|
Koreen
hojii raawwachiiftuu ADWUI rawwannaa hojii baatii sadii qorate
*
Hojii
gara fuul-duraafis qixa kaa’eera.
Koreen
hojii raawwachiiftuu ADWUI tibbana walga’ii idilee deemsiseen
raawwannaa hojii baatii sadii darbe qorachuusaafi hojiiwwan gara
fuul-duraatti xiyyeeffannoo argachuu qabanirratti
mari’achuudhaan murtee dabarsuudhaan akka xumurame oduu himaan
dhaabbichaa ibsan.
Gocha
nageenya boreessuu oggantoonni qindoominaafi farreen ummataa
taasisan fashaleessuuf hojiiwwan baatiiwwan darban keessa
hojjetaman sirrii ta’uusaanii koreen hojii raawwachiftu
qorateera. Baatiiwwan darbanitti iddoo maratti nageenya
mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetaman milkaa’uusaanii eeruudhaan,
kana bu’ura godhachuudhaan nageenya mirkaneessuuf hojiin
qindoomina qabu hojjetamu akka qabu murteesseera.
Nageenya
mirkaneessuu cinatti misoomni utuu hingufatin akka itti fufuu
gochuuf hojiiwwan hojjetamaniifi bu’aawwan argaman kan nama
jajjabeessan ta’uusaanii akkasumas, gama oomisha qonnaatiin
barana oomisha gaarii argachuuf haalli mijaa’an jiraachuusaa
mirkaneesseera. Kanarraa ka’uudhaan gama misooma qonnaatiin
bona kanaafi ganna dhufuutti sochii misoomaa ciminaan akka
adeemsifamuufi keessaayyuu, oomishtummaa dabaluudhaaf
xiyyeeffannoon ol’aanaan kennamuu akka qabu murtaa’eera.
Gama biraatiinis rakkoolee hojii dhabummaafi mana jireenyaa
hiikuuf paakeejii misoomaa qindaa’ee deemsisuuf qorannaan
jalqabame hatattamaan xumuramee hojiinsaa akka jalqabamu koree
hojii raawwachiftuu murteesseera.
Rakkoolee
bulchiinsa gaarii gama bulchiinsa aanaalee, gandaa, akkasumas
bulchiinsa hojjettoota mootummaa, sirna haqa fooyyessuuf
qorannoon jalqabame atattamaan xumuramee hojiin akka jalqabamu
koreen hoji raawwachiftuu murteesseera. Ummattoonni biyya
keenyaa hojiiwwan nageenya, bulchiinsa gaariifi misoomaarratti
kallattiidhaan akka hirmaatan taasisuuf hojiiwwan hojjetamaniifi
bu’aawwan argaman ciminaan akka itti fufan taasisuun
murteessaa ta’uusaa, haala kanaanis ummataa wajjin
mari’achuudhaan rakkoolee biyya keenyaa fufiinsaan hiikuudhaaf,
hojii siyaasaa hojjechuuf hojiin jalqabame ciminaan itti fufu
akka qabu murtaa’eera.
Koreen
hojii raawwachiftuu hir’inoota kanaan dura uumaman
sirreessuudhaan hojii dhaabaafi siyaasaa ADWUI haala ciminaan
raawwachisuuf kallattiiwwan ka’amaniif hojiilee jalqabaman
qorachuudhaan qixa kaa’uusaarrayyuu, bajataafi karoora hojii
siyaasaafi dhaabbaa ADWUI raggaasseera. Bu’ura seeratti
bulmaataatiinis yaa’iin dhaabbatummaa ADWUI akka waamamu kan
murtaa’ee yemmuu ta’u, koree qopheessituu yaa’iis
hundeesseera.
(Oduu- LK
313)
|