Barana
gandoota qonnaan bulaa naannoo Oromiyaa hundatti hojiin misooma
sululaa kunuunsa qabeenya uumamaafi wabii nyaataa mirkaneessuuf
gargaaru akka adeemsifamu waajjirri qonnaafi misooma baadyaa
Oromiyaa ibse.
Waajjira
kanatti itti gaafatamaa qajeelcha eegumsa biyyoofi bishaanii Ob.
Tasfaayee Baqqalaa tibbana akka nuuf ibsanitti, bara 1996
hirmaannaa dhaabbilee mit-mootummaa, projektootaa addaddaafi
bajata mootummaan ramadeen daagaan km. Kuma 30 hojjetameera.
Kana malees, adeemsa kana duraa irraa muuxannoo argameen,
akkasumas hanqinoota uumaman sirreessuudhaan hojii hojjetameen
bar-dheengaddaa daagaan km. 90,576 hojjetamuu isaa Ob.
Tasfaayeen eeraniiru.
Hojii
misooma sululaa bara kana hojjetamu galmaan ga’uuf ogeessota
aanaalee hanqina wabii nyaataa qaban irraa kan baba’an dhibba
lamaaf leenjiin kennamuu isaa Ob. Tasfaayeen dubbataniiru.
Misoomni
sululaa hojjetamu kun bu’a qabeessa akka ta’u kaabinoota
aanaa, ummataaf akkasumas qaamolee dhimmi isaa ilaallatuuf
leenjiin hubannoo cimsu fufiinsaan akka kennamu itti
gaafatamtichi eeraniiru. Itti fufuunis, hojii misooma sululaa
kana waajjiroota barnoota, fayyaa, qonnaa waliin qindoominaan
hojjechuuf haalli mijaa’uu isaa ibsaniiru.
Naannoo
Oromiyaa irraa waggaa waggaan biyyoon tooniin miiliyoona 448.8
ta’u akka dhiqamu tilmaamni jiraachuu isaa ibsa Ob. Tasfaayee
irraa hubachuun danda’ameera.