Hojjettoonni ekisteenshinii fayyaa kuma tokkoo ol leenjii xumuranii eebbifaman

Naannoo Oromiyaatti hojjettoonni ekisteenshinii fayyaa 1,295 leenjiisaanii xumuranii gandoolee qonnaan bultootaa addaddaatti ramadamaa akka jiran ibsame.

Ob. Tolaa Bariisoo Biiroo barnoota Oromiyaatti sadarkaa itti aanaa ogganaafi itti gaafatamaan damee barnoota teknikaafi ogummaa riippoortara gaazeexaa Oromiyaatiif akka ibsanitti, barana hojjettoonni ekisteenshinii fayyaa 1,295 dhaabbilee leenjii Ciroo, Adoolaa, Aggaaroo, Asallaa, Shaashamannee, Gobbaa Mattuufi Ficheetti leenji’aa turan leenjii isaanii xumuranii eebbifamuusaanii dubbataniiru.

Leenjifamtoonni kunneen, barnoota kutaa keessaa baatii 10f akkasumas, shaakala hojii buufataaleefi dhaabilee fayyaa addaddaa keessatti ramadamanii hojjechuu dhaan leenjiisaanii eerga xumuranii booda ebbifamuusaanii Ob. Tolaan eeraniiru.

Hojjettoonni kunneen gandoolee keessaa filatamanitti deebi’uudhaan qonnaan bulaa tajaajiluuf qophaa’uusaanii Ob. Tolaan eeranii, kunis imaammata fayyaa ittisarratti xiyyeeffate galmaan ga’uuf gahee ol’aanaa ni qaba jedhaniiru.

Itti dabaluunis bar-dheengaddaa hojjettoonni ekisteenshinii fayyaa 741 leenji’anii gandoolee qonnaan bulaatti ramadamanii hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Baranas leenjifamtoonni kuma 4 ol ta’an dhaabbilee leenjii 18 keessatti leenji’uuf qophaa’uusaanii Ob. Tolaan addeessaniiru.

Naannoo Oromiyaatti hojjettoota ekisteenishinii fayyaa hanga ammaatti leenji’an dabalatee, kuma 12 ol leenjisuuf karoorri qabamuusaa, karooricha galmaan ga’uuf ciminaan hojjetamaa akka jiru ibsa Ob. Tolaarraa baruun danda’ameera.

   (Oduu- LK 303)