Naannoo
Oromiyaatti konfiransiin qonnaan bultootaa ni adeemsifama
Konfiransiiwwan
qonnaan bultootaa kanaan dura gaggeeffamee bu’aa qabeessa
ta’uusaatiin baranas haala wal-fakkaataa ta’een naannoo
Oromiyaatti gandoolee kuma 6 ol keessatti konfiransiin qonnaan
bultootaa akka gaggeeffamu itti gaafatamaan Biiroo qonnaafi
misooma baadiyaa Oromiyaa ibsan.
Ob.
Dirribaa Kumaa itti gaafatamaan biiroo kanaa akka ibsanitti,
kaayoon konfiransii kanaa qonnaan bulaan ilaalchota duubatti
hafoo misooma danqan dhabamsisuu dhaan aadaa hojiisaa jijjiree,
hiyyuummaa biyya keenya keessatti dagaagee jiru maqsuuf akka
tumsuufi ciminaan akka hojjetu akkasumas, rakkoolee bulchinsa
gaariifi guufuu misoomaa dhabamsisuuf akka hojjetu taasisuuf
ta’uusaa dubbataniiru. Haala kanaan barana konfiransiin
qonnaan bultootaa gandolee kuma 6 ol keessatti akka adeemsifamu
itti gaafatamichii eeraniiru.
Konfiransiin
kun kan deemsifamu haala qabatamaa aanaafi ganda qonnaan
bultoota tilmaama keessa galchuudhaan akka ta’e Ob. Dirribaan
eeraniiru. Itti fufuudhaanis, yeroonsaa yeroo oomishinii walitti
qabamu waan ta’eef gandoolee oomishnii itti sassaabamuutti
qonnaan bultoonni eerga oomisha galfatan booda konfiransii kana
kan adeemsifaman yemmuu ta’u, iddoowwan oomishnii
hingeenyeettimmoo marsaa jalqabaarratti konfiransichii akka
deemsifamu eeraniiru.
Konfiransiin
kun gandoolee naannichatti argaman maratti kan deemsifamu yemmuu
ta’u marsaa lamaan ykn sadiin baatii tokkorraa hanga lamaatti
kan xumuramu ta’uusaa itti gaafatamaan kun dubbataniiru. Itti
fufudhaanis konfiransii kanarratti qonnaan bultoonni kuma 900
kan hirmaatan ta’uusaafi isaanis hojiisaanitiin ciccimoo kan
ta’an, ummata biroofis fakkeenya ta’uu danda’aniifi
qonnaan bulaan kan isaan filatee ta’uusaa akkasumas, isaanis
erga leenjiisaanii xumuranii booda qonnaan bulaa akka leenjisan
eeraniiru.
Karaa
biraatiin naannoo Oromiyaatti oomisha dachaan dabaluuf karoora
qabame galmaan ga’uuf sochii taasifamuuf haalli mijaa’aan
jiraachuu isaa Biiroon qonnaafi misooma baadiyaa naannichaa ibse.
Ob.
Bayyanaa Maammoo Biiroo qonnaafi misooma baadiyaa Oromiyaatti
dursaan garee midhaanii akka ibsanitti, naannicha keessatti
oomisha dachaan dabaluuf lafa kanaan dura hinqotamne dabalatee
lafti heektaarri miliyoona 6.2 qotamee midhaan akaakuu addaddaa
irraa facaafamuusaa dubbataniiru. Akkasumas xaa’oon kuntaala
miliyoona 1.5 ol qonnaan bulaaf raabsamuusaa Ob. Bayyanaan
eeranii, kunis bar-dheengaddaa wajjin wal biratti qabamee yemmuu
madaalamu dhibbeentaa 18 caalmaa qaba jedhaniiru.
Oomisha
bara 1997/1998 sanyiin filatamaa midhaan akaakuu addaddaa
kuntaalli kuma 95 ol qonnaan bulaaf raabsamuusaa Ob. Bayyanaan
dubbatanii, kunis bar-dheengaddaa wajjin yemmuu wal biratti
madaalamu dhibbeentaa 38n caalmaa akka qabu, ibsaniiru. Itti
fufuudhaanis, qonnaan bulaan lafasaa deddeebisee qotuunsaa,
lafti kanaan dura hin qotamne dabalataan qotamuunsaa, xaa’oo,
sanyii filatamaa yeroo dhaan argachuunsaa, erga midhaan
facaafamee boodas, aramaan yeroodhaan aramamuunsaa, akkasumas,
qonnaan bulaaf leenjiin kennamuusaatiifi hojjettoonni misoomaa
karooricha galmaan ga’uuf kutannoon hojjechuusaaniitiin
karoorri qabame galma ni ga’a jedhamee akka eeggamu Ob.
Bayyanaan eeraniiru.
Akka
dursaan garee kun ibsanitti, barana midhaan kuntaalli miliyoona
162 ni argama jedhametu eegama.
(Oduu- LK
303)
|