|
Farreen
nageenyaa to’annaa jala oolanii dhimmisaanii qulqulla’aa
jira jedhame
Godinaalee
Wallaggaa dhihaafi Shawaa dhihaa, aanaalee tokko tokko keessatti
humnoonni farra ummataa gocha suukkaneessaa ummatarratti
raawwatan to’annaa jala oolanii dhimmi isaanii qulqulla’aa
akka jiru komishiniin poolisii Oromiyaa ibse.
Komaandar
Dammalaash G/Mikaa’eel itti aanaa komishinara komishinii
Poolisii Oromiyaa akka ibsanitti, godina Wallagga dhihaa
aanaalee Gimbii, Laaloo Assaabii, Mandii, Qilxuu Kaarraafi
Najjoo iddoo tokko tokko keessatti farra ummataafi harcaatoonni
ABO ummatarratti yakka ajjeechaa, saamichaa, dirqisiisanii
gudeeduuf kanneen biroo raawwataniiru.
Farreen
ummataa jeequmsa kaasan kanaan namoonni nagaa afur du’aniiru.
Miseensonni poolisii 25 midhaan qaamaa salphaafi cimaa ta’e
irra ga’uusaa kan ibsan komaandar Dammalaash, itti
fufuudhaanis, dubartoonni haala suukanneessaa ta’een
gudeedamuusaanii akkasumas, manneen jireenyaa dhuunfaafi
waajjiraaleen gandaa barbadaa’uusaanii, konkolaataan mootummaa
8 kan dhuunfaa 6 caccabuusaanii dubbataniiru.
Shakkamtoonni
gocha kana raawwatan 440 to’annaa jala oolanii dhimmisaanii
qulqullaa’aa akka jiru komaandar Dammalaash ibsaniiru. Itti
fufuudhaanis haala wal fakkaataa ta’een godina Wallagga bahaa,
aanaa Guduuruu keessatti gocha farra ummataa kunneen
raawwataniin poolisiin tokko ajjeefamuusaafi sadiimmoo
madaa’usaanii eeraniiru.
Godina
Shawaa dhihaa aanaalee Amboo, Xuqur Inciinnifi Caliyaatti farra
ummataa nageenya ummataa jeeqan shakkamtoonni 129 to’annaa
jala oolanii dhimmisaanii qulqulla’aa akka jiru komaandar
Dammalaash addeessaniiru. Itti dabaluudhaanis humnoota yakka
kana raawwatan to’annaa jala oolchuuf hirmaannaan ummataa
bal’aa akka ture addeessaniiru.
Jeequmsa
farra ummataa kunneen kaasaniin walumaa galatti namoonni nagaa
afur poolisiin 2 du’usaanii, dubartoonni haala suukaneessaa
ta’en gudeedamusaanii, akkasumas manneen 24 barbada’uusaani
ibsa komaandar Dammalaash irraa baruun danda’ameera.
(Oduu- LK
316)
|