|
Namoonni
kuma 35 ol ta’an waldaalee albuudaatiin gurmaa’anii
hojjichaa jiru
Namoonni
kuma 35 ol ta’an waldaalee albuudaatiin gurmaa’anii
hojjechaa akka jiran Ob. Alamaayyoo Guddaayyaa itti gaafatamaan
ejansii misooma qabeenya albuudaa Oromiyaa ibsan.
Miseensonni
waldaalee kanneen oomisha cirrachaa sookoofi kanneen biroorratti
kan bobba’an yemmuu ta’u, galii gaarii argachaa akka jiran
Ob. Alamaayyoo eeraniiru. Itti fufuudhaanis, godina Shawaa
bahaatti waldaaleen 19 oomisha cirrachaarratti kan bobba’an
yemmuu ta’an waldaaleen kunneen gurgurtaa cirraachaarraa
birrii miliyoona sagal argachuusaaniifi birrii miliyoona afur
baankii kaawwachuusaanii eeraniiru.
Naannoo
Oromiyaatti abbootiin qabeenyaa 190 kaappitaala birrii miliyoona
685 ol qaban hojii albuudaarratti bobba’uusaanii Ob.
Alamaayyoon eeranii, hanga ammaattis kiraa lafaafi gibira
addaddaarraa birriin miliyoona 188 ol argamuusaa ibsaniiru.
Kanaan
dura namoonni hedduu hojii albuuda ilaalchisee hojii seeraan
alaarratti bobba’uusaanii itti gaafatamichi eeraniiru. Itti
dabaluudhaanis, hojii seeraan ala kana to’achuuf mootummaa
fedaraalaa wajjin qindominaan hojjetamaa akka jiruufi feericha
hojiirra olchuuf qophiin xumuramuusaa addeessaniiru.
(Oduu- LK
310)
|