Gocha farreen ummataa, ummataan fashalaa'uu qaba

Biyya keenna keessatti nageenna amansiisaa mirkaneessuudhaan walii wajjin jiraachuudhaaf ummattoonni biyya keenna waadaa waliigalaniiru.Sirna demokraasii biyya keennatti dhugoomsuudhaan sirnicha irraa waliiwajjiin fayyadamoo ta’uudhaaf yaada tokkon murteessanii waliin itti fayyadamaatis jiru. Sirna dinagdee tokko waliin ijaaranii faaydaa achirraa argamuunis waliin walqixa fayyadamoo ta’uudhaaf, hojii keessa seenaniiru. Mirga hiree ofii ofiin murteeffachutti fayyadamuudhaan, hawaasa siyaasaa tokko uumuudhaan waliin jiraachuufis murteeffataniiru. Hawaasni siyaasaa tokko uumamus kan ol’aantummaa seeraa irratti amanu ta’uu akka qabus irratti waliigaluudhaan, waliigaltee isaanii kana heera mootummaa irratti tumataniiru.

Heerri mootummaa, seera seerota hundaafuu mataa ta’eedha. Seera seerota hundaafuu madda ta’ee tajaajiluudha. Heerri mootummaa FDRE ummattoonni biyya keennaa waliin jiraachuuf irratti waadaa waliigalan mirgoota addaddaa saboota, sab-lammootafi ummatootaaf akkasumas gareewwaniifi lammiiwwan dhuunfaatiif kabajamuu qaban walii galaan ammatee jira.

Fakkeennaaf, mirgootiin bu’uuraa nama dhuunfafi sabaafi sab-lammii, walqixxummaan saalaa, aadaaleefi amantaalee addaddaa garaagarummaa tokko malee kan kabajaman ta’uusaanii mirkaneesseera. Mirgootiin garaagarummaa tokko malee akka kabajaman heerri mootummaa FDRE tumuudhaan har’a lammiiwwan akka itti fayyadaman taasiise mirgoota sirna darban keessatti hacuccaan jibiisiisaan irra ga’aa tureedha. Mirgootiin daangaa tokko malee akka kabajaman yeroo ammaa heera mootummaatiin wabii argatan kunniin garuu dhugoomuu kan danda’an, dhimmootiin mummeyyiin seensarratti eeraman mudaa tokko malee hojiirra olchuu yoo dandeenneedha.

Biyyi keenna sirna Feederaalaatiin bulaa jirti. Ummattoonni biyya keennaa tokkummaa demokraatawaa ta’een waliin jiraachuu irratti argamu. Ummatoonni waliin jiraachaa jiran, haala amma jiraachuu jalqabaniin itti fufuu kan danda’an nageenna amansiisaa waggoottan kudha afran darban biyyi keenna argatte eegnee itti fufsiisuu yoo dandeenne. Waa’een nageennaa dhimma murteessaa waan ta’eef, heerri mootummaa keenya nageenna amansiisaa fufiinsa qabu mirkaneessuu akka qabnu cimsee kaasa. Nageenni jiraatu waa’ee waliin jireennaa kaasuu dandeenna. Nageenni jiraatu waa’ee walii yaadu, wal jaalachuu, walii quuqamuu dubbachuu dandeenna.

Dhimmi murteessaan biroo ummattoonni biyya keennaa heera mootummaatiin waadaa irratti waliigalan ijaarsa sirna demokraasii tokkummaan dhugoomsuuf kutannoon kan qabsa’an ta’uudha. Sirni demokraasii bakka hin jiretti, waa’een kabajama mirgoota namoota dhuunfaa hin yaadamu. Walqixummaa sabaafi sab-lammootaa dhugoomsina dhimmi jedhu eddoo hin qabaatu. Walqixummaa saalaa, walqixxummaa amantaa walqixxummaa aadaa, afaan, seenaa kkf dhugoomsuu qabna gaaffiin jedhu fudhatama hin argatu. Kanaafuu, ijaarsa sirna demokraasii dhugoomsuun biyya keennaaf waan akka filannootti laallamu utuu hin taane dhimma akka lubbutti laallamu akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.

Haawasa sirna dinagdee tokkon bulu,  uumuufis heera mootummaatiin waadaan ummatoonni biyya keenna waliigalan faaydaa mataa isaa danda’e qaba. Biyyi keenna hiyyeettii dhuma harka alagaa eeggachuu jalaa hin baane. Waan ta’eef, ummattoonni biyya keennaa martii hiyyummaa hamaadhaan rakkachaa jiru. Hiyyummaa hamaa kana keessaa ba’uuf walii wajjiin hojjachuu gaaffata. Imaammata dinagdee tokkon gaggeeffamu gaafata. Qixa kana hordofuun gama dinagdeetiin jijjiirama fiduuf, ummanni keenna nageenna amansiisaa qabaachuun dirqama.

Sirna ol’aantummaan seeraa itti mirkana’e qabaachuunis, dhimma murteessaa kan biroo ummanni keenna fedhuudha. Ol’aantummaan seeraa bakka jirutti, nageenna amansiisaan ni jiraata. Ol’aantummaa seeratti amanuun bakka jirutti ijaarsi sirna demokraasii ni milka’a. Ol’aantummaan seeraa bakka jirutti, qabsoon hiyyummaa keessaa ba’uuf taasiifamus fiixa ba’a.

Walumaagalatti, nageenni amansiisaan jiraachuun, ijaarsi sirna demokraasii miila lamaan dhaabbachuun ol’aantummaan seeraa dhugoomuun, qabsoo ummanni keenna hiyyummaa baradheeraaf nurratti fe’ame keessaa ba’uuf gochaa jiru ni milkeessu jedhamanii abdatamaniiru.

Haa ta’uu malee baatiiwwan muraasaa asitti farreen ummataa daandii milka’aa biyyaafi ummanni keenna jalqabe kana karatti danquuf yemmuu wixxifatan mul’ataniiru.

Nageenna kufaatii sirna dargiitiin booda ummanni keenna argate harkaa baasuudhaaf karaa hedduun yaalameera. Keessattuu, filannoo Caamsa 7/97 deemsifame waliin walqabsiisuun sagalee ummanni isaaniif hin kennine arganneerra jechuun biyyattii dirree woraanaa gochuudhaaf dhaabbileen mormitootaa, keessattuu dhaabbanni Qindoomina jedhamu gochaan waxabajjii 1/97fi Onkololeessa 22/98 irraa kaasee hanga fincilichi too’anna jala oolutti raawwate, miidhaan lubbuufi qabeenna irratti dhaqabsiise, yaadannoo yeroo dhiyooti. Gochaan kun, waada ummattoonni biyya keenna heera mootummaatiin waliigalan gochaa mormuudha. Nageenni amansiisaan akka hin kabajamne, ijaarsi sirna demokraasii akka hin milkoofne, ol’aantummaan seeraa akka hin jiraane, hiyyummaa keessaa ba’uuf tumsi ummanni keenna taasiisaa jiru fiixa akka hin baane gocha taasiisaa jiruudha.

Humni farra nagaa, farra demokraasii, farra misoomaafi seera hin kabajinee, karama ta’eenuu faaydaa ummataa dhiibuu irraa duubatti hin deebi’u. Mirga ummataa ukkamsuu irraa duubatti hin jedhu. Dhugaa kana kan nuu mirkaneessu tokko gochaa humnootiin farreen nagaa gidduu kana ayyaana cuuphaa Finfinnetti kabajame irratti raawwatan.

Akka beekkamu heerri mootummaa walabummaa amantaa mirkaneesseera. Mootummaan dhimma amantaa keessa akka hin galle, amantaanis dhimma mootummaa keessa akka hin galle daangaa itti godheera. Bu’uura kanaan amantaaleen addaddaa biyya keennatti daangaa tokko malee hordofamaa jiru. Bu’uura amantichaatiin sirnootiin ayyaanaatis bakkeewwan sirni amantootaa itti gaggeeffamuttis ta’ee, dirreewan irratti kabajamaa dhufaniiru.

Haa ta’uu malee, ji’oota muraasaa asi ayyaanota dhimma amantaa waliin walqabatan, dhimma siyaasaa wajjiin walqabsiisanii jeequun daddabalamee mul’achuun dhimma cimsamee balaaleffatamuu qabu ta’ee argameera. Dhimma ummatichi abbaan amantaa eennumaanuu dura balaaleffachuu bira darbee humnoota gocha seexanaa raawwatan afoo dhaabbatee falmu ta’eera. Dhimma mootummaanis humnoota ummatichi ayyaanasaa nagaadhaan akka hin kabajanne godhan irratti ummata waliin ta’ee qixa seeraatiin tarkaanfii barsiisaa irratti fudhatu ta’eera.

Ayyanni cuuphaa Ammajii 11/98 magaalaa Finfinneetti ayyaaneffame, akka hin ayyaneffatamne gochuuf humnootiin farra amantaa ta’an yaaliin hin goone hin jiru. Jalqaba irratti “Taabbonni hin bayu” olola jedhu deemsiisaa turan. Gaafa toobboonni bayu ammoo jeequmsa kaasuun sirnichii nagaadhaan akka hin gaggeeffamne taasiisuuf yaalan. Yaalii godhan kanaan lubbuun namoota siviilii lama akka darbeefi namoonni siviiliifi poolisoonni akka madaa’anis poolisiin ibsa kenneen beekuun danda’ameera.

Kanaan duras sirna ayyaana masqalaa irratti jeequmsi wal fakkaataan akka ka’u kan godhame ta’uun waan yaadatamu. Haaluma wal fakkaataa ta’een sooma hiikaa Ramadaanaatis akkasuma ummanni nagaadhaan soomasaa akka hin hiikne jeequmsi daandii irraa “qinjiiti” deemsiise qaamuma jeequmsa amma ayyaana cuuphaa irratti raawwatameeti.

Gochaan akkanaa, nageenni biyya keennaa amansiisaa akka hin taane gochuuf raawwatame. Ijaarsi sirna demokraasii akka hin milkoofneef raawwatamaa jira. Ol’aantummaan seeraa akka hin jiraanne gochuuf dalagama jira. Daandiin misoomaa qabanne fuula dura akka hin deemne taasiisuuf waan dalagamaa jiruudha. Walumaa galatti mirgaafi faaydaa ummatni keennaa heera mootummaatiin gonfate harkaa fudhachuuf itti yaadamee waan raawwatamaa jiruudha.

Dubbiin nageennaa waan salphaa miti. Nagaan yoo boora’e maal ta’uu akka dandeennu utuu fagoo hin deemne guyyoota muraasa jeequmsi deemsifame keessattuu arginee jirra. Muuxannoon biyyoota ollaatis waa guddaa nu barsiisa. Ayyaana cuuphaa irratti humnoota jeequmsa kaasuuf yaalan ummatichi cimsee waan itti qabsa’eef yaadni isaanii fagoo deemuu hin dandeenne. Isa keessatti dhokatanii yakka raawwachuuf worra socho’an dabarse qaamota tasgabbiitiif waan kenneef, itti gaafatama seeraa jalaa ba’uu hin dandeenne. Fulduraafis abdiin nageenna keennaa ummatuma keenna amantaa jedhu qabna. Waan ta’eef, sirna ayyaana cuuphaa irratti birmannaan mul’atee yeroo kamiyyuu cimee itti fufutu irraa jiraata. Farreen ummataa, yoo ummataan ademsaman dhabamsiisuun danda’ama waan ta’eef.

   (Xiyyeffannoo - LK 315)