Demokraasii ajjesaa sirna demokraasii keessa jiraachuun hin danda’amu

Ijaarsi sirna demokraasii waldorgommii paartileen siyaasaa addaddaa taasisaniin milkaa’a. Ijaarsi sirna demokraasii ilaalcha addaddaa, amantaa addaddaa karaa seeraa, karaa nagaafi demokraatawaa ta’een tarkaanfachiisuu danda’uun milkaawa.

Amantaa kanarraa kama’eeti, biyya keennattis sirni paartilee hedduu keessummeessu, kufaatii sirna dargiitiin booda kan diriirfame. Adeemsi kun fufiinsa akka qabaatuuf heera mootummaatiinis kan dhugoome. Carraa kanatti fayyadamuudhaan paartileen heddu ijaaramanii socho’aa jiraachuun isaanii waan beekkamu. Garuu, dhaabbilee kanneen keessaa worri Dh.D.U.O/ADWUI irraa kaayoodhaan addaan baatee guddaa qabna jedhanii socho’an (mormitoota worri ofiin jedhan) ilaalchi, amantaafi hojmaatni qaban ijaarsa sirna demokraasiitiif gumaacha tokkollee kan hin qabne ta’ee mul’ata.

Maaliif kana jechuu akka dandeenne mee gabaabsinee haa ilaallu. Dhaabbanni siyaasaa ijaarsa sirna demokraasiitti amanu, ilaalcha addaddaa karaa nagaan deemsifamu keessummeessa. Dhaabbileen mormitootaa kanatti amantaa hin qaban. Dhaabbanni siyaasaa ijaarsa sirna demokraasiitti amanu, sagalee ummataatti amana. Dhaabbileen mormitoota biyya keennaa, humnaan taaytaa qabachuuf deemu malee, sagalee ummataaf kan kabajaa kennanii miti.

Lammiiwwan ilaalcha siyaasaa garagaraa akka hordofan kan carraa kennanii miti. Dhaabatni yeroo dheeraaf gocha kanaan beekkamaa ture ABO dha. Dhaabbattoonni akka Worraaqsa Federaalistii demokraasummaa Oromoofi Kongireesii biyyalessa Oromoollee gocha ABOn raawwataa tureen waan adda hin taane raawwataa jiru. Gidduu kana godina Wallaggaa dhihaatti gochaan lammiiwwan nagaa irratti raawwatame waanuma asii olii kaafne kan mirkaneessuudha.

Dhaabbata Demokraatawaa Ummata Oromoo maaliif deeggartan? Maaliif isa keessatti miseensa taatan? Dirqamaan miseensa WFDO ta’uu qabdu, yoo diddan manni keessan ni gubata; ni ajjeefamtu jechuun sodaachisaa turanii, worri dirqamaan miseensa isaanii ta’uu didan, manaafi qabeenya ibiddaan jalaa gubaniiru, saamaniiru, namoota reebaniiru, dubartoota gudeedaniiru, kaan ammoo ajjeesaniiru. Namoota gochaan kun irratti raawwatame keessaa, aanaa Laaloo Assaabii ganda qonnaan bulaa Buukkoo Assaabiitiifi waragoo Arsammaatti argamnee, kan dubbifne haala asii gaditti jiruun qindeessineerra.

“Sadaasa gaafa 7/98 mana koo ibiddaan guban”

Ob. Oliiqaa Tolaa, jiraataa ganda Waragoo Arsammaa

“Ani Komaandara gandaati. Worri “åØÁN” meeshaa mootummaan natti hidhe fidi naan jedhan. Ani ammoo tole hin jenne. Kanarraa ka’anii gaafa 7/3/98 mana koo kan qorqorroofi citaallee ibidda itti qabsiisan. Meeshaan tokko naaf hin hafne. Buna kootis ciranii balleessaniiru. Haati manaa koo ijoollee shan qabdu waliin gandatti baqatte. Ani meeshaa mootummaa narraa fudhatu jedhee daggalatti baqadhe. Haadha manaa koo gandatti baqattes ofirraa ari’aa yoo diddaan keessanis ni gubna waan jedhaniif, isaanis akka hin gubneef jecha ijoolleefi haadha manaa koo fudhee gara magaalaa Inaangotti baqadhee, hanga mootummaan dhufee haala tasgabbeessutti mana kiratti dabarse, amma kunoo qe’ee duwwaa taateetti deebi’e.”

“Kan nuu hafe lubbuu ijoollee keenyaa qoftiidha”

Ob. Mitikkuu Oliiqaa, jiraataa ganda Buukkoo Assaabii

“Jireenyi keenna gaaga’ameera; midhaan ni gubate kan nuu hafee, lubbuu ijoollee keenyaafi uffata yeroo sanitti ofirraa qabnu qoftiidha. Kan koo birrii kuma 3, kan obboleessa kootii birri kuma 7 callaa nu saaman. Mana qorqorroo abbaa baala 110 guban. Meeshaan keessa jirullee walumaan gubate. Kitaabban barnoota hunda ijoollee harkaa guuranii ibiddatti darbatan. Jalqaba callaa Misingaa, kan Daagussaafi Nuugiitti ibidda qabsiisan darbanii manatti qabsiisan. Nutimmoo buna jalaa lixneeti kan baane. ani dursee ijoolle fudhee jalaa buna seene. Obbolaawwan koo duubatti hafan qabanii reeban. Namni saddeeti mana keessa utuu jiruudha kan ibiddi nurratti qabate. Leenjii qonnaan bulaadhaaf Dh.D.U.O kennaa jiru maaliif dirmatte jedhaniiti kan balaa kan nurratti raawwatan gaafa Muddee 2/98 halkan.

 “Gochaan kun miseensota WFDOtiin nurratti raawwatame”

Ob. Mulugeetaa Baqqalaa Galaan, jiraataa ganda qonnaan bulaa Buukkoo Assaabii

Leenjii qonnaan bulaaf ganda keennatti kenname irratti ana, obboleessa koofi abbaayyeen koo hirmaannee turre.

Gaafa Mudde 2/98 galgala baayy’ee ta’anii WBO koo jedhanii sirbaa dhufan. Keellaa keenya edda ga’anii dhagaa nutti guuran. Bitamtanii OPDO taatanii jechuun nu rukutuu qabsiisan. Manarra naannayanii ibidda itti qabsiisa. Kun ammoo midhaanitti ibidda qaba. Rukuttaan nutti jabaannaan lubbuu keenna baasuuf jecha jalaa baqanne. Mana keessa seenanii, uffata qabnu saaman. Haadha manaa koo jalaa worqee giraama 11 fudhatan. Buna cirradhee jiru keessaa kunt. 20 saaman. OPDO kufee jiru miila tokkoon akka dhaabbatu kan taasise isinii bitamtoota, kanaaf miila tokko hafe kutina jedhanii miidhaa akkanaa nurra geessisan”

“Kana booda namni tokko WFDOn kana hojjate jedhee ni dubbata yoo ta’e saggoo iraa gad qalla jechaa turan”

Ob. Alamaayyoo Nagaraa, dura taa’aa ganda Buukkuu Assaabii

“Gaafa Sadaasa 14/98 akka miseensa isaanii ta’u xalayaan naaf barreeffame. Fedhii koo malee akkamitti miseensa keessan ta’a? deebii jedhu deebiseef. Kana booda yoo nutti buluu baatte, meeshaa nutti hin galchitu yoo taate mana kan kee gubna naan jechuu jalqaban. Animmoo ni dide. utuma sanaan obsee taa’u gaafa 1/4/98 jaarsummaa natti ergan; isaanis nan dide. Gaafa 2/4/98 gara nama 500 ijaaranii dhufanii mana koo caccabsanii, kan hafe ibiddaan gubanii, ijoolleefi haadha manaa koo reebanii deeman. Ani meeshaa fudhaee jalaa waan baqadheef lubbuun hafe.

“Waajirra gandaa gubaniiru. Dukumentiin hundi barbadaa’eera. Namni sodaatee dhaqee waajjira gandaa WFDOtti hin galmoofne, midhaan isaa ni gubate, iddirii keessaa ni baya, du’u booyasaa namni hin dhaqu, mannisaa ni gubata, dhagaan ni reebama, akka walii hin birmatne of eeggannaan itti kennameera. Namni tokko WFDOn kana hojjate jedhee ni dubbata yoo ta’e saggoo irraa gad qalla jechaa turan. Haala kanaan dirqamaan namoota galmeessanii WFDOn miseens nama haganaa horateera kan jechaa turan. Jarri kun irra yoo laalan WFDO jedhamu keessi isaanii garuu ABO akka ta’e isaanuu dubbataa jiru. Nuti ammaa achi ABOdha, WFDO kan jedhus ammaa achi hin barbaachisu, duraanuu tooftaaf WFDO hundeesine jedhanii dubbataa turan.

“Gocha isaanii qabatamaan kan hubate ummanni ganda keennaa, kana booda dhaabbata WFDO jedhu hin barbaadnu jechaa jira. Filannoof dhiyaatee sagalee kennineef. Ibiddaan nu gubeera, qabeenna keenna barbadeesseera, dhiibbaa mirga yoomuu hin dagatamne nurratti raawwateera, kana caalaa wanti na godhu hin jiru. Sagalee duraan isaaf kennines ni deefanna jedhanii mallattoo isaanii aanatti galchaniiru.”

“Dhiitichaan ulfa ji’a shanii garaa nabaasan”

Ad. Shukkaaree Tarfaasaa, jiraattuu ganda Buukkuu Assaabii.

“Jarri kun gaafa Muddee 2/98 halkan keessa saa’aa shanirratti dhufan. Mana bani jennaan ani dide. Karaa booroo cabsanii galan. “saaxinii bani” naan jedhan “Meeshaa fidii” naan jedhan. “Meeshaa fudhatee bayeera” jedheen. Kana booda inni tokko na dhiita, inni tokko na kabala. Eegasii booda saaxinii baneefii shaanxaa keessaa birrii 8,643, worqii graama 22 fudhatanii, uffatas saamanii, kan hafe manaan waliin ibidda nu irratti qabsiisanii deeman. Dhiiticha isaanii kanaan ulfi ji’a shaniitis narraa baye.”

 “Waanan mana keessa qabu hunda ibiddi fixeera”

Ob. Baqqalaa Qana’aa

Aanaa Laaloo Assaabii, ganda Buukkoo Assaabii

“Mudde 2/1998 halkan dhufanii na tumanii, na caccabsanii, ibidda mana kootti qabsiisan. Waanan mana keessaa qabu hunda ibiddi fixeera. Amma waanin nyaadhu, diddoo taa’us hin qabu. Ijoolleen koo bakkeetti hafaniiru. Ani qonnaan bulaadha. Leenjii qonnaan bulaa fudheen qe’eetti deebi’e. Birrii 75n nutti bitamtee galte jedhaniitu yakka kana narratti raawwatan.”

“Waan qabnu kaan ni saaman kaan ni guban”

Ad. Ayyaantuu Lammii

Aanaa Laaloo Assaabii, ganda Buukkoo Assaabii

“Rakkoo kana kan nurraan ga’e WFDOdha. Abbaan koo waan leenjii qonnaan bulaa fudhataniif rakkoon kun nurra ga’e. Qabeenyi keenya ibiddaan gubateera, hawaasa irraas akka adda baanu nu taasisaniiru. Jalqaba yemmuu dhufan dallaa keenya tuman, halkan jechuudha. Abbaa manaa koo rukutanii harka cabsan yeros ani daa’ima dugdatti, akkasumas garaatti baadheen ture. Waan qabnu isa kaan ni saaman kan hafe ammoo ibidda itti qabsiisan. Midhaan tuullaatti jirus ni guban. Birrii kuma 10 nu saaman. Yemmuun dahu carqiin ittiin mucaa koo qabadhullee nan dhabe. Nuyi kana booda waa’ee dhaaba kanaa dhagahuu hin barbaannu.”

 “WFDOn erga filannootti dhihaatee as nagaa dhabne”

Ob. Mulugeetaa Baqqalaa

Aanaa Laaloo Assaabii, ganda Buukkoo Assaabii

“Gochi farra nageenyaa Caamsaa 7 as nurratti eegalame. Kanaan dura nagaan baaneetu nagaan galla ture. WFDOn erga filannootti dhihaatee as gochaan kun nurratti eegalame. Nu sodaachisu waan isaan jedhan yoo namni dide nitumu, manaafi qabeenya isaa saamu, ni gubu. Birrii 75n nutti bitamtan nuun jedhu.

Warqee waqeexa 1, birrii kuma 10 na saaman. Uffanni ijoollee koo, meeshaan mana keessaa naaf hin hafne, na jalaa guban. utuu qabnuu dhabne. Jarri kun miseensa WFDOti. Ijaan argaan kanan beeku baay’eetu keessa jiru. Namoota nutti hiiqan illee doorsisanii nurraa kutaniiru.”

“Nutu isin bulcha nuun jechaa turan”

Ob. Xilahuun Tolaa

Aanaa Laaloo Assaabii ganda Waragoo Arsammaa

“WFDOn mana citaan qorqoorrootti isiniif jijjiira, xaa’oo tolan isiniif kenna jedheetu filannootti dhihaate. Filannoon booda caasaa gandaa humnaan diiguuf socho’an. Nutu isin bulcha jechuun waan isaan jedhan qofa akka raawwannu gochuuf socho’aa turan. sana irra darbee kunoo mana nurratti gubaa turan. Anis manni koo qabeenyas qabu waliin gubateera. Dhaaba kana hin barbaannu.”

“... Qofaan hafe.”

Ad. Ilfinesh Tolasaa

God/Wallagga-Lixaa, aanaa Gimbii,

ganda Lalisaa Yasuus.

“... Abbaa manaakoo mootummaa deggara; miseensa dhaabati’ jedhanii ajjeessan. Inni garuu biyyarrattis ta’e namoota irratti balleessaan inni raawwate hinturre.

Isa qofas miti. Ilmakoo, wallaalaa umriin waggaa 14, iddoo laaloo jedhamutti akkoo isaa biratti guddatee yeroo dhihoo dura kan na bira dhufe, gara-jabinaan garaa isaa saanjaan tarsaasanii ajjeesan.

Qabeenyaa nuti qabnuufi manni nu qabnu hundis gubatee barbadaa’eera. Qofaakoo, harkakoo qullaan hafe.”

“Ejjannoo tokkicha qabna.”

Ob. Amaanu’eel Guumaa

God/Wallagga-Lixaa

aanaa Gimbii, ganda Lalisaa-Yasuus

“Mudde gaafa 6 bara 1998, namoonni 600 ol ta’an deggartoota WFDO ta’uu isaanii labsaa, namoota meeshaa hiikkachiisuuf manneen marsanii gubaa, qabeenyaa barbadeessaa, lubbuu namootaa balleessa turan.

Ummanni ganda keenyaa garuu, Dh.D.U.Ofi mootummaa naannoo Oromiyaa cinaa hiriiree gocha farrummaa isaan raawwataa jiran barbadeessuu dhaan misooma cimsuu qofa kan barbaadudha.”

“...Qofaakoon bosona keessa ture.”

Ob. Mangashaa Danuu

God. Wallagga-Lixaa

aanaa Gimbii, ganda Bonayyaa Assaabii.

“... Namoonni kun yommuu gurma’anii deeman, kaayoon isaanii deggarsa ABO, Ob. Bulchaa Dammaqsaa, Dr. Mararaa Guddinaa akka ta’e dhaadatu. Gandoota Buukkoo, Lalisaa  - Yasuus, Hoomaa, Gambeelaa, Waliigalaa, ... irraa kan yaa’an gareewwan 10 kan ta’an ajjeechaa namootaa, manneen gubuufi qabeenyaa barbadeessuu irratti bobba’an.

Kankoos manakoo marsanii qawwee na hiikkachiisuuf wayita isaan yaalii godhan, isaan harkaa miliqee b’ee qofaakoon bosona keessa ture. Qawweekoo hinfudhachiifne.

Yoomiyyuu taanaan mootummaa cinaa dhaabbadhee isaan irratti qabsaa’uuf of qopheesseera.

“Meeshaa nutti kenni naan jedhan”

Ob. Mulaatuu Tafarii

Aanaa Mulaatuu Tafarii

Aanaa Laaloo Assaabii ganda Jaarsoo Daamotaa

“Haati manaa koo oppireeshinii taatee naman waliin rakkachaa jirudha. Miseensonni WFDO bunan lagaa qabu 132,000 geessifadhe. Ati OPDO waliin hojjetta jedhanii buna koo kana na jalaa buqqisanii gatan. Meeshaa nutti kenni jedhanii na doorsisan. Sodaadheen meeshaa koo fudhee lagatti gale. Sana booda mana koo gubanii deeman. Amma ani hiyyummaa jalatti kufeera. Harka duwwaattin hafe.”

 “Yoo homaa hin qabanne sijaaraa gadi nuuf darbadhu naan jedhan”

Barsiisaa Hiikaa Ayyaanaa, aanaa Gimbii ganda Lalisaa Sariitii

“Kana dura nagaan jiraataa turre. Erga filannoon adeemsifamee as WFDOn socho’aa ture. Miseensa galmeeffachaa turan. Aanas nagaafachaa turan. Nan dide. Ani kaabinee gandaati. Mudde 4/1998 sirbaa mana koo dhufan, halkan.

Takka sirbanii deeman. Mudde 9/1998 galgala dhufanii gadi ba’i naan jedhan. Inni kaan mana koo dhagaan tuma. Inni kaan gajaraafi haaduudhaan balbala koo falaxa. Anis Oromoo akka keessanii adaraa waaqayyoo na dhiisaa jedheen kadhadhe.

Jidduudhaan tokko karaa balbalaa dhufee waan jiru fidi naan jedhe. Homaa hin qabu jennaan sijaaraa kenni naan jedhan. Baakkoo tokkon kenneef. Erga adaraa rabbii jedhee koottaa ni deemnaa jedhanii, guyyaa har’aatii kaasee of eeggadhu naan jedhanii deeman.”

“Akkam miseensa WFDO ta’u na dirqisiisaa turan”

Ob. Asaffaa Tarfaasaa ganda Diinii Hawwaa seera muraa gandaa

“WFDOn akkan miseensa ta’u na dirqisiisaa turan. Ani garuu tole hin jenne. Akeekkachiisa natti ergaa turan. Ammas tole hin jenne. Sadaasa 26/1998 mana koo guban. Birrii 2,000 najalaa fudhatan. Midhaan ani qabu qabeenya koo waliin gubate. Lubbuu koofi maatii koo qofatu nuuf hafe.”

“Irribarra osoo jirruu ibidda nutti qabsiisan”

Ad. Maammituu Bultii aanaa Gimbii, ganda Lalisaa Sariitii

“Mana keenya kan nujalaa gube beekna. Deeggartootaafi miseensota WFDOti. Abbaan manaa kootiin meeshaa fidi jedhanii rakkifnaan fuudhee Gimbii deeme. Wayta galutti nu basaasaa oolte, har’a mana kee gubaa jedhan. Akkuma jedhanis mana keenya guban. Lubbuu keenya malee qabeenyi keenya hundi ni gubate.  

Yemmuu nutti qabsiisan rafnee turre. Naasuu dhaan kaanee baqanne. Sareen guddifanne illee mana keessa gubatte. Mucaan keenya kutaa 7 baratu dabtarriifi uffanni isaa waan jalaa gubateef barumsa dhaabeera. Rakkoo kan argine erga dhaabni WFDO jedhamu dhufeeyyu.”

   (Xiyyeffannoo - LK 317)