Ibsa Ejjannoo Hirmaattota Konfiransii Dhaabbatummaa 4ffaa Dh.D.U.O

1- Boqonnaan filannoo keessa dabarsine seenaa siyaasa biyya keenyaa keessatti boqonnaa haaraafi kan qabsoon dhaaba keenyaaInjifannoo haaraa itti galmeesse ta’uu hubachuun filannichaan walqabatee komiiwwan ummatni keenya kaaseef furmaata kenuuf tarkaanfiin fudhatame abdachiisaa ta’uu hubachuun sochii kana cimsinee fedhiifi faayidaa ummata keenya guutuuf gara kuteenyaan ni qaboosfna.

2-  Filannoo booda dhaaba keenya cimsuuf murtiin muraayeefi sochiin godhame bu’aa gaarii akka galmeesseefi dhaabbanni keenya ummata Oromoo keessatti baldhina qabaachuu malu akka qabaatuufi hayyoota demokraatotaa kumaatamaan lakkaawwamaniifi qonnaan bultoota cimoofi adda duree ta’an ammachuuf hojiin hojjetame hojii boonsaa dhaaba keenya cimina guddaa gonfachiisee kan qabsoo waltajjiin haaraa gaafatuuf isa geese ta’uu hubachuun humna horanne kana ijaaruun eenyummaa siyaasummaa keenyaa cimsuun sochii hiyyummaafi duubatti hafummaa keessaa bahuuf godhamu keessatti gahee adda durummaa akka taphataniif harka walqabannee ni qabsoofna.

3-  Dhaabni keenya har’as akkuma kaleessaa aantummaafi gartummaa ummata Oromootiif qabu mirkaneessaa akka deemuuf “dhaaba filannoo kophaa ummata keenya” ta’uu hubanneera, kana irraa ka’uun kaayoo dhaaba keenyaa kan misoomaa nagaafi demokraasii ummataan filatame galmaan gahuuf wareegama nurraa eeggamu hunda kafaluun ni qabsoofna.

4-  Hawaasa siyaasaa tokko ijaaruuf misoomaaf bulchiinsa gaarii biyyaatti keessatti mirkaneessuufi sochii godhamu keessatti gaheen ummata Oromoo ol’aanaafi murteessaa ta’uu hubachuun ummanni keenya faayidaa isaaf malu hunda argachaa gahee isa irraa eeggamu akka bahuuf gaggeessummaa nurraa eeggamu ni baana.

5-  Waltajjii demokraatawaa qabsoo ummataatiif dhaaba keenyaatiin argametti fayyadamuudhaan humnoota heera mootummaa biyyattii humnaan diiguufi akkasumas sochii abdachiisaa biyyi teenya jalqabde gufachiisuuf humnoota heera mootummaa irratti waraana labsan wajjin jeequmsa uumaa jiran balaaleffachuun ol aantummaan seeraa akka kabajamuufi daandiin guddina jalqabame cimee akka ittifufu gara keenyaa ni qabsoofna.

6-  Humnoota sirna moofaa duraa deebisuufi abjuun maraataniifi farda du’een gulufuu barbaadan akkasumas dhaabbilee maqa Oromootiin gurmaayanii lammii Oromoo irratti badii dhaqqabsaa jiran balaaleffachaa sochii farrumaa isaan dalagan ummata keenya wajiin ta’uun ni dhabamsiifna.

7-  ABOn dhaaba seenaaniifi dogoggorri darbe isa hin barsiifne ta’uusaa mirkaneesse har’as ergamaa shaabiyaa ta’uun biyya teenya daandii guddina irraa guffachiisufi tattaaffii godhaa jiru mancaasuun isaaniif gooftota isaanii Asmaraa taa’anii badii hawwan qabsoofna.

8-  Dhaabni keenya cimee ergama isaa bahuu kan danda’uu qulqullina keessa isaa eeggatee toora warraqsaatiin yoo cime qofa ta’uu hubachuun hunda ol qulqullinaafi cimina keessaa dhaaba keenyaatiif xiyyeefannee maxxantummaa irratti ni qabsoofna.

Gurrandhala 20 bara 1998 Adaamaa

Horoo Buloo !!

   (Xiyyeffannoo - LK 319)