Qajeelfama kennamuuf irratti hundaa’uun badii raawwachaa akka turan miseensonni WFDO tokko tokko tokko ibsan

Miseensonniifi deeggartoonni WFDO hooggantoota isaanii irraa qajeelfama kennamuuf irratti hundaa’uun ummata irratti badii raawwachaa akka turan kanneen to’annaa jala oolan tokko tokko ibsan.

Kanneen to’annaa jala oolan keessaa Ob. Bayyanaa Badhaasaa, Ob. Jiinoo Immaanaa, Ob. Baqqalaa Gizaaw gaazeexaa Oromiyaa irraa gaaffii dhihaateef deebii kennaniin, qabeenyaa nama tokkoo irratti badii osoo hin raawwatiin dura hooggantootaan qajeelfamni ba’ee akka kennamuuf ibsaniiru.

Ob. Bayyanaa Badhaasaa haala ture yemmuu ibsu, “keessumaa namni Addisuu Biraanuu jedhamu bakka ga’etti dargaggoota lamas, sadiis yoo arge mana caasaa ummataarra deemneetu meeshaa hiiksifna jedheetu kakaasaa oola. Ana halkan sa’aatii 6tti mana dhufanii nafuudhanii ba’an. Mana nama tokkoo deemneetu meeshaa hiiksifne. Kaayoon sochii kanaas jiru meeshaa hiiksifneetu of ijaarree mootummaa kuffifna kan jedhudha” jechuun dubbateera.

Badii raawwataniiru jedhamanii kanneen to’annaa jala oolan keessaa Ob. Jiinoo Immaanaa akka ibsetti, “Fulbaana 13/1998 WFDOn magaalaa Innaangootti wal ga’ii taasisee ture. Wal ga’ii kana kan gaggeesse Ob. Tasfaayee nama jedhamudha. Innis qajeelchaa WFDOti. Mariin guddaan tures caasaa motoummaa irraa meeshaa hiikkachiifnee nuyi mootummaa taana” kan jedhu akka ture ibseera. Qajeelfamni achirratti kennames nama kudhan kudhaniin of ijaaraatii meeshaa hiikkachiifnee mootummaa kuffifna kan jedhu ta’uu isaa Ob. Jiinoon ibseera.

Karuma wal fakkaatuun badii ummata irratti raawwatameen shakkamanii to’annaa jala kan oolan keessaa miseensa WFDO kan ta’e Ob. Baqqalaa Gizaaw yaada nuuf kenneen, caasaa mootummaa irraa meeshaa hiiksisuuf sochiin taasifamuu isaa dubbateera. Kana malees Ob. Indaaluu kabbadaa kan jedhuufi koree WFDO aanaa keessa tokko kan ta’e gochaa raawwatamuu qabu ilaalchisuun qajeelcha kennaa akka ture ibseera.

Walumaa gala yakki adda addaa ummata irratti raawwatamuun kan nama gaddisiisu ta’uu ibsani, gochi akkasii ummata kan miidhu malee kan hin fayyanne ta’uu isaa hubachuu isaanii dubbataniiru.

(Oduu- LK 317)