|
Qabeenya
albuudaa keenyaaf xiyyeeffannoo kennuu qabna
Biyyi
keenya qabeenyota guddina biyyaatiif oolan hedduu akka qabdu
beekuun ni danda’ama. Qabeenyonni sadarkaa adda addaatti jiran
kunneen xiyyeeffannoon kennameefii itti hojjetamnaan guddina
biyyaatiif akka oolan shakkii hin qabu. Qabeenyota uumamaa
Oromiyaan qabdu hedduu keessaa qabeenyi albuudaa isa tokkodha.
Qabeenyonni
albuudaa Oromiyaan qabdu keessaa kanneen akka Warqee (Sookoo),
pilaatiiniyeem,... sharafa biyya alaa argamsiisuu keessatti
iddoo guddaa akka qaban ibsa Ob. Alamaayyoo Gudayyaa irraa
hubachuun danda’ameera. Ob. Alamaayyoo Gudayyaan itti
gaafatamaa Ejensii misooma qabeenya Albuuda Oromiyaati.
Albuudota
armaan olitti eerreen alas albuudonni ijaarsaa kanneen akka
cirrachaafi dhakaa adda addaa bal’inaan argamu. Kana malees
albuudonni industirii kanneen akka dhakaa nooraa, simintoo
oomishuuf kan gargaaran naannoo Oromiyaa keessatti bal’inaan
ni’argamu.
Haa
ta’u malee gosoonni albuudaa addaaddaa Oromiyaa keessatti
argaman kunneen hammam misooma irra oolaniiru? kan jedhamu yoo
ta’e baay’ee xiqqaa ta’uu isaa Ob. Alamaayyoon ni dubbatu.
Yeroo dhihootii as albuuda ijaarsaa ilaalchisee cirracha irratti
godina Shawaa bahaatti sochiin gaariin jiraachuun isaa
niyaadatama. Kanas taanaan jalqaba irratti hojii kana irraa kan
fayyadaman namoota naannawa sanaa osoo hin ta’iin, kanneen
magaalaa taa’anii gatii xinnaan namoota naannawaa hojjechiisan
turan. Har’a garuu namoonni naannawaa gurmaa’anii hojii
cirrachaa kana irratti bobba’anii bu’aa gaarii irraa
argachaa jiru.
Haaluma
kanaan hamma bara 1997 baatii Eblaatti waldaalee kunneen birrii
mil. 9 gurgurtaa irraa kan argatan yoo ta’u, baankiitti
qusannaa banuu dhaan birrii mil. 4 akka qaban beekuun
danda’ameera. Ragaan kun kan godina shawaa bahaatii argame yoo
ta’u, godinoota shawaa lixaa, Gujii, fi kanneen biroo
keessattis hojiin hojjetame akka jiru beekuun danda’ameera.
Akkuma
biyyaattuu qabeenyi albuudaa baay’inaan akka jiru yoo
beekameyyuu, bifa qindaa’een qoratamee beekamuu dhabuun,
xiqqaachuu faaydaa isaatiif sababa akka ta’e ni beekama.
Qabeenyota albuudaa baay’ee biyya kana keessa jiran keessaa
%70 Oromiyaa keessa akka jiru ni tilmaamama. Haata’u malee
akkuma armaan olitti eeruuf yaalle faaydaa irra oolchuuf yaaliin
gama albuuda ijaarsaatiin jiru fooyyee qaba. Gama biraatiin
garuu ammallee baay’eetu hafa.
Ejensiin
misooma qabeenya Albuudaa Oromiyaa yeroo dhihootii as qorannoo
addaaddaa adeemsisuudhaan oomishtoonni aadaan albuuda oomishan
hojiitti bobbaasaa jira. Kana jechuun oomishni seeraan alaa
albuuda irratti raawwatu seera qabeessa akka ta’u gochaa jira.
Haaluma
kanaan fedhii ijaarsaa irratti hundaa’uun albuuda gama kanaan
jiru qoratee namoonni akka keessatti hirmaatan taasifameera.
Kana keessaa ijaarsa gamoowwan gurguddoof kan oolan kan akka
dhakaa adii (marble), garaanaayit qorateera. Kanneen kun
Wallagga lixaa, Iluu Abbaa Booraa, Gujii, Harargeetti qoratee
namoonni akka irratti hojjetan taasifameera. Kana malees
qabeenyi Warqee (sookoo) shaakkisoo, Wallagga lixaa akka jiru
qoratamee namoonni kara aadaa oomishaa turaniiru. Kana malees
biyyoon suphee naannoo laga Xaafoo akka jiru ejensiin kun
qoratee galmeessee qabateera.
Yeroo
ammaa hojii albuudaa irratti waldaaleen gurmaa’anii hojjechaa
jiru. Waggoota 2 darban waldaaleen addaddaa namoota 19,570 qaban
gurmaa’anii hojjechaa jiru. Kanneen keessa 1,700 ol dubartoota
akka ta’an beekameera. Kunneen irra caalaa godina Shawaa
bahaatti kan argaman yoo ta’an isaanis waldaalee 192 dha.
Shaakkisootti ammoo waldaaleen Warqee oomishan 26 gurmaa’anii
hojjechaa jiru.
Hojiin
kun hojii bal’aadha. Ogeessa barbaada. Ejensiin kun yeroo
ammaa hojii kana seera qabeessa gochuuf sosso’aa jira. Humna
namaa (ogeessan) cimsachaa deemaa jira. Caasaas diriirfachaa
jira. Walumaa gala bu’aa guddaa qabeenya kana irraa argamuu
danda’u argachuuf ciminaan hojjechuun akka barbaachisu Ob.
Alamaayyoon eeraniiru.
(Oduu- LK
310)
|