Sagantichi jireenya isaanii jijjiiraa akka jiru qubattoonni ibsan

Qubattoonni Harargee lixaa aanaalee adda addaa irraa ka’anii Wallaggaa bahaa, aanaa Saasiggaa Angar qubatan jireenyi isaanii jijjiiramaa akka jiru ibsan.

Qubattoota haasofsiifne keessa Ob. Abdallaa Bakaree, Mohaammad Ibraahim, Jamaal Mangistuu, Abdulmaliik Hibroo yaada nuuf kennaniin, callaa bara 1997fi 1998 argataniin nyaataan of danda’uurraa darbanii jireenyi isaanii akka fooyya’e ibsaniiru.

Ob. Abdulmaliik Hibroo yaada nuu kennaniin, bara 1997 saliixa, misingaafi boqoolloo kuntaala 80 argataniiru. Barana ammoo Boobee Saliixaafi boqqoolloo kunt. 105 argataniiru. Haala kanaan bara 1997 saliixii kunt. 20 birr. kuma 10tti gurguratanii sangoota cimdii 3fi sa’a lama akka bitatan nutti himaniiru. Kana malees Ob. Abdulmaliik barana saliixii kunt. 35 birri kuma 14tti kan gurguratan yoo ta’u, kana keessaa mana qorqoorroo ijaarrataniiru. Yeroo amma boobeefi boqqoolloo kunt. 80 caalu manaa akka qaban nuuf ibsnaiiru.

Dargaggoo Jamaal Mangistuu bar-dheengaddaa saliixaafi boobee kunt. 50 argate keessaa saliixaa kunt. 20 birr. kuma 9tti gurgurateera. Birrii kanaan daldalee bakka qubannaatti baabura midhaan daaku birr. kuma 32n dhaabuu isaa nuuf ibseera.

(Oduu- LK 321)