Toorri ADWUI, toora guddinaati

Biyyi tokko qabeenya uumamaa qabaattus, qabaachuu baattus kanneen lachuu guddina dinagdee biyya sanaatiif qofaa isaanii murteessaadha jechuun hin danda’amu. Qabeenyi uumamaa biyyi tokko qabdu yoo hojiirra hin oolle guddina galmeessisuu hin danda’u. Qabeenyi sun karoora mootummaan baasuufi hirmaannaa ummanni taasisuun misoomee guddinaaf ooluutu irra jiraata.

Karaa biraatiin ammoo biyyi qabeenya uumamaa kana jedhamu hin qabne tokkollee guddina dinagdee galmeessisuu ni dandeessi. Attamitti? kan jedhu yoo ni ka’a ta’e, ummanni biyyi sun qabdu qabeenya guddaa waan ta’eef qabeenyi kun yoo wal ta’e guddina dinagdee galmeessisuuf humna ni qabaata. Kanaafis taanaan kutannoofi karoorri mootummaan biyyattii baasee ittiin sosso’ee ummata sossoosu murteessaadha. Biyyoota qabeenya uumamaa bal’inaan qabaniifi garuummoo guddina dinagdeetiin boodatti hafoo ta’an keessaa biyyi keenya fakkeenya gaarii taati.

Kana irratti hundaa’uudhaan mee haala qabatamaa biyya keenyaa gaggabaabsnee haa ilaallu. Qabeenya uumamaa ilaalchisee maqaan Itoophiyaa yoo ka’u wantoota baay’eetu maqaa dhahamuu danda’u. Qabeenya lafaa yoo kaafne lafa bal’aa qofa osoo hin ta’iin, lafa gabbataa qabdi. Qabeenya bishaanii yoo ilaalles baay’inaan qabdi. Kanumaa ammoo gannaafi bona osoo wal irraa hin citiin kan yaa’an. Humna namaatiin illee Itoophiyaan soorettii akka taate ragaa dhiheessuun barbaachisaa hin ta’u. Gaaffii deebii quubsaa barbaachisu egaa kan ka’u kana booda. Kunneen hundi osoo jiranii biyyattiin maaliif hiyyummaa keessa turuu dandeesse?

Deebiin gaaffii kanaa walitti qabaatti yemmuu ilaallu akka armaan gadii ta’a. Kutannoon mootummoonni biyyattii bulchaa turan guddina biyyaatiif qaban dadhabaa ta’uu isaati. Kutannoon isaanii dadhabaa ta’uun isaa kan ittiin ibsamu ammoo jiddu galeesseei isaanii biyyattii ykn ummaticha osoo hin ta’iin mataa isaanii ta’uu isaati. Waggoota 14 asitti garuu rakkoon kun bifa amansiisaa ta’een hiikameera. Hunda dura biyyattii keessatti walqixxummaan ummattootaa, sabaafi sab-lammootaa mirkanaa’eera, eenyummaa isaaniitiin akka boonan, dhimma biyyaa irratti wal qixaan akka hirmaatan taasifameera. Ummanni biyya qabeenya uumamaatiin badhaate qabu, ummanni eenyummaan isaa mirkanaa’eef ammoo guddina dinagdee biyya isaatiif gumaachi inni gumaachu guddaa akka ta’e beekuun ni danda’ama.

ADWUIn qabsoo hadhaawaatiin sirna cunqursaa erga kuffisee biyyatti bulchuu jalqabee asitti, akkuma sirna cunqursaa kuffisee eenyummaa ummattootaa, sabaafi sab-lammoota mirkaneessee booda guddinni dinagdee illee akka galmaa’u taasiseera. Kunis kan eegale imaammataafi tarsiimoo sirrii ta’e baasuuni. Haaluma kanaan imaammanniifi tarsiimoon haala biyyattii qabatamaa ta’e irratti hundaa’e ba’eera, qonnaan bulaafi baadyaa giddu galeessa kan taasifate. Imaammataafi tarsiimoo kana irratti hundaa’uun hirmaannaa ummataa taasifameen bu’aaleen misoomaa hunde-qabeessa ta’an mul’ataniiru.

ADWUIn callaan qonnaan bulaa akka guddatu sochii taasise keessatti ekisteenshin paakeejii hojiirra oolchuudhaan callaan qonnaan bulaa akka guddatu taasiseera. Yeroo jalqabaatti callaan qonnaan bulaa guddatee gabaa irratti rakkasu iyyuu, sochii kanaan waanti tokko mirkanaa’eera. Karoorri sirrii ta’e ba’ee hojiirra oollaan misooma amansiisaa fiduun akka danda’amu. Sochiin oomisha qonnaan bulaa guddisuu kun cimee bifa qindaa’een itti fufe. Gama tokkoon qonnaan bulaan ogeessota qonnaatiin deeggaramee akka hojjetu mootummaan xiyyeeffannoon itti deeme. Gama biraatiin ammoo qonnaan bulaan callaa guddiftoota adda addaa akka argatu haalli mijaa’eef. Hunda caalaa ammoo oomishni qonnaan bulaan oomishu gabaa akka argatu taasifameera. Oomishoota gabaa irratti fudhatama qaban akka oomishus taasifameera. Kana irraa ka’ee oomishni qonnaan bulaa yeroo ammoo dabaluu irra darbee gabaa gaarii argachuu danda’eera.

Raawwii hojii baatii jahaa ilaalchisuun ministirri muummee Mallas Zeenaawii dhihoo kana mana maree bakka bu’ootaa ummataaf gabaasa dhiheessan yoo ilaallu guddinni dinagdee fufiinsa qabu galmaa’uu isaa agarsiisa. Keessumaa sochiilee waggoota sadihii as jiran yemmuu ilaallu kan guddate oomisha midhaan nyaataa qofa miti. Oomishoonni gabaa biyya alaaf ergaman bal’inaan oomishamaniiru, bal’inaanis gabaa biyya alaatti ergamanii sharafni gaariin irraa argameera. Kanas akka armaan gadiitti tokko tokkoon ilaaluun ni danda’ama.

Akka biyyaatti, bara 1996/97 callaan kuntaalli 119,068,122 kan argame yoo ta’u, bara oomisha 1997/98 ammoo gara kunt. 137,087,300tti ol guddateera. Karuma wal fakkaatuun oomishaaleen midhaan zayitaa biyya alaatti ergaman bara kana dabalaniiru. Akka kanaan oomishaaleen midhaan zaytaa kunneen %208.44 guddina kan agarsiisan yoo ta’u, oomishaaleen miidhaan zayitaa dheedhii, qimamii biyya alaatti ergaman %27.7 qabachuudhaan sadarkaa tokkoffaa irratti argamu. Oomishni midhaan nyaataa illee %143.36n akka guddate gabaasa ministira muummee irraa hubachuun nidanda’ama.

Akka walii galaatti yoo fudhanne, oomishni biyya keenyaa yeroo yeroodhaan guddina agarsiisaa jira. Kunis kan ta’e akkuma seensa irratti keenye kutannoo mootummaafi hirmaannaa ummataa irraa kan maddudha. Haala qabatamaa amma jiruun oomishni biyya keenyaa guddate kun midhaannyaataa qofaa miti. Oomishaaleen biyya alaatti ergaman, kenniinsi eeyyama investimentii kan bar-dheengadda yeroo wal fakkaataa %44.7 caaluu, kenniinsi liqii baankii kan bardheengaddaa %32.1 dabaluun, akkasumas maddi galiiwwan adda addaa kan bar-dheengaddaa yeroo wal fakkaataa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu caalmaa akka qabu hubatama. Haala qabatamaa biyya keenyaa kana akka Oromiyaatti fudhannee yoo ilaalle dhugaan jiru kanuma agarsiisa. Guddina callaa kan naannoon Oromiyaa galmeessise kan waggoota sadiin asii ilaaluun nidanda’ama.

Akka Oromiyaatti qonnaan bulaan sa’aatii dheeraa hojii irratti akka dabarsu, lafa isaa bulleessee akka qotu, lafa dabalataan akka qotu, irra deddeebi’ee akka aramu deeggarsi ogeessaa taasifameefii waggoota lamaan darban sochiin gaariin taasifameera. Kanuma waliin callaa guddiftoonni adda addaa itti fayyadama isaanii waliin qonnaan bulaaf dhihaateera. Kana malees bishaan bifa kamiin argametti fayyadamee gannaafi bona akka oomishu, Ispeeshaalaayzeeshiniifi daayvarsifikeeshiniitti akka fayyadamu sochiin taasifameera. Sochii taasifame kanaanis bu’aawwan amansiisaan galmaa’aniiru.

Kana irraa ka’uun oomisha ganna, kan midhaan nyaataa qofa illee yoo ilaallee, bara oomishaa 1996/97 akka naannoo Oromiyaatti callaan kuntaala mil.81 argameera. Callaa kana argachuuf muuxannoowwan argamanitti fayyadamuudhaan bara oomishaa 1997/98 callaa kana caalaa argachuuf sochii taasifameera. Haaluma kanaan oomisha arfaasaafi kudraafi mudraa osoo hin dabalatiin callaan kunt. mil. 91 akka argamu tilmaamameera.

Qabatamaa armaan olitti eeraman kanneen irraa maal hubanna? kan jennu yoo ta’e, biyyi keenya dinagdee walirraa hin cinneefi guddina walirraa hin cinne waggaa waggaa galmeessisuu eegaluu isheeti. Guddinni dinagdee kun akka biyyaatti kana yoo fakkaatu, kun ammoo jireenya qonnaan bulaa irratti maal fide? kan jedhu akka walii galaatti ibsuun ni dana’ama. Mee akkasiin haa ilaallu.

Hunda caalaa, irra caalaan qonnaan bulaan biyya keenyaa sadarkaa midhaan nyaataatiin of danda’uu irra ga’eera. Kana jechuun gannaafi bona nyaatee buluu danda’eera. Karaa biraatiin ammoo oomisha isaa gurguree idaa mootummaa kafaluufi gabaa gaarii argateera. Oomishaalee galii isaa guddisan kanneen akka kudraaleefi mudraalee adda addaa oomishuudhaan maallaqa qabachuu danda’eera.

Karaa wal fakkaatuun har’a qonnaan bulaan mana citaa keessaa ba’ee mana qorqoorroo ijaarrachuu irratti argama. Miila duwwaa deemuu jalaa ba’ee kophee fooyyee qabu kaawwachaa jira. Uffannaa gaarii uffachuu eegaleera. Kana irra darbee ammoo televiziyoona kan galfate, konkolaataa kan bitate, motora bishaanii kan bitate, baadyaa keessatti bilbila kan galfate akka jirus ijaan waan arguun danda’amudha.

Qabxiiwwan armaan olitti kaafne irraa kan hubannu egaa yeroo ammaa biyya keenya keessatti dinagdeen tasgabbaa’aafi guddina argisiisaa deemu galmaa’aa jiraachuu isaati. Dinagdee bifa kanaan guddachaa deemu kun osoo walirraa hin citiin itti fufee jireenya ummata fooyya’aa jiru kana caalaa akka fooyyessu ADWUIn ammas kutannoodhaan sosso’aa jira. Kutannoon ADWUI akkuma jirutti ta’ee, kanneen dhimmi ilaalu hundi ADWUI waliin kutannoodhaan sosso’uu qabu. As keesatti ummanni iddo olaanaa qaba.

Mootummaan karoorawwan dinagdee biyyattii guddisuu danda’an ummata waliin mari’atee baasuudhaan ummataaf dhiheessee akka hojjetamu gochuuf cimeetu sosso’a. Kana malees wantoota guddina dinagdee kanaaf gargaaran humna qabuun dhiheessuu itti fufa. Ummanni ammoo karoora ofiin irratti mari’atee baasee mootummaan raawwachiisuuf sosso’u kana galmaa ga’uuf akkuma mootummaa kutannoon ka’uu qaba. Abbootiin qabeenyaa misooma biyyaaf dhaabatanis taanaan haala mootummaan mijeesse kanatti fayyadamanii guddina ofiifis ta’u guddina biyyaatiif kutannoon sosso’uu qabu. Hundi bifa kanaan wal qabatee hojjeta taanaan guddinni dinagdee eegalame kun itti fufa. Guddinni caalus ni galmaa’a. Biyyaafi ummata badhaadhe arguunis ni danda’ama.

Walumaa gala toorri ADWUI toora misoomaa, toora guddinaa waan ta’eef kutannoon waliin hiriiruu qabna.

   (Xiyyeffannoo - LK 318)