalatee lafti heektaarri miliyoona 6.2 qotamee midhaan akaakuu addaddaa irraa facaafamuusaa dubbataniiru. Akkasumas xaa’oon kuntaala miliyoona 1.5 ol qonnaan bulaaf raabsamuusaa Ob. Bayyanaan eeranii, kunis bar-dheengaddaa wajjin wal biratti qabamee yemmuu madaalamu dhibbeentaa 18 caalmaa qaba jedhaniiru.

Oomisha bara 1997/1998 sanyiin filatamaa midhaan akaakuu addaddaa kuntaalli kuma 95 ol qonnaan bulaaf raabsamuusaa Ob. Bayyanaan dubbatanii, kunis bar-dheengaddaa wajjin yemmuu wal biratti madaalamu dhibbeentaa 38n caalmaa akka qabu, ibsaniiru. Itti fufuudhaanis, qonnaan bulaan lafasaa deddeebisee qotuunsaa, lafti kanaan dura hin qotamne dabalataan qotamuunsaa, xaa’oo, sanyii filatamaa yeroo dhaan argachuunsaa, erga midhaan facaafamee boodas, aramaan yeroodhaan aramamuunsaa, akkasumas, qonnaan bulaaf leenjiin kennamuusaatiifi hojjettoonni misoomaa karooricha galmaan ga’uuf kutannoon hojjechuusaaniitiin karoorri qabame galma ni ga’a jedhamee akka eeggamu Ob. Bayyanaan eeraniiru.

Akka dursaan garee kun ibsanitti, barana midhaan kuntaalli miliyoona 162 ni argama jedhametu eegama.

   (Oduu- LK 303)