Qabeenya
lageen, haroowwaniifi cufa bishaanii adda addaatiin kan badhaate
Oromiyaan kanneeniin kan wal qabate qabeenya qurxummiis hedduu
qabdi. Haata’u malee sababoota adda addaa irraa kan ka’e
qabeenyi qurxummii kun faaydaa kennuu qabu hin kennine.
Bishaan
adda addaa Oromiyaan qabdu keessaa waggaatti qurxummii toonii
17,800 oomishuun yoo danda’ame illee, hamma ammaatti waggaatti
kan oomishame inni guddaan toonii 4,675 akka hin caalle ragaalee
ni mul’isu. Kun dhibbeentaa 30 kan hin caalle yemmuu ta’u,
dhibbeentaan 70 faaydaaf hin oolle jechuudha.
Qabeenyi
kun sababoota adda addaatiif faaydaa irra ooluu akka qabu
beekuun barbaachisaa ta’a. Kanneen keessaa inni guddaan wabii
nyaataa mirkaneessuu waliin kan wal qabatudha. Wabii nyaataa
mirkaneessuu yemmuu jedhamu lafa qotanii oomisha midhaanii
argachuu qofaan kan galma ga’u miti. Qabeenya adda addaa qabnu
hunda yoo misoomsine wabiin nyaataa mirkaneessuu ni dandeenya.
Kanneen keessaa egaa qabeenyi qurxummii tokko ta’uu ni danda’a
jechuudha.
Kun
osoo kanaan jiruu garuu qabeenyi kun akka barbaacisuun faaydaa
barbaachisuuf hin oolle. Sababnisaa maalinni laata? Ragaan
waajjira qonnaafi misooma baadyaa Oromiyaa irraa arganne akka
mul’isutti sababoonni ka’uu danda’an hedduudha. Kanneen
keessaa isaan gurguddoon seerri itti fayyadama qabeenya
qurxummii ba’ee hojiirra ooluu dhabuu, oguma kanaan humni nama
leenji’ee muraasa ta’uu isaa, ragaan gama kanaan walitti
qabamee qindaa’e xiqqaachuu, tajaajilli ekisteenshinii
qabeenya qurxummii baay’ee xiqqaachuu kan jedhan keessatti
argamu. Walumaa gala misooma qurxummiif kan gargaaran hojiiwwan
adda addaa akka hin mijoofne hubachuun nidanda’ama.
Haalli
qurxummiin itti misoomu mijaa’uu dhabuun isaa kan ittiin
mirkanaa’u inni guddaan tokko akka Oromiyaatti seerri itti
fayyadama qabeenya qurxummii ba’uu dhabuu isaati. Naannoleen
biroo seera kana baasanii hojiirra erga oolchanii bubbulaniiru.
Naannoon keenya garuu hamma ammaatti seera kana hin baafne.
Rakkoo kanaaf qixni kan kaa’ame bara 1995 yeroo jalqabaaf
sadarkaa federaalaatti ministeera qonnaafi misooma baadiyaatiin
labsiin ba’ee ture. Labsiin kun naannolee hundaaf kan ergame
yoo ta’u, naannoleen haala naannoo isaanii irratti hundaa’uun
akka itti fayyadaman qajeelfama waliin ergamee ture. Kun egaa
qixni tokko taa’uu isaa yoo agarsiise iyyuu, akka naannootti
Oromiyaan seera baafachuu dhabuun ammoo rakkoo tokko akka ta’e
hubatama.
Gama
biraatiin ammoo qabeenya qurxummii qabnu itti fayyadamuu dhabuun
waan tokko ta’ee, qabeenya kana badiirraa oolchuunis yeroo
itti barbaachisu irra akka jirrus beekuun barbaachisaadha.
Iddoowwan bishaan jiranitti qonni babal’achuun, bosonni
ciramuun, walumaa gala hojii qonnaa naannawa bishaan qurxummii
qabuutti adeemsisuun bishaan sun biyyoon akka guutu taasisa.
Kana malees dhangala’aan warshaa naannawa sanatti argamu
keessaa ba’u qabeenya kana baay’ee miidha. Kanaaf kunis
xiyyeeffannoo argachuu kan qabudha.
Misooma
qabeenya qurxummii keessatti waajjira qonnaafi misooma baadyaa
qofatu himaachuu qaba yaanni jedhu yoo jiraate dogoggora ta’uun
isaa hubatamuu qaba. Sababnisaas, biiroon qabeenya bishaanii,
eegumsi naannoo qaamni seeraa, biiroon daldala, industiriifi
tuuriizimii fayyadamtoonni kana keessatti ga’ee guddaa qabu.
Walumaa gala
qabeenyi kun xiyyeeffannoo dhabee turu illee, yeroo ammaa itti
yaadamaa akka jiru ragaan waajjira qonnaafi misooma baadyaa
Oromiyaa irraa arganne ni mul’isa. Kanaaf qabeenya kana
misoomsinee itti haa fayyadamnu.