|
Magaalaa
Jimmaatti birr. mil. dhibba lamaa oliin hojiiwwan investimentii
hojjetaman
Waggoota
lamaan darban keessa magaalaa Jimmaatti hojiiwwan investimentii
adda addaa birrii mil. 200 oliin hojjetamuu isaanii bulchiinsi
magaalaatti beeksise.
Bulchiinsa
magaalaa Jimmaatti itti gaafatamaan waajjira sab-qunnamtii Ob.
Salamoon Qannoo gaazeexaa Oromiyaatiif akka ibsanitti,
magaalaattiin erga riifoormii jala galtee waggoota lamaa asitti
hojiiwwan investimentii barnoota, hoteela, daldalaafi kanneen
biroo irratti hojjetamaniiru.
Hojiiwwan
investimentii birrii mil. 200 ol ta’u kana keessatti hojiiwwan
jireenya ummata magaalaa fooyyessuu danda’an raawwatamuu
isaanii Ob. Salamoon eeranii, kunis hojii dhabdummaa hir’isuu
keessatti shoora olaanaa akka taphate dubbataniiru. Itti
fufuudhaan Ob. Salamoon akka jedhanitti, waggoota lamaan kana
keessatti jiddu galeessi gabaa ammayyaa tokko, daandiin
keesa-keessaa km. 10, bo’oon lolaa km. 2 ol, akkasumas gama
barnootaatiin hojiiwwan adda addaa hojjetamaniiru.
Magaalaan
Jimmaa ummata kuma 150 qabaachuu ishee kan nuuf ibsan itti
gaafatamaan kun, akkuma baay’ina ummataa hedduu qabdu
rakkoolee adda addaa hedduu akka qabdus ibsaniiru. Kanneen
keessaas hojii dhabummaan, rakkoon qulqullina magaalaafi kanneen
biroos akka jiran mirkaneessaniiru. Itti fuufuudhaanis, hojii
dhabdummaa magaalaattii keessatti mul’atu furuuf kanneen
barnoota xumuranii hojii irratti hin bobbaane gurmeessuudhaan
akka hojii irratti bobba’an taasifamaa jira jedhaniiru.
Haaluma
kanaan waggoota lamaan darban keessatti namoota 1,600 waldaalee
183n gurmeessuudhaan kanneen keessaa waldaalee 159 miseensa nama
1,430 kan qaban hojii keessa akka galan taasifamuusaa Ob.
Salamoon dubbataniiru. Karaa wal fakkaatuun bara kanas
dargaggoota 5,000 hojii qonnaa magaalaa, industirii, daldalaa
keessa galchuuf karoorfamee sochiin eegalamuu isaas dabalanii
ibsaniiru.
Magaalaattii
keessatti ilaalchi hojiif kennamaa ture jijjiiramuu isaatiin
hubannoon gaariin uumamuu isaa Ob. Salamoon dubbatanii,
dargaggoonni gurmaa’anii hojii liistiroo irraa kaasanii hamma
konistiraakshiniitti hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees
barattoonni barnoota isaanii xumuran hojii xurii magaalaattii
kaasuu irratti kan bobba’an illee akka jiran itti gaafatamaan
kun ibsaniiru.
Guddina
magaalaa mirkaneessuuf investimentiin babal’achuun murteessaa
akka ta’e Ob. Salamoon ibsanii, carraa investimentii magaalaan
Jimmaa qabdu kan agarsiisu baazaariin guyyaa 10f adeemsifamee
ture tokko gidduu kana xumuramuu isaa dubbataniiru.
(Oduu- LK
315)
|