Naannoo
Oromiyaatti bara kana biqiltoota gosa adda addaa miiliyoona
dhibba toorba dhaabuuf karoorfamuusaa itti gaafatamaan damee
bulchiinsa lafa baadyaa Oromiyaa beeksisan.
Waajjira
qonnaafi misooma baadyaa Oromiyaatti itti gaafatamaa damee
bulchiinsa lafa baadyaa fi qabeenya uumamaa kan ta’an Ob.
Dirribuu Jamaal gaazeexaa Oromiyaa waliin gaaffiifi deebii
taasisaniin akka beeksisanitti, biqiltuuwwan adda addaa baatii
Waxabajjii dhaabaman kana qopheessuuf sochiin eegalameera.
Qixni
biqiltuu dhaauuf wayta ammaa itti adeemamaa jiru dur kan
baramerraa adda kan jedhan itti gaafatamaan kun, adeemsa amma
jiruun biqiltuu magariisa waan ta’eef qofa dhaabuu osoo hin ta’iin,
namaafi looniif faaydaa nyaataaf kan oolan, akkasumas galii adda
addaa bifa argamsiisaniin qophaa’anii kan dhaabaman ta’uu
addeessaniiru.
Kana
malees biqiltuuwwan dhaabaman lafaaf akka xaa’ootti kan
gargaaran, akkasumas kuduraafi mudraa addaaddaa akka of keessaa
qaban Ob. Dirribuun ibsanii, bara kana dhaabuuf kan karoorfaman
keessaa nyaata looniif kan oolu %20 akka ta’e eeraniiru.
Biqiltuuwwan
barana dhaabuuf karoorfaman mil. 700 keessaa kudraafi mudraan
gosa adda addaa mil. 45.5 ta’uu kan dubbatan itti gaafatamaan
kun, isaanis Maangoo, Abukaadoo, Zaytuunii, Paappaayaa, Poomii
akka ta’an beeksisaniiru.
Waggoota
sadan darbanii kaasee biqiltuuwwan gosa adda addaa dhaabuuf
hojiin hojjetamaa ture guddachaa dhufuusaa Ob. Dirribuun eeranii,
bar-dheengaddaa biqiltuuwwan adda addaa mil. 585 dhaabamuu
isaanii dubbataniiru.