Oomishtummaa guddisuuf, meeshaalee qonnaa fooyyessuu

Maxxansa darbe mata duree kana jalatti meeshaalee qonnaa qorannoodhaan fooyya’anii ba’an ilaalchisee qohii tokko dhiheessinee ture. Inistiityuutiin qorannoo qonnaa Oromiyaa meeshaalee qonnaa fooyya’an baasuudhaan qonnaan bulaa bira ga’anii bu’aa akka argamsiisan gochaa tureera, ammas kanumarratti argama. Kana ilaalchisuun maxxansa darbeen qophii dhiheessine itti fufa isafi kan xumuraa akka armaan gadiitti dhiheessineerra.

Meeshaalee qonnaa oomishaan boodaa jedhamuun kan beekaman keessaa tokko gombisaa midhaan callaa’e itti galfamudha. Akkuma beekamu gombisaan aadaa rakkoowwan adda addaa ni qabaata. bishaan ni galcha, daanawoo damdamachuu hin danda’u. Kanarraa ka’uun gombisaan fooyya’e rakkoowwan kanneen irraa bilisa akka ta’e hubatameera. Fkf Gombisaan fooyya’e osoo daanawoon hin nyaatiin boqqoolloo baatii 8f tursuu akka danda’u mirkanaa’eera. Baatii jedhame kana keessatti Boqqoolloon gombisaa aadaa keessa kaa’ame guutummaatti daanawoodhaan nyaatame, nisames. Kun egaa gombisa fooyya’een yoo bakka buufame faaydaan isaa guddaa akka ta’e hubanna.

Meeshaa aannan raasus yoo fudhanne kan aadaan ture waliin wal biratti yoo ilaallu kan fooyya’ee ba’e bu’aa gaarii argamsiisuu kan danda’udha. Meeshaan aannan raasu kan fooyya’ee ba’e daqiiqaa 30 keessatti aannan liitiroo 12 raasuu akka danda’u mirkanaa’eera.

Hojiiwwan jiddu galeessota qorannoo qonnaa keessatti hojjetaman keessaa tokko meeshaalee alaa galan bakka kan bu’an biyya keessatti hojjechuu akka ta’es hubanneerra. Ob. Umar Xahaa bakka bu’aan daarektareetii meeshaalee qonnaa yemmuu ibsan akkas jedhu. “Gaarii beelladaan harkifamuuf miila isaa alaa galchina ture. Innis gargaarsaan kan kennamudha. Yoo kan kenname kun dhume maal goona? jennee yaanne. Miila gaarii kanaaf ta’u sibiila adda addaa irraa hojjenne. Kuntaala 10 kan harree tokkoon deemuu danda’u hojjennee qonnaan bulaa biratti beeksisaa jirra.” Teeknoloojii madda humnaa Gorannoon hojjetaman keessaa girgiraan qoraan qusatu isa tokkodha. Maqaan ishees Absee akka jedhamtuufi kanas Faransaayii akka fidan bakka bu’aan kun nuuf ibsaniiru. Girgiraan kun kan aadaa waliin wal cinaatti yemmuu ilaalamu %40-50 qoraan akka qusatu mirkanaa’eera.

Akkuma beekamu qoroqondaan boqqoolloo biyya keenya keessatti bal’inaan faaydaa qoraaniif oola. Qoroqondaan kun wayta qoraaniif oolu aara qaba. Battalatti gubatee dhumas. Haa ta’u malee qoroqndaan kun qorannoodhaan fooyya’ee bifa cileetiin hojjetameera. Kan bifa cileetiin hojjetame kan cilee hin taane waliin yemmuu wal biratti ilaalamu harka lama turuu akka danda’amu mirkanaa’eera. Baaburri sibiilaa bishaaniin hojjetullee qorannoon fooyya’ee akka hojjetame bakka bu’aan kun nuuf ibsaniiru. Meeshaa kanas “GTZ” irraa fuudhanii kan fooyyessan yoo ta’u, saa’a tokkotti qamadii kuntaala 2 sirriitti bulleessee daaka.

Inistiityuutiin qorannoo qonnaa Oromiyaa teeknooloojiiwwan fooyyessee baasu hamma qonnaan bulaa biratti beeksifamanitti callisee hin taa’u. Woorkishooppota qabu keessatti teeknooloojiiwan kanneen ni baay’isa. Bakka bu’aan kun akka nuuf ibsanitti, fkf bar-dheengaddaa mootummaan naannoo Oromiyaa gaagura kuma 25 qonnaan bulaa biraan ga’uuf karoorfatee ture. Inistiityuutiin kun jiddu galeessota qabu 4 keessatti gaaguroota 7,200 oomisheera. Kan hafe akka humni biraa oomishu teeknooloojii kana dabarsee kenneera, inistiityuutiin kun.

Akka Ob. Umar Xahaan nuuf ibsanitti, waan humna ol ta’e irratti teeknooloojiin dabarfameetu kennama. Haaluma kanaan inistiityuutiin kunis bakka fedhiin guddaa ta’ee humna oomishuu danda’uu ol ta’etti teeknooloojii dabarsee kennaa jira. Kanneen teeknooloojii kana fudhatanis oomishanii bu’aa irraa argachaa jiru. Yeroo ammaa inistiitiyuutiin qorannoo qonnaa Oromiyaa teeknooloojii kana intarpiraayzoota maaykroof kenneera. Kanaaf gaagura hafe sana intarpiraayzoonni kun akka hojjetan kennameeraaf. Diizaaynii, fakkeenya gaagurichaa (sample) leenjii kan kennu garuu inistiityuuticha akka ta’e Ob. Umar nuuf ibsaniiru.

Gosa biyyee Oromiyaan qabdu keessaa biyyoon gurraachi bal’aadha, heek. mil. 7 ta’a. Akkuma beekamu biyyoon gurraachi kun bishaan waan irra ciisuuf yeroo gannaa as irratti oomishuuf rakkisaadha. Bishaan kana dhimbiibanii (qoorsanii) irratti oomishuun danda’ameera. Kunis meeshaa “BBM” (Broad bed Maker) jedhamuun kan hojjetamudha. Meeshaa kana kuma 50 akka oomishamu mootummaan naannoo Oromiyaa waan barbaadeef inistiitiyuutiin kun kanneen maaykroon gurmaa’an akka oomishan leenjii waliin kenneeraaf. Kanas akka ofirraa dabarsanii kennan bakka bu’aan kun nuuf ibsaniiru.

Teeknooloojiiwwan inistiityuutiin kun ofirraa dabarsee kenne (tarnsfer) godhe keessaa tiriidil paampiin isa tokkodha. Tiriidil paampiin keessumaa iddoowwan rakkoon wabii nyaataa jirutti baay’ee barbaachisa. Qonnaan bulaan bishaan cimmisate oyruu isaa obaasuuf baay’ee isa gargaara. Akka kanaan inistiitiyuutichi jiddu galeessa qabu keessatti 5,000 hojjeteera.

Ammallee fedhiin waan jiruuf, fkf mootumman 12,000 akka oomishamu waan barbaadeef maaykroon kan gurmaa’an akka oomishan leenjisee kenneeraaf. Kanas ofirraa dabarseera jechuudha.

Inistiiyuutiin qorannoo qonnaa Oromiyaa teeknooloojiiwwan adda addaa qoratee baasuun alattis teeknooloojiiwwan kanneen irratti leenjii ni kenna. Kun xiyyeeffannoo inistiityuutichaa isa guddaa akka ta’e Ob. Umar ni dubbatu. Waggoota shanan darban keessa meeshaalee oomisha dura, oomisha boodaa, inarjiifi waan addaaddaa irratti qonnaan bultoota 6,349f leenjii kenneera, inistiityuutichi. Hojjettoota misooma qonnaa 892fi hojjettoota misoomaa 566f meeshaalee qonnaa adda addaa irratti akkasuma leenjii kenneera. Kana malees “BBM” irratti namoota misooma qonnaa sadarkaa godinaa, aanaa, hojjetoota misoomaa 1,076f akkaataa itti fayyadama isaa irratti bar-dheengaddaa leenjiin kennameeraaf.

Haaluma wal fakkaatuun bar-dheengaddaa hojjettoota maaykroo waldaa gara garaatii baba’an 267f leenjii kenneera, inistiityuutichi. Adeemsi kun dargaggoota baadyaa lafa hin qabne %30 ta’aniif carraa hojii akka uumu Ob. Umar ni dubbatu.

Xumura irratti Ob. Umar waan tokko nuuf ibsan. Kun qorannoo yeroo ammaa yaalii irratti argamanidha. Kanneen keessaa 8 xumuramaniiru. Digdamii jaaha ammoo irratti hojjetamaa jira. Soddoma ammoo bara 1999f wixinamaniiru. Walumaa gala teeknooloojiiwwan 64 jechuudha.

Qophii maxxansa lamaan dhiheessine kan osoo hin xumuriin dura qabxiilee tokko tokko kaasuun barbaachisaa akka ta’e nutti mul’ateera. Akkuma beekamu dinagdeen biyya keenyaa hojii qonnaa irratti kan hundaa’edha. Hojiin qonnaa biyya keenyaa ammoo haala boodatti hafaa ta’een kan gaggeeffamudha. Gindiis ta’e qambara (harqoota), maarashaa fooyya’aa ta’an itti fayyadamuudhaan oomisha ga’aa ta’e argachuun kan barame miti.

Waggoota dhihootii asitti inistiityuutiin qorannoo qonnaa Oromiyaa meeshaalee qonnaa fooyya’oo ta’an qorannoodhaan haabaasu iyyuu malee, hojiin kun umrii inistiityuutichaa (teeknooloojii baadyaa wayta jedhamu irraa kaasee) umrii qabu waliin yemmuu ilaalamu baay’ee isa hafa. Dinagdee biyyattii guddisuuf hojii qonnaa guddisuuf hojii filmaata hin qabnedha. Hojii qonnaa kana guddisuuf ammoo meeshaalee qonnaa fooyya’aa ta’an qorannoon baasuun dirqama ta’a.

Asirratti waan tokko sirriitti hubachuun barbaachisaa ta’a. Teeknooloojiiwwan addaddaa qoratanii baasuun waan tokkodha. Qonnaan bulaa biratti barsiisanii dafanii hojiirra oolchuun ammoo waan biraati. Akka armaan olitti hubachuuf yaalle, teeknooloojiiwwan oomishuuf humnaa ol ta’an dabarsanii kennuun adeemsa gaariidha. Kana caalaa kanneen adda addaa irrattis ciminaan itti adeemuun gaarii ta’a jenna.

   (Xiyyeffannoo - LK 315)