Qabeenya albuudaa keenyaaf xiyyeeffannoo kennuu qabna

Biyyi keenya qabeenyota guddina biyyaatiif oolan hedduu akka qabdu beekuun ni danda’ama. Qabeenyonni sadarkaa adda addaatti jiran kunneen xiyyeeffannoon kennameefii itti hojjetamnaan guddina biyyaatiif akka oolan shakkii hin qabu. Qabeenyota uumamaa Oromiyaan qabdu hedduu keessaa qabeenyi albuudaa isa tokkodha.

Qabeenyonni albuudaa Oromiyaan qabdu keessaa kanneen akka Warqee (Sookoo), pilaatiiniyeem,... sharafa biyya alaa argamsiisuu keessatti iddoo guddaa akka qaban ibsa Ob. Alamaayyoo Gudayyaa irraa hubachuun danda’ameera. Ob. Alamaayyoo Gudayyaan itti gaafatamaa Ejensii misooma qabeenya Albuuda Oromiyaati.

Albuudota armaan olitti eerreen alas albuudonni ijaarsaa kanneen akka cirrachaafi dhakaa adda addaa bal’inaan argamu. Kana malees albuudonni industirii kanneen akka dhakaa nooraa, simintoo oomishuuf kan gargaaran naannoo Oromiyaa keessatti bal’inaan ni’argamu.

Haa ta’u malee gosoonni albuudaa addaaddaa Oromiyaa keessatti argaman kunneen hammam misooma irra oolaniiru? kan jedhamu yoo ta’e baay’ee xiqqaa ta’uu isaa Ob. Alamaayyoon ni dubbatu. Yeroo dhihootii as albuuda ijaarsaa ilaalchisee cirracha irratti godina Shawaa bahaatti sochiin gaariin jiraachuun isaa niyaadatama. Kanas taanaan jalqaba irratti hojii kana irraa kan fayyadaman namoota naannawa sanaa osoo hin ta’iin, kanneen magaalaa taa’anii gatii xinnaan namoota naannawaa hojjechiisan turan. Har’a garuu namoonni naannawaa gurmaa’anii hojii cirrachaa kana irratti bobba’anii bu’aa gaarii irraa argachaa jiru.

Haaluma kanaan hamma bara 1997 baatii Eblaatti waldaalee kunneen birrii mil. 9 gurgurtaa irraa kan argatan yoo ta’u, baankiitti qusannaa banuu dhaan birrii mil. 4 akka qaban beekuun danda’ameera. Ragaan kun kan godina shawaa bahaatii argame yoo ta’u, godinoota shawaa lixaa, Gujii, fi kanneen biroo keessattis hojiin hojjetame akka jiru beekuun danda’ameera.

Akkuma biyyaattuu qabeenyi albuudaa baay’inaan akka jiru yoo beekameyyuu, bifa qindaa’een qoratamee beekamuu dhabuun, xiqqaachuu faaydaa isaatiif sababa akka ta’e ni beekama. Qabeenyota albuudaa baay’ee biyya kana keessa jiran keessaa %70 Oromiyaa keessa akka jiru ni tilmaamama. Haata’u malee akkuma armaan olitti eeruuf yaalle faaydaa irra oolchuuf yaaliin gama albuuda ijaarsaatiin jiru fooyyee qaba. Gama biraatiin garuu ammallee baay’eetu hafa.

Ejensiin misooma qabeenya Albuudaa Oromiyaa yeroo dhihootii as qorannoo addaaddaa adeemsisuudhaan oomishtoonni aadaan albuuda oomishan hojiitti bobbaasaa jira. Kana jechuun oomishni seeraan alaa albuuda irratti raawwatu seera qabeessa akka ta’u gochaa jira.

Haaluma kanaan fedhii ijaarsaa irratti hundaa’uun albuuda gama kanaan jiru qoratee namoonni akka keessatti hirmaatan taasifameera. Kana keessaa ijaarsa gamoowwan gurguddoof kan oolan kan akka dhakaa adii (marble), garaanaayit qorateera. Kanneen kun Wallagga lixaa, Iluu Abbaa Booraa, Gujii, Harargeetti qoratee namoonni akka irratti hojjetan taasifameera. Kana malees qabeenyi Warqee (sookoo) shaakkisoo, Wallagga lixaa akka jiru qoratamee namoonni kara aadaa oomishaa turaniiru. Kana malees biyyoon suphee naannoo laga Xaafoo akka jiru ejensiin kun qoratee galmeessee qabateera.

Yeroo ammaa hojii albuudaa irratti waldaaleen gurmaa’anii hojjechaa jiru. Waggoota 2 darban waldaaleen addaddaa namoota 19,570 qaban gurmaa’anii hojjechaa jiru. Kanneen keessa 1,700 ol dubartoota akka ta’an beekameera. Kunneen irra caalaa godina Shawaa bahaatti kan argaman yoo ta’an isaanis waldaalee 192 dha. Shaakkisootti ammoo waldaaleen Warqee oomishan 26 gurmaa’anii hojjechaa jiru.

Hojiin kun hojii bal’aadha. Ogeessa barbaada. Ejensiin kun yeroo ammaa hojii kana seera qabeessa gochuuf sosso’aa jira. Humna namaa (ogeessan) cimsachaa deemaa jira. Caasaas diriirfachaa jira. Walumaa gala bu’aa guddaa qabeenya kana irraa argamuu danda’u argachuuf ciminaan hojjechuun akka barbaachisu Ob. Alamaayyoon eeraniiru.

(Oduu- LK 310)