Qabeenya Qurxummii Oromiyaan Qabdu Keessaa faaydaarra kan oole kurmaana hincaalu

Qabeenya qurxummii Oromiyaan qabdi jedhamee beekamu toonii 17,800 keessaa hamma ammaatti kan faaydaaf oole toonii 4,675 akka ta’eefi kun ammoo kurmaana akka hin caalle waajjirri qonnaafi misooma baadyaa Oromiyaa beeksise.

Waajjirichatti ogeessa misooma Qurxummii kan ta’an Ob. Taammira maaram W/Goorgis gaazeexaa Oromiyaa waliin gaaffiifi deebii taasisaniin akka beeksisanitti, qabeenyi kun sababoota adda addaatiin amma barbaadamu faaydaaf ooluu hin dandeenye.

Kanaafis sababa kan ta’an keessaa seerri itti fayyadama qabeenya qurxummii ba’uu dhabuun isa olaanaa ta’uu ogeessi kun eeranii, hanqinni ogeessaa, tarsiimoofi imaammanni dhabamuun, ragaan walitti qabameefi qindaa’e xiqqaachuun, tajaajilli ekisteenshinii misooma qurxummii xiqqaa ta’uufi kkf sababa akka ta’an dubbataniiru.

Ob. Taammira maaram itti fufuun akka ibsanitti qurxummiin faaydaa addaddaa ni kenna. Isaanis, faaydaa nyaataa, madda galii, sharafa alaa argamsiisuu, akkasumas hambaan isaa nyaata looniif kan tajaajilu ta’uu ibsa kennamerraa hubachuu dandeenyeerra.

Bara 1995 yeroo jalqabaaf ministeera qonnaafi misooma baadyaa federaalaatiin labsiin dhimma kanarratti ba’ee naannoleef ergamuu isaa ogeessi kun beeksisanii, naannoleen biroo seera itti fayyadama qurxummii baasanii hojiirra yemmuu oolchan, Oromiyaan seera kana akka hin baafne ibsaniiru. Haa ta’u malee yeroo ammaa dhimma kana irratti xiyyeeffachuun hojiin tokko tokko eegalamuu isaas dabalanii addeessaniiru.

Qabeenyi qurxummii tuuristoota hawachuudhaan kan beekame ta’uu ogeessi kun hubachiisanii, tuuristoonni biyya alaa biyya keenya dhufanii qurxummii qabuun akka bashannanan dubbataniiru.

Oromiyaan qabeenya bishaanii bal’aa kan qabdu yoo ta’u, qurxummii horsiisuuf haalli mijaa’aan akka jiru beekuun danda’ameera.

(Oduu- LK 308)