Humnoonni mormitootaa maaliif karaa seera qabeessarraa baqatu?

Ijaarsa sirna demokraasii demsisaa jirru keessatti hirmaannaan paartilee mormitootaa gahee ol’aanaa qaba. Haata’u malee, paartileen mormitootaa biyya keenya karaa nagaafi demokraasiin kaayoofi ilaalcha qaban tarkaanfachiisuudhaan tumsa biyya keenya hiyyummaa keessaa baasuuf taasifamaa jiru deeggaruudhaan hojjechuu dhiisani daandii shorarkeessitummaafi jeequmsaa kan filataniidha. Paartileen kunneen haala mijaa’a biyya keenyatti argameen fayyadamu hin dandeenye. Fedhiin isaanii biyyattiin jeequmsa hin xumura qabnee keessatti galtee akka waxalamtu taasisuudha.

Gochasaanii kanammoo fakkeenya addaddaa kaasnee ilaaluu dandeenya. Dhaadheessitoonni paartii Qindoominaa karaa nagaafi seera qabeessa ta’een ilaalcha siyaasaafi kaayoo qaban tarkaanfachiisuu dhiisuudhaan daandii jeequmsaa filataniiru. Miseensotaafi deeggartootasaanii badiidhaaf hiriiran lafa jalaan meeshaa waraanaa hidhachiisanii jeequmsaaf bobbaasaniiru. Okkara karaarra ka’e kanaanis lubbuun namoota hedduu baduusaanayyuu, qabeenyi ummataafi mootummaa barbadaa’eera. Jeequmsa magaalaa Finfinneetti ka’e kana magaalaa gurguddoo biyyattii keessatti babal’isuuf karoorasaanis hirmaannaa ummataafi nagaa eegdootaan jalaa fashalaa’eera. Paartileen mormitootaa kanneen waltajjii argatan maratti jeequmsa labsaa turan. Adeemsisaanii kun jalaa fahaloofnaan fuulasaanii gara manneen barnootaatti naanneessuudhaan adeemsa baruufi barsiisu jeeqaa turaniiru. Hojiinsaanii kun hundi eenyummaasaanii kan saaxiluu ta’uusaarrayyuu, jarreen kun karaa nagaafi seer qabeessa ta’een yaadasaanii dhiyeessuurraa gocha seeraan ala ta’eerratti bobba’uusaanii kan mirkaneessuudha.

Paartileen mormitootaa fedhiin isaanii ummata isaan filate tajaajilu utuu hin taane aangoo mootummaa humnaan qabachuudha. Humnoonni kunneen yaad-rimee demokraasii wanta beekan hin fakkaatu. Paartilee kanneen keessaammoo KBOn isa tokkodha. Paartiin kun maqaa ummata Oromootiin kan hundaa’e haa ta’u malee, gochi isaa ummata Oromoo tajaajilu utuu hin taane ergamtoota nafxanyaa ta’udha. Sirna nafxanyaa qabsoo ummata Oromootiin barbadaa’e deebisuuf tattaaffachuudha.

KBO duraan qajeelchaa kan turan Dr. Mararaa Guddinaati. Dr. Mararaan sirna dargi keessatti hirmaannaa cimaa kan qabaniifi harkiisaanii dhiiga namoota qulqulluutiin kan xuraa’ee ta’uusaa ragaaleen addadda ni eeru.

Paartiin isaaniin  hundeeffamasaarraa jalqabe ol’aantummaa nama tokkootii kana ogganamudha. Akka paartii siyaasaatti utuu hin taane akkuma dhaabbata daldalaa dhunfaatti kan ilaalamudha. Dhimma hundaarratti kan murteessu ogganticha Dr. Mararaan ta’uusaanii odeeffannoon argame ni addeessa.

Isaan paarticha akka paartii dhunfaa saanitti ilaaluusaanirrayyuu, gaaffii miseensonni kaasaniif gurra hin laanne. Muuxannoo kanaan dura sirna dargii keessatti qabaniin miseensota paartichaa ukkaamsuudhaan “anatu sibeeka” jedhanii yoo barbaadan beekumsa miseensotasaanii ala “ebaluun mudeera, ebalu buseera” jechuudhaan ol’aantummaa saanitiin paarticha ogganaa turan. Kana qofa miti, akkuma madda odeeffannoo keessa beektootarraa argame eerutti Dr. Mararaan baajata paartichaatti kan murteessan isaan qofadha.

KBOn maqaa ummata Oromootiin kan hundaa’e yaa ta’u malee, kallatiidhaan hojiinsaanii yemmuu madaalamu garuu eergamaa nafxanyootaa ta’uusaanii hubanna. Dr. Mararaan nafxanyoota diina Oromoo wajjin hiriiruudhaan ummata Oromoo irratti daba xaxaa turan. Maqaa Oromuummaatiin faayidaa ummata Oromoo dabarsanii kennaniiru. Qajeelcha nafxanyootaa fudhatnii misooma si’ataa naannoo Oromiyaa keessatti deemsifamaa jiru guufachisuuf tattaafataniiru.

Paartiin isaan miseensummaan keessatti hirmaatan maqaa Gamtaatiin dhaabbata ol’aantummaa nafxanyootaatiin kan ogganamudha. Fakkeenyaaf Dr. Nagada Gobaze jedhaman sirna dargii keessatti gocha golii diimaarraatti hirmaannaa cimaa qabaniidha. Akkasumas, sirna demokraasii biyya keenya keessa deemsifamaa jiru guufachisuudhaan biyyattiin waraana xumura hin qabnee keessatti galtee ummanni keenya rakkoo dhaaf akka saaxilamu kan barbaadaniidha. Isaan magaaloota gurguddoo Ameerikaafi Awurooppaan keessa ta’ani eergamtotasaanii kanneen akka Dr. Mararaa jiranitti fayyadamuudhaan nageenyaafi tasgabbii biyya keenya keessatti mirkanaa’ee boreessuuf kan socho’anii dha.

Biyyattiin jeequmsa dhumaatii hin qabne keessatti galtus dhimmasaanii miti. Isaan Ameerikaafi Awurooppaa keessatti jireenya qananii jiraatu. Fedhiin isaanii dhiiga lammilee keenyaan dahaatanii aangoo mootummaa qabachuudha. Adeemsa demokraasii biyya keenyaatti ijaarama jiru guufachiisuu  dha.

Akkuma armaan olitti ilaalleetti jarri kun biyya keessattis eergamtootasaaniif qajeelcha kennuudhaan fedhii isaanii galma ga’uuf tattaaffii waliirraa hin cinnee taasisaa turaniiru. Fedhiin jara kanaa akkuma akaakileefi abaabilee isaanii ummata keenya qe’eefi malkaasaarratti gabroonfatan, qabeenya, lafasaa saaman dhiigasaa xuxani hunda isaanis dabareesaanii nafxanyummaa ammayyaatiin ummata keenya gabroonfachuuf. KBOn immoo jarreen kana wajjin hiriiruudhaan deeggarsa kenna. Maqaa Oromootiin dhaabbachaa diina ummata Oromoo ta’an tajaajilu dha. Kunis eenyummaa Dr. Mararaa kan ibsuudha.

Gama biraatiin demokraasii biyya keenya keessatti uumameen fayyadamuu dhaan karaa nagaafi seera qabeessummaa ta’een Oromoofi qabsaa’uu barbaadan akkasumas, tumsa biyya keenya hiyyummaa keessaa baasuuf deemsifamu deeggaruuf Oromuummaasaanitiin paartichaa cinaa hiriiran gaaffii addaddaa kaasuun saanii hin olle. Akkuma armaan olitti eeramuu yaalameetti Dr. Mararaan paarticha akka kubbaaniyyaa dhunfaasaaniitti waa ilaalaniifi miseensotasaanii gaaffii kaasan shakkuu jalqaban.

Ijoolleen Oromoo KBO paartii fedheefi faayidaa ummata Oromoorratti hundaa’uu dhaan qabsaa’uu itti fakkaatee dhaabichatti makaman adeemsii Dr. Mararaan waan itti hin tolleef gaaffii mirgaa kaasuu jalqaban gaaffii miseensotasaanii ukkaamsuuf humnaan fayyadamudhaan namoota gaaffii gaafatan paarticha keessaa ari’u jalqaban. Kana qofaa miti, namoota isaan morman kashalabbee itti bituudhaan ajeesiisuuf yalaniiru. Fakkeenyaaf yaaliin ajjechaa dura taa’aa damee dargaggootaa kan ta’e dargaggoo Disaasaa Lataa irratti Adooleessa 28/1997 raawwatame wixinee Dr. Mararaa ta’uusaa odeeffannoon argamee dabalee addeesseera.

Gama biraatiin Dr. Mararaan ajaja gooftoolii isaanirraa fudhataniin raawwachiisuudhaaf biyya keessatti jeequmsii akka ka’u taasisaa turaniiru. Kun hundi Dr. Mararaan adeemsa seera qabeessummaarraa gara humnaafi jeequmsaatti galuusaa kan hubachisuudha.

Adeemsisaan kunimmoo paarticha keessatti garaagarummaan akka uumamuu taasiiseera. Oromoota miseensota KBO ta’aniifi karaa demokraasiifi nagaatiin akkasumas, bu’ura Heera mootummaatiin qabsaa’u fedhaniifi Dr. Mararaa gidduutti garaagarummaan bal’aa uumame. Kunis paartichi iddoo lamatti akka foxoquu taasiisera. Dr. mararaan mirga ummata Oromoo nafxanyootaafi dabarsanii kennuusaanii kan isaan gube miseensonniifi oggantoonni KBO qophaasaanii ba’uudhaan karaa nagaafi demokraasitiin qabsaa’uuf akkasumas, tumsa hiyyummaa maqsuuf taasifamu deeggaruuf of danda’anii dhaabbatan.

Miseensotaafi oggantoota KBOn ogganamu qophaatti ba’uudhaan heyyama seera qabeessummaa argatee qabsoosaa itti fufuuf iyyannoo Bordii filannoo biyyaaleessaaf dhiyeessee fudhatama argatee itti fufeera. Yemmuu kanas Dr. Mararaan naasuudhaan gara seeratti deeman. Akuma armaan olitti eerameetti Dr. Mararaan daandii seeraan ala qabatanii deemaa turan. Nama ola’aantummaa seeraa hin beeknee turanii garuu yemmuu rakkoonsaan qunnamu gara seeraatti deeman. Manni murtichaas bu’ura seera biyyatiin KBO Ob. Tolasaa Tasfaayeetiin ogganamuuf murteesseera. Ammaan booda KBO Dr. Mararaan ogganamu seera qabeessummaa hin qabu.

Walumaa galatti paartileen mormitootaa karaa seera qabeessa ta’een qabsaa’uurraa daandii seera qabeessa hin taanee filatu. Isaan kan barbaadan jeequmsaafi Heera mootummaa biyyattii diiguudhaan karaa seera qabeessa hin taaneen aangoo mootummaa qabaachuu dha. Misooma si’ataafi demokraasii biyya keenya keessatti dagaagaa jiru guufachisuudha. Kunimmoo gonkuma milkaa’u hin danda’u.

   (Xiyyeffannoo - LK 315)