|
Yuuniyeenichi
midhaan gosa adda addaa kuntaala kuma 46 ol bituuf karoorfate
Godina
Baaleetti kan argamu yuuniyeeniin hojii gamtaa Sikkoo Mandoo
birrii 6,795,000n midhaan gosa adda addaa kunt. 46,200 bituuf
karoorfachuu isaa gaggeessaan yuuniyeenichaa beeksisan.
Gaggeessaan
yuuniyeenichaa Ob. Asaffaa Fayyisaa gaazeexaa Oromiyaatiif
odeeffannoo kennaniin akka jedhanitti, yeroon kun yeroo midhaan
galaa jiru waan ta’eef qonnaan bulaan gatii hin taanetti
ooishasaa akka hin gurgurre yuuniyeenichi gatii gaariidhaan
bituuf qophii xumureera.
Birrii
midhaan ittiin bitamu kana baankiin waldaa hojii gamtaa akka
liqeessuuf komishinii waldaa hojii gamtaa gaafachuu isaanii kan
ibsan Ob. Asaffaan, hamma deebii argatanitti birrii muraasa of
harkaa qabaniin bittaatti akka seenan nuuf ibsaniiru.
Midhaan
bitamu kanas kuusuuf kan oolu magaalaa Roobeetti dhaabbata gabaa
oomisha qonnaa irraa kiraan argachuu isaanii Ob. Asaffaan
eeranii, oomisha kanas daldaltoonni dhuunfaafi abbootiin warshaa
isaan irraa bituuf walii galtee akka taasisan illee odeeffannoo
gaggeessicha irraa argame irraa hubachuun danda’ameera.
Haaluma
kanaan daldaltoota dhuunfaatiin ala warshaaleen Adaamaatti
argaman ‘biraazersi duqeetfi ‘Afriikaa duqeet’ akkasumas
warshaan daakuu ‘kaa’oo jeejee’ jedhaman oomisha kana
irraa bituuf walii galtee taasisuu isaanii Ob. Asaffaan
beeksisaniiru.
Oomishni
yuuniyeeniin kun bitu qamadii, talbaafi barbaree ta’uu isaas
gaggeessaan kun dubbataniiru.
(Oduu- LK
310)
|