Barana
Oromiyaa keessatti waldaalee bu’uuraa 2,560fi yuuniyeenota 21
akka gurmeessuufi isaan haaraafi kan turanis cimsuuf sochii
olaanaa irratti akka argamu komishiiniin babal’ina waldaa
hojii gamtaa Oromiyaa ibse.
Komishinarri
komishinichaa Ob. Habtaamuu Daadhii gaaffiifi deebii jidduu kana
gaazexaa Oromiyaa duukaa taasisaniin akka ibsanitti, baa’inni
waldaalee barana gurmaayanii kan bara darbee dachaan ni caalu.
Barana hojii gurmeessuutiin cinatti waldaalee gurmaayan bifa
garaa garaatiin cimsuun gara sadarkaa olaanaatti akka cehan ni
taasifama.
Hojiin
guddaan amma waldaaleen kunniin irratti boba’an callaa
guddistuu dhiyeessuufi omisha qonnaan bulaa bituun gabaa
tasgabeessuudha kan jedhan komishinarichi, xaa’oo barana
naannichaaf barbaachisu keessaa yuuriyaa guutumaan guutuutti
dhiyeessuuf yuuniyeenooni sadii caalbaasii moo’achuu isaanii
eeraniiru.
Oomisha
amma walitti qabamaa jiru bituun gabaa tasgabeessuuf waldaaleen
adda addaa birrii miliyoona 222 qopheessuu isaaniitiifi mil. 50
maallaqa kanaa bankiin waldaa hojii gamtaafi isa hafe ammo
baankiin biyyooleessa akka dhiyeesse komishiinarichi dubbatanii,
kanaafis mootummaan naannoo Oromiyaa wabii ta’uu isaa eraniiru.
Akka
ibsa Ob. Habtaamuutti waldaaleeniifi yuuniyeenonni jiran bittaa
midhaaniifi omisha akkaa kudraa, aannaniifi albuudota irratti
kan bobba’an yoo ta’u waldootaafi yuuniyeenota kanniin gara
sadarkaa olaanaatti ceesisuun dirqama. Bu’uura kanaanis
yuuniyeenota tokko tokko akka omishaalee qonnaa tolchanii
gabaafi dhiyeessuu (Agro-processing) itti ceesisuuf sochiin akka
taasifamaa jiru ibsa ob. Habtaamuu irraa hubanneerra. Haaluma
kanaan barana yuniyeeniin omishtoota aanaanii Salaalee warshaa
aannanii tokko hundeessuuf sochii akka taasisaa jiruufi Ambottis
yuuniyeeniin achitti argamu warshaa daakuu boqqolloo dhaabuuf
sochii irratti akka argamu komishinarichi hubachiisaniiru.
Yuuniyeenota
kaanniiniif gabaa gama mijeessuutiinis, magaalaa Finfinneetti
bakka omisha isaanii itti gurguratan akka argataniif gama
mootummaatiin yaaliin akka taasifamaa jiru Ob. Habtaamuun nutti
himaniiru.
Waldaaleeniifi
yuuniyeenoonni danuun bu’aa gaarii argachuu eegaluun
isaaniitiifi bu’aa kanas miseensota isaaniitiif hiruu
jalqabuun isaanii namoonni danuun fedhii isaaniitiin miseensa
akka ta’an taasiseera jedhaniiru Ob. Habtaamuun.
Oromiyaa
keessatti hanga bara 1996tti waldaaleen hojii gamtaa bu’uuraa,
1,320 bara 1997 ammoo waldaaleen bu’uuraa 1,438 akka
gurmaayaniifi hanga ammaattis yuuniyeenonni 40 gurmaayanii
sochii irratti akka argaman ragaan komishinichaarraa arganne ni
mul’isa. Bara kana waldaaleefi yuniyeenota gurmeessuun cinatti
yuniyeenota walitti deebisuun Federeeshinii tokko uumuuf yaaliin
akka jiru, ibsa Ob. Habtaamuu irraa hubanneerra.