Oomishtummaa lafa qonnaa dabaluun oomisha guddisuuf karoorfame

Bara kana godinaalee Oromiyaa rooba gayaa argatan keessatti omishtummaa lafaa guddisuun omisha qonnaa dabaluuf akka karoorfatame prezidaantiin bulchiinsa naannoo Oromiyaa ibsan.

Prezidaantichi Ob. Abbaa Duulaa Gammadaa gabaasaa yaa’ii idilee 2ffaa bara hojii 3ffaa caffee Oromiyaaf jidduu kana dhiyeessaniin akka addeessanitti, oomishni bara kana keessa galee kan jallisii muduraafi kuduraafi buna osoo hin dabalatiin kuntaala mil. 91 ol akka ta’e eeranii, omishni kunis hojiiwwan biroo dabalatee lafa bal’inaan qotuun akka argame addeessaniiru. Barana garuu lafa qonnaa heddu osoo hin bal’isiin oomishtummaa isa jiruu dabaluun oomisha guddisuuf karoorfatamee akka itti deemamu eeraniiru.

Kanaafis jecha dhiyeessa sanyii filatamaafi xaa’oo guddisuu, mala qonnaa fooyyessuu haala ogeessonni qonnaan bultoota deeggersa oomishaa haala itti xiqqaaturratti bal’inaan akka hojjatamaa jiru Ob. Abbaa Duulaan dubbataniiru.

(Oduu- LK 321)