Sagantaa ijaarsa dandeettii raawwachiisuuf birriin mil. 191 ramadame

Biiroon ijaarsa dandeettii Oromiyaa sagantaawwan ijaarsa dandeettii kanneen misooma biyyattii ariifachiisaniifi dagaagina demokraasii mirkaneessan raawwachuuf birr. mil. 191 ramadee sochii jalqabuu isaa itti aanaa prezdaantii mootummaa biyaalessaa Oromiyaafi itti gaafatamaan biirochaa ibsan.

Itti aanaa prezdaantiifi itti gaafatamaa biiroo kanaa kan ta’an Ob. Muktaar Kadiir gaazeexaa Oromiyaa waliin gaaffiifi deebii taasisaniin akka ibsanitti, hojiiwwan ijaarsa dandeettii bar-dheengaddaa eegalaman baranas ciminaan itti fufu.

Akka Ob. Muktaar jedhanitti, gama ijaarsa dandeettiitiin hanqinoota bar-dheengaddaa turan sirreessuudhaan kan hojjetamu yoo ta’u, isaanis hojiiwwan ijoo ta’an jaaha irratti xiyyeefachuun kan raawwatamudha.

Haaluma kanaan gaheefi itti gaafatama hojii caasaa aanaalee baadyaa cimsuudhaan misoomni ariifachiisaan akka dhufu gochuufi tajaajila iftoomaafi qulqullina qabu akka kennan gochuun isa tokko dha. Kana malees sagantaa teeknooloojii quunnamtii odeeffannoo (ICT) mootummaa naannootii hanga aanaatti fayyadamuudhaan odeeffannoon akka cimu gochuunis akka keessatti argamu Ob. Muktaar ibsaniiru.

Karaa wal fakkaatuun sagantaa fooyya’insa sirna taaksii cimsuudhaan sirni gibiraa fooyya’ee haala itti ijaaramee deemu irratti akka hojjetamu Ob. Muktaar eeranii, sagantaa fooyya’iinsa sirna haqaa ilaalchisees qaamolee mootummaa sadan irratti xiyyeeffatamee akka hojjetamuus addeessaniru. Itti fufuunis, fooyya’iinsa seeraafi aangoo magaalootaa akkasumas sagantaa fooyya’iinsa siviil sarvisii irratti akka hojjetamu ibsa kennamerraa hubachuun danda’ameera.

Kanneen armaan olitti eeraman hojjiiwwan gurguddoo waggaa kana keessa hojjetaman ta’uu kan ibsan Ob. Muktaar, hojjettoota mootummaa itti gaafatamtoota aanaaleefi caasaa gandaa hedduuf leenjiin dheeraafi gaggabaabaa ni kennama jedhaniiru.

   (Oduu- LK 305)