Kabajni ayyaanichaa walitti dhufeenya dhaaba keenyaafi ummataa daran kan cimseedha jedhame

Ayyaanni hundeeffama Dh.D.U.O waggaa 16ffaa sirna ho’aatiin iddoo addaddaatti kabajamaa jiru karoora dhaabichaa dinagdee hawaasummaafi siyaasaa irratti mari’achuudhaan hojii eegeereetiif xiyyeeffannoo kennuudhaan kabajamaa jiraachuusaa Ob. Zalaalam Jamaanee waajjira gidduu galeessa Dh.D.U.Otti, itti gaafatamaan damee ijaarsaa ibsan.

Ob. Zalaalam akka ibsanitti ummanni Oromoo haacuuccaa bara dheeraa isarratti fe’amee ture oggansa Dh.D.U.Otiin ofirraa fonqolchee gatuudhaan mirga siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa gonfachuusaa ibsaniiru. Itti fufuudhaanis, ummanni Oromoo Dh.D.U.O. cinaa hiriiruudhaan dhaabichaaf deeggarsa addaddaa taasiisaa jiraa jedhanii, baranas ayyaana hundeeffama Dh.D.U.O. waggaa 16ffaa sababeeffachuudhaan cimina dhaabbichaaf kaka’umsaatiin deeggarsa maallaqa tasiisaa akka jiru dubbataniiru.

Ayyaana baranaa adda kan godhu Dh.D.U.On eeyyamma ummataatiin naannicha waggaa shanan itti aanuuf bulchuuf wayita mootummaa hundeesse ta’uusaati kan jedhan Ob. Zalaalam itti dabaluudhaanis, wayita ayyaanicha kabajnu misooma si’achisuudhaan naannoo keenyaa hiyyummaa keessaa baasuuf, bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf hojii jalqabne ciminaan itti fufuuf waadaa galuudhaan ta’uu qaba jedhaniiru.

Filannoo biyya keenya keessatti gaggeeffame wajjin walqabatee komee ummataa deebisuu dhaaf Dh.D.U.On sadarkaa addaddaatti ummata mari’achisuu dhaan tarkaanfii sirreessaa fudhachuusaa Ob. Zalaalam addeessaniiru. Deebii atattamaa dhaabichi kenneen ummanni gammachuusaa gama addaddaatiin ibsaa jira kan jedhan Ob. Zalaalam itti dabaluudhaanis, “Komee ummataa hanga ammaatti deebii argate akka jirutti ta’e gara ful-duraattis gaaffi ummanni gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa kaasu deebisuudhaaf dhaabni keenya ciminaan hojjeta” jedhaniiru.

Sochii farreen ummataa ittisuudhaaf hirmaannaan ummataa bal’aa ture kan jedhan Ob. Zalaalam, nageenya naannichaa mirkaneessuuf Dh.D.U.On ciminaan hojjechaa jiraachuusaa eeraniiru. Ayyaana hundeeffama waggaa 16ffaa iddoo addaddaatti kabajameetti ummanni tarsimoofi imaammata mootummaan baase hojiirra oolchuuf, misoomarratti gara kuteenyaan hirmaachuuf waadaa galuudhaan kabajaa jiraachuusaa itti gaafatamichii addeessaniru.

Ayyaanni hundeeffama Dh.D.U.O waggaa 16ffaa fufiinsaan akka kabajamu odeeffannoo argameerraa hubatameera.

(Oduu- LK 321)