|
Waldichi
birrii miliyoona dhibba lamaafi kudha afurii ol liqeessuuf
karoorfate
Waldaan
Aksiyoona liqiifi qusannoo Oromiyaa barana birrii miliyoona 214
ol liqeessuuf karoorfatee hanga ammaatti birrii miliyoona 43 ol
liqeessuusaa Ob. Gammachuu Dubbisoo hojii gaggeessan waldichaa
ibsan.
Waldichi
karoora baranaatiin namoota 168,393f birrii miliyoona 214.23
liqeessuuf karoorfatee hojii jalqabuusaa Ob. Gammachuun
eeraniiru. Itti dabaluudhaanis karoora qabame keessaa baatii
ja’a keessatti namoota 61,797f birrii miliyoona 43 ol
liqeessuusaa dubbatanii hojiin kunis raawwii hojii baatii
ja’aa kan bar-dheengaddaa wajiin wal biratti qabamee yemmuu
madaalamu dhibbeentaa 50 caalmaa akka qabu eeraniiru.
Namoota
tajaajila liqii barana akka argatan karoorfame 168,393 keessaa
namoonni 158,393 baadiyaa keessatti kan argaman ta’uusaafi
maammiltoota kanneeniif barana birrii miliyoona 174.23
liqeessuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru Ob. Gammachuun
eeraniiru. Itti fufuudhaanis, magaalaa keessatti dargaggoota
waldaalee intarpiraayiziitiin gurmaa’an kuma 10f birrii
miliyoona 40 liqeessuuf karoorri qabamee hojii keessatti
seenamuusaa eeranii, baatii ja’an darbanittis birrii miliyoona
5 ol dargaggoota kanneeniif liqiin kennamuusaa addeessaniiru.
Waldichi
karoora baranaatiin birrii miliyoona 36.7 qusannaarraa argachuuf
karoorfatee sochii jalqabuusaa hojii gaggeessaan kun eeranii,
baatii ja’a keessattis birriin miliyoona 12 ol walitti
qabamuusaa dubbataniiru. Kunis hojii bar-dheengaddaa wajjin wal
biratti qabamee yemmuu madaalamu dhibbeentaa 40 caalmaa akka
qabu dubbataniiru.
Waldaan
Aksiyoona liqiifi qusannoo Oromiyaa aanaalee Oromiyaa keessatti
wirtuulee 91 kan qabu yemmuu ta’u, maammiltoota kuma 143 ol
qaba. Lakkoofsa kana guddisuufis xiyyeeffannoo ol’aanaa kennee
hojjechaa akka jiru ibsa Ob. Gammachuurraa hubachuun
dana’ameera.
Gama
biraatiinis waldaan Aksiyoona liqiifi qusannoo Oromiyaa magaalaa
Finfinnee keessatti baasii birrii miliyoona 20n waajjira muummee
ijaarsisuuf, bulchiinsa yeroo magaalaa Finfinneerraa lafa
heektaara 1,500 fudhachuusaa, akkasumas, ijaarsi waajjirichaa
waggaa lama keessatti ni xumurama jedhamee akka eegamu
odeeffannoon waldicharraa argame ni addeessa.
(Oduu- LK
318)
|