“Ga’een miseensota keenyaa misooma karaa walirraa hin cinneen guddachuu jalqabe kana adda durummaan itti fufsiisuudha”

Abbaa Duulaa Gammadaa

Oromiyaa - Naannoo Oromiyaa keessatti guddinni waggoota darban keessatti Dh.D.U.O dhaan argamee akkamiin ibsama, hojiiwwan hojjetaman hoo?

Abbaa Duulaa- Waggootii darban tarsimoo misoomaaf demokraasii kaayoo Dh.D.U.O. irraa maddehojiirra olchuudhaan bu’aan qabatamaa ta’e mul’achaa dhufee jira. Bu’aan kun keessumattuu waggootii sadan darban itti fufiinsa qabun guddina waliirraa hin cinne kan agarsiiseefi naannoo keenya akkuma waliigalaattimmoo biyya keenya guddisuun tarsiimoofi imaammata kanaan gaggeeffamuudhaan  akka danda’amu kan agarsiiseefi kan mirkaneessedha. Karaa kanaanis damee dinagdee hundarrattiifi dameewwan dinagdee keenya guddisuuf fala ta’an garuummoo dinagdee gargaaruu kan danda’an jedhamanii kan ilaalaman kan akka fayyaa, daandiifi ibsaa kana kanarratti gara hundaanu guddinni mirkanaa’e jira.

Gama dinagdeetiinis misooma qonnaarratti waggootii sadan darban guddinni mul’ate jira. Fakkeenya kaasuudhaaf gidduugallii oomishnii qonnaa naannoo keenyaa yeroo dheeraa dhaaf kuntala miliyoona 54 hin darbine ture. Waggaa waggaadhaan dabalaa deeme. Fakkeenyaaf bar-dheengaddaa oomishnii gannaa duwwaan hanga kuntaala miliyoona 91 argame jira. Kuntaala miliyoona 91 tilmaamame kan hojii bonaatiin kan hojjetame bonee, jal’isii afraasaa yoo dabalateemoo kuntaala miliyoona 110 ol haala ta’eetu mul’ata. Kuni guddina qonnaa qofaasaa yoo ilaalluu waggaa waggaadhaan hangam akka deemu ilaaluun ni danda’ama. Guddinni kun kan biraatinis degaramee mul’ata. Fakkeenyaaf investimeentiirratti karaa wal-fakkaatuun bal’inaan deemaati jira. Investimeentiin naannoo keenyaatti ijaaramaa jiruufi hojii inni uumaa jiru akkasumattis sharafa biyya alaa galchu gubbaa irratti gaheen inni taphachaa jiru bal’aadha. Kun akka misooma qonnaafi investimeentiitti haa jennu malee naannoo daldala xixxinaatiifi kan kana fakkaatuurrattis hojiin hojjetamaa jiruufi guddinni mul’achaa jiru ni jira.

Gama barnootaa uwwisni isaa baay’ee bal’achaati jira. Amma waggootii darban hojii hojjetameen manni barnootaa ganda hundaa keessatti walga’uun danda’ameera. Darbee darbees ganda babal’aa keessatti dabalataan haala ijaaramtu jira. Sadarkaa aanaafi naannoo sanattis sadarkaan lammaffaa babal’achaa jira. Akka mootummaa federaalaattis hojii bal’aa hojjetamaa jira. Fakkeenyaaf bilbillin gandaatti gad-bu’uu jalqabeera. Daandiiwwan gurguddaan naannoo keenya keessatti qaxxaa muran gara asfaaltiitti geeddaramaa jiru. Akkasumattis daandii baadiyaa naannoo keenya keessatti kun hojjetamaa jira.

Gama fayyaattis fedhii ummataatiin kan walgitu yoo ta’u baateellee garaagarummaafi guddinni mul’ate ni jira. Akkuma waliigalaatti waggootii darban itti tarsimoofi imaammata kaayoo Dh.D.U.O irraa madde hojii hojjetameen guddinni qabatamaan mirkanaa’ee jira. Naannoo keenyas ta’e biyya keenya karaa kanaan guddisuuf akka danda’amus hanga ammaa bu’aa mul’ateerra ilaaluun ni danda’ama jechudha.

Oromiyaa -   Hojiiwwan hanga ammaatti naannoo keenya keessatti raawwataman ilaalchisee qonnaan bulaan raawwatiinsa isaani irratti komee qabu dhiyeessaa tureera. Komeewwan ka’an kun maal fa’i? Hiikuudhaaf tarkaanfiin fudhatameefi bu’aan hanga ammaatti argame hoo?

Abbaa Duulaa - Tarsiimoofi imaammata baasuufi imaammanni ba’ee sun sirrii ta’uunsaa waan tokko ta’ee, bu’aa kan fiduu danda’u yemmuu guutuummaatti hojiirra ooledha. Hojiirra olchuufimmoo hojii babal’aatu hojjetamaa ture tokkooffaa qaamnii hunduu sadarkaa sadarkaadhaan tarsiimoofi imaammatoota jiran akka beeku akka hubatu, akka itti amanu kaka’umsa gaariidhaan hojiirra olchuu akka danda’u taasiisuudha. Haala kanaan waggootii darban keessumattuu haaromsa keenyaa as bara 1994 irraa kaasee hojiin babal’aan hojjetameera. Qaamni raawwachisa kun hundumtuu kana hubatee tarsiimoo kana hojiirra oolchuu gubbaarratti gaheen inni taphatu bal’aadha.

Kan lammataa qaamni raawwachiisu qofa utuu hin ta’iin misoomnii keenya kan hundaa’e qonnaarratti keessumattuu humna qonnaan bulaarratti waan ta’eef qonnaan bulaan guutuummaatti kana beekee humna guutuudhaan haala hirmaachu danda’u uumamu qaba. Karaa kanaan qonnaan bulaa wajjin mariin babal’aan deemsifamee ture. Keessumattu qonnaan bulaan humnasaa lafasaa akkasumattis qabeenya uumamaafi bishaan walitti qindeesse bu’aa guddaa fiduu haala danda’uun hubachiisuudhaan karaa kanaanis yeroosaatti akka fayyadamu godhuudhaan barmaatilee oomisha keenya gubbaarratti dhiibbaa uumuu danda’an marii ummataatiin hiikuudhaan karaa kanatti kaka’umsa gaariidhaan hojii kanatti akka galamu ta’ee jira. Kanaaf kana hojiirra olchuudhaafi yeroo yeroodhaan karoorri ba’e karoora kanarratti hundaa’uudhaan hojiin babal’aan hojjetamaa tureera, ummanni keenya bal’inaan akka ijaaramu taasifamee jira. Hojjettoonni ykn ogeessonni misoomaa sadarkaa kolleejiitti leenjiifaman qonnaan bulaa biratti akka ramadaman gargaarsa ykn gorsa akka kennan yaaliin addaddaa taasifameera. Misoomni qonnaa kan guddatu kana qofaan osoo hin ta’iin dhiheessii adda addaa barbaachisa. Xaa’oo, sanyii filatamaan ... ni barbaachisu. Kana keessaa dhiheessii xaa’oo irratti fooyya’insa gaariitu jira. Keessumattuu naannoo keenya keessatti bara darbe xinnoodhaan kan jalqabame bara kana yuuniyeenotatu dhiheessaa jira.

Rakkinoota addaddaa irraa kan ka’e sanyii filatamaa hamma barbaadame dhiheessuun hin danda’amne. Haata’u malee naannoo kanattis tallaalliin taasifamu ni jira. Egaa guddinni kun hundi walitti qabamee karaa kanaan kan dhufedha. Gudiinni karaa hawaasummaatiin dhufes kan nama jajjabeessudha. Fkf barnoota babal’isuufi keessumaa shamarran mana barumsaa erguu irratti, ijoolleen umriin isaanii barumsaaf qaqqabe mana barnootaa akka seenan taasisuu irratti, harca’inni akka hin mul’anne, manneen barnootaa ganda gandaan ijaaruu irratti ummata keessatti sochiin bal’aan taasifamee jira. Hirmaannaan ummataa naannoo kanatti mul’ates baay’ee guddaadha. Hirmaannaa ummataatii daandiin gandaafi ganda, gandaafi aanaa quunnamsiisu hojjetameera. Jallisii irratti ... gama hundaanuu hirmaannaa ummataa guutuu ta’een hojjetameera. Bu’aan kun kan argame kun hundi walitti dabalameetu.

kana waliin kan ilaalamu, filannoo dhaa as komii ummataa waliin wanti ka’e jira. Komii ummataa kana bakka lammatti adda baasuun ibsuun ni danda’ama. Tokkoffaa guddina ariifachiisaa mirkaneessuu dadhabuu irraa kan ka’edha. Gama tokkoon hiyyummaan jira. Gama biraatiin ammoo hiyyummaa kana keessaa ba’uuf tattaaffiin taasifamu ni jira. Tattaaffii godhamu kana keessatti guddina ariifachiisaa mirkaneessuu dhabuu irraa kan ka’e komiin ka’ee ture. Fkf dargaggeessi hojii dhabuu, hojii dhabummaan babal’achuu .. kuni kun fayyaafi tajaajiloota biroo ga’aa ta’e argachuu dhabuun, guddinni keenya dadhabuu isaatiin, manneen barnootaa keessatti daa’imni baay’achuun isaa guddina wajjin kan hin demnedha jechuun ilaaluun ni danda’ama.

As irratti komiiwwan kan hiikuun danda’amu humna raawwachiisuu keenya cimsuudhaan, guutummaatti ummata keenya hirmaachisuudhaan, misooma keenya ariifachiisuudhaan waan deebi’uudha. Kun akka jirutti ta’ee bara kana naannoo keenya keessatti dargaggoota kuma dhibba sadii ol hojii adda addaa irratti akka hirmaatan yaaliin godhame, karoorri baheefi karaa kanaanis ummata hirmaachisuuf tattaaffiin godhame, kana kan agarsiisudha. Baadiyaa keessatti kuma dhibba lama jedhamee ture, yeroo ammaa kuma dhibba sadiifi kuma 24tti ol hiiqaa jira. Magaalaa keessatti kuma dhibba tokko jennee turre. Kan magaalaatis fuul duratti deemaa jira.

Kanaaf gama tokkoon komii sana hiikuudha. Gama biraatiin ammoo humna misoomaa olaanaa kana gara misoomaatti galchuu dha, misooma keenya guddisuu keessatti akka gahee guddaa taphatu gochuudha. Karaa biraatiinis muuxannoo yeroo darbe arganne hunda walitti qabuudhaan guddinni misooma keenyaa karaa wal irraa hincinneen, akkuma amma jalqabe kanaan akka deemu, kanaa olis akka deemu gochuudhaan, rakkoowwan kana keessatti mul’atan sana hirmaannaa ummataatiin hiikuudha.

Kan lammataa rakkoo bulchiinsa garii wajjin walitti qabatudha. Bulchiinsa gaarii wajjin kan walitti qabatu maalinni?, tajaajila mootummaa irraa argachuu qaban karaa gahaa ta’eefi gammachiisuu danda’uun argachuu dhabuuti.

Hojii misoomaa kana utuu qonnaan bulaan irratti mari’atee, itti hin amanne dhiibbaan hojjechiisuu, gibiraafi barnoota irratti rakkoowwan jiraniifi kana kan ilaaluudha.

Kana sadarkaa sadarkaan haala itti maqsuu dandeenyu uumneerra. Fakkeenyaaf kan akka gibira galiifi buusii adda addaa sirraa’eera. Har’a qonnaan bulaan keenya itti fayyadama lafaa kaffala malee, itti fayyadama galii hin kaffalu. Karaa kanaan galii mootummaan argatu dhibbeentaa 85 ol gad-bu’eera.

Qonnaan bulaa qofaaf utuu hin ta’in, daldalaadhaafis gibirri  galii gad-bu’eera. Kun Adooleessa darbe irraa kaasee hojii irra ooleera. Hojiiwwan kan biroonis hamma fedhe yoo ummata fayyade, ummanni irratti mari’atee, ofii isaatiif kan mirkaneessuun alatti, kan irratti murtaa’u akka hintaane irratti walii galameera.

Barnoota irratti waan sadiitu ka’aa ture. Tokko kutaa 8ffaatti kan kufe dabalee barachuu ilaalchiseeti. Inni lammataa kutaa kudhaanitti kan kufe deebi’ee qormaata akka fudhatu, sadaffaa kutaa 7fi 8 afaan Ingliffaatiin barachuu kan jedhudha. Kutaa 8ffaa dabalanii barachuu naannoo keenya keessatti hin dhawwamne. Amma kun karaa ifa ta’een barachuun akka danda’amu mirkanaa’e taa’eera. Maatiirkii fudhachuun akka danda’amu taa’eera. Fakkeenyaaf namoota bara darbe kufan dabalanii akka qormaata fudhatan gochuuf barana birrii miliyoona 7 yookiin 8 ol dabalataan akka kaffalu ta’eera.

Gaafiin inni kutaa 7 fi 8 afaan Oromootiin barachuun hafee, afaan Ingliffaatiin akka baratan dhihaate, dhaabbannis qaamni raawwachiiftuunis qofaas hiikuu danda’uu miti. Akka amantaa keenyaatti gaaffii afaan ofiitiin barachuu, akka ogeeyiin barnootaa jedhanittis sirriidha. Addunyaarratti waan baratameefi ijoolleen beekumsa gahumsa qabu akka argataniif kan gargaarudha. Kanaaf ija barnootaatiin yoo ilaalamus sirriidha. Nuuf hiikoo biroos qaba. Hiikoon biroo eenyummaan sabummaa keenyaa kan mirkanaa’u afaaniini. Afaan keenya guddisuu qabna. Kanaa ol deemuu qaba malee, kana gaditti gad-deebi’ee kan deemuu qabuu miti. Kana waan ta’eef, karaa kanaan sirrii miti. Nuti ijannoon keenya illee kana yoo ta’u, qoratamuu qaba jedhamee, qoratameera. Caffeetti dhihaatee, murtee isa dhumaa argata.

As irratti wantin ibsee darbuu barbaadu, karaa kanaan deemtan kan jedhus akka jiru yaada keessa galchuun gaariidha. Yeroo tokko tokko afaanuma keenyaan mirga keenya akka morminu kan nu godhan ta’uu isaatis, miseensonniifi ummanni keenya sirriitti hubachuu qabu.

Karaa keenyaan akka deemu gochuu gubbaa irratti rakkoon ni mul’ata. Hanga ammaa xiinxalaafi qo’annoo godhameenis afaan Oromootiin kan baratanii dhufan, sirna kanaan kan baratan yuunivarsitii seenuu jalqabaniiru. Qorannoo godhameen yuunivarsitii seenuus ta’e, yuunivarsiitii seenanii barachuu keessatti gahee ol’aanaa kan qaban barattoota Oromooti. Kanaaf afaan kun irra caalaa beekumsa akka qabaatu godheera. Ingliffaa irratti rakkoo jiru hiikuu dhaaf, yuunivarsitii biyya alaa wajjin walii galuu dhaan barsiisonni baay’een kana irratti leenjifamaa jiru. Ingliffaa ammoo kutaa 1ffaa barachaa waan dhufuuf, waggaa kudhan keessatti yoo of sirreessine namni afaan Ingliffaa baratee bahuu danda’a jennee itti amanna.

Akka walii galaatti, akka duratti kaase sana kan deemu, karaa bulchiinsa gaarii karaa biraatiin, yaada ummataa sana fudhachuudhaan sirreeffamni baay’een haalli itti godhmuu danda’u uumeera. Qorannaan bal’inaan deemsifameera. Sirreeffamni qaama raawwachiiftuu irratti godhameera. Akkasumas paakeejiin ijaarsa dandeettii aanaafi gandaa, kan rakkina bulchiinsa gaarii sana guutummaatti hiiku qophaa’ee, kun hojii irra ooleera. Kun gara hundaanuu waa’ee bulchiinsa gaarii yoo ka’u gahumsa humna namaa waan hundumaa walitti qabatee kan ka’u waan ta’eef, kun hundi ni hiikama. Kana hunda hiikuuf haala dandeessisu uumuudha, kun ammoo yaalamaa jira. Kana ammoo ummataa wajjin ta’uudhaan, ummata wajjin mari’achuu dhaan, hirmaannaa ummataatiin kan hiikamaa deemu dha. kana hojjechaa jirra.

Oromiyaa -  Guddina ammaa kana irraa hawaasichi fayyadama miti yaadni jedhu jira, guddinni argame kun akka itti fufiinsa qabaatu gaheen miseensota dhaaba kanaa maal jettu?

Abbaa Duulaa:- Guddina uumamu tarsiimoofi imaammata keenyaa yoo ilaallu, guddinni dhufu bakka tokkotti, yookiin ammoo abbaan qabeenyaa xinnoon bahanii, ummanni bal’aan coba isaa sana irraa kan argatu utuu hinta’in, akkaatumti tarsiimoofi imaammata dinagdee keenya itti taa’e, guddinni hundinuu akka dhufutti. Guddinni kan dhufu yoo ta’e ummata guddaa irraa  dhufa. Guddina sana ammoo hundatu itti fayyadama. Maal jechuudhaa? Tarsiimoon qonnaa baadiyaa jiru, dinagdee keenyaatis sana irratti hundaa’e yoo ilaallu qonnaan bulaa hunda sochoosuudhaan, qonnaan bulaan hundumtuu oomisha isaa akka dabaluufi isa irraa galii akka argatu, oomisha midhaan duwwaa utuu hinta’in, paakeejiiwwan adda addaa qophaa’anii, fakkeenyaaf beellada, gaaguraafi kkf qophaa’uudhaa, hundumtuu galii argachuu haala itti danda’u kan uumuudha. Kanaaf tarsiimoon keenya uumama isaatiinuu nama hunda bira gaha jechuudha malee, nama muraasa irraa ka’ee nama hedduu fayyaduu hin danda’u.

Inni lammataa dinagdeen kun carraaqqii nama tokkoon tokkoo irratti kan hundaa’edha. Imaammanni kun hundumtuu karaa bonaa ta’een ittii fayyadamuu danda’uun qophaa’e. Hundumaafuu karaa banaa godheera. Karaa banaa kanaan itti fayyadamuu kan danda’amu, hundumtuu yoo carraaqe duwwaadha. Fakkeenyaaf namni tokko utuu hincarraaqin yoo taa’e faayidaan sun argamuu hindanda’u. Humna carraquu danda’urratti hundaa’e.

Kun akka jirutti ta’ee tarsiimoon kan karaa guutuu ta’een hojii irra ooluu kan  jalqabeefi bu’aa qabatamaa agarsiisuu kan jalqabe amma. Bu’aa  qabatamaa agarsiisuu jalqabe keessatti, hunduma bira gahuuf wanti itti dabalamuu qabu jira. Fakkeenyaaf kan lafa qabu lafa irratti hojjeta. Kuun maakiroon ijaarama. Kuun daldala xixxinnaa keessa seena. Gara biraatiin ammoo investimentiin bal’achuu qaba. Investimentiin bal’inaan jiraatee, hoji-dhabdummaa balleessuu keessatti, namni hoji hin qabne, hojii akka argatu godhuu keessatti gahee guddaa taphachuu qaba. Kanaaf investimentiin bal’atee namni hojii hin qabne yoo hojii argachaa deeme, hunda  bira gaha jechuudha. Kan karaa tokkoon ummanni bal’aan kan hojjetu, karaa biraatiin ammoo abbootiin qabeenyaa dhuunfaan hojii hojjetaniifi investimentii bal’aa keessa seenuu wajjin walitti qabamee, wanna dhufuu danda’udha.

Torsiimoon kunis kana mirkaneeffachuuf karoorfame. Hunduma fayyaduu karaa danda’uuni. Hunda akka fayyaduuf ammoo kun lameen wal qixa deemuu qabu. Karaa kanaan hundumtuu deemuu qabu. Wanti ifa ta’uu qabu yoo socho’an malee guddinni dhufuu hindanda’u.

Kana irratti miseensonni keenya baadiyaas haa ta’u magaalaa jiraatanu, miseensota keenya ta’uu kan mirkaneessan tattaaffatanii, ofii sooramanii karaa ifa ta’een, maxxantummaa ala, humna isaatiin carraqanii sooramanii, kan biraa akka sooramu godhudha. Sooromuudhaan adda duree ta’uudha.

Sooromni kun ammoo maxxantummaan ala ta’uu qaba. Karaa ifa ta’een tarsiimoofi imaammata qabatanii socho’uutiin ta’uu qaba. Kanaan ammoo addaa duree ta’anii ummata sochoosuu qabu. Kana duwwaadhaan kan deemuun danda’amu; Miseensota dhaaba kana irras kan eegamu. Kanaaf sooromanii, sooromni kunis karaa ifatooma qabuu fi karaa qulqulluu ta’een dhufuu qaba. Kan biraatis isaaniirraa muuxannoo akka argatu gochuudha. Kana goonaan tarsiimoofi imaammata dhaaba kanaa galmaan waan gahaniif adda durummaa isaanii bahaniiru jechuudha.

Oromiyaa -  Ogeessonni qonnaa kolleejjiiwwan adda addaa keessatti leenjii fudhatanii qonnaan bultoota keessatti ramadaman jiru, wanti isaan hojjechuu qaban jira, hamma ammaatti kan isaan qonnaan bulaa keessatti hojjetan jira; dhimmoonni lamaan kun gahee isaan irraa eegamuu wajjin hammam wal sima?

Abbaa Duulaa - Kan isaan irra eegamuufi kan hojjechaa jiran gidduutti garagarummaan jira. Garaa garummaan isaan duwwaan gidduutti utuu hinta’in, qaama raawwachiiftuu, akka dhaabaattis ta’e akka qaama raawwachiiftuutti, hojii hojjechuu nu irraa eegamuufi hojii hojjennu gidduutti garaa garummaa bal’atu jira. Kan nu irraa eegamu, ogeessota qonnaa dabalee, barsiisaas,  hojii ogeessota fayyaa, kaanis dabalee waan guddaadha.

Guddinni kun guutummaatti akka mirkanaa’uu danda’u, tarsiimoofi imaammatoota kana guutummaatti qabachuudhaan, karoora guyyaa guyyaatti geddaruudhaan, guddina amansiisaafi walitti fufiinsa qabu, kan faayidaa ummataa eeguu danda’u akka uumu godhuudha. Kun waan lama gaafata. Karaa tokkoon beekumsaafi amantaa tarsiimoo sana deggaruuti. Kan lammataa erga beekateefi itti amantee booda kutannoodhaan waan sirraa barbaachisu hunda kennuudhaaf  dadhabuu barbaachisa.

Kun lamaan guyyaa tokkoon hinguutamu. Bakka rakkinni keenya humna raawwachiisuuti jennutti, lakkoofsaan nama kaa’uu jechuu miti. Isaanis bakki itti mul’atu jira. Sammuu isaaf tajaajiluu danda’u uumuu dadhabuudha. Kanaaf kana ammoo hojii keessatti uumaa deemna. Kana gochuuf muuxannoo biyyoota birootiin kan ijaarame. Kana hojiitti jijjiiruuf ammoo beekkumsa fedhii isaaniin beekuu duwwaa utuu hinta’in, tarsiimoofi imaammata sana beekuudha. Eessa akka gahe hubachuun, itti amanuun, amantaa irraa ammoo kutannoo cimaa gargaaruu barbaada.

Kana uumuudhaaf  bara kana ogeessota qonnaa naannoo keenyaa kuma 24 wajjiniin mareen bal’aan godhameera. Tarsiimoofi imaammata keenya gubbaatti leenjiin bal’aan kennameera. Leenjiiwwan kanaanis walii galtee gaarii irra gahameera.

Walii galtee irra waan geenyeef bal’inaan ni deemna jennee yaadna. Kan lammataa wanti hinguutamne tureera. Ogeessi qonnaa achumatti qonnaan bulaa gargaaraa haala itti guddachuu danda’u uumuudha. Kuun achumatti guddachuu akka hin dandeenyetti ilaalamaa ture. Kanaaf achi turuu utuu hin ta’in, achii bahuuf yaaduutu ture. Bara kana kunis hojjetamee kaabinee mootummaa biyyaaleessa naannoo Oromiyaatiin mirkanaa’ee akka hojii irra oolu taasifamaa jira. Kanaaf qonnaan bulaa wajjin guddachuun ni danda’ama jechuudha. Kun lamaan guutamee muuxannoonis cimaa yoo deeme garaagarummaan fedhii keenyaafi hojii giddu jiru guutamaa deema. Guutamaa deemuun sunimmoo humna raawwachiisuu keenyaa wajjin wal qabata.

Oromiyaa -  Konfaransii dhaabbatummaa 4ffaa gidduu kana adeemsifameera; ergaan konfaransii kana irratti itti waliif galameefi akka miseensotti gadi bu’u godhamaa jiru maali? Murteen konfaransii kana irratti darbaa jirus hojii misoomaa gara fuul duraatiif hiikkoon inni qabu maal jettu?

Abbaa Duulaa - Konfaransiin dhaabbatummaa kun waan baay’ee ilaale. Isa keessaa bakka lama yookiin bakka sadiitti qoodamee ilaaluun ni danda’ama. Filannoo as hojiiwwan hojjetaman maal akka ta’aniifi bu’aawwan argaman ilaaluudha. Kuun dhaabni keenya sadarkaa irra gahe ilaaluudha. Dhaabni keenya guddina guddaa agarsiiseera. Bal’ina miseensaatiin muuxannoo arganne. Barnoota demokraasii irraa arganneen humna guddaa horateera jechuun ni danda’ama. Gama kanaan maal irra akka geenyu hubannoo walii galaa irratti uumuudha.Kan lammataa dhaabni keenya dargaggoota humnoota baratan ofitti bal’inaan fudhachuun, humna barateefi humna dargaggootaa ijaareera. Kun akka hubatamuufi sirriitti akka ilaalamu godhudha. Humni dhaaba kana baatee asin gahes, humna haaraa galaa jiru kana ijaaruuf fuulduratti haala itti danda’u uumuudha. Kana irratti hubannoo waliigalaa uumuudha. Kan lammataa yeroo hunda dhaabbanni keenya fuul duratti deemuudhaaf, kaayoo dhaabni qabuufi kaayoo sana duubatti deebisuuf ilaalcha boodattii hafaa jidduutti rakkinni waan dhalatuuf, rakkoowwan yeroo waltajjii qabsoo waliin dhalatan sana sakkata’uun maqsuun irratti qabsaa’uufi. Kanaaf ilaalchawwan akkanaa kana tokko tokkoon irratti qabsaa’uufi sirreessuudha.

Fakkeenya kaasuudhaaf kaayoo warraqsa demokraasiitiin ummanni keenya kan fayyadamuufi eenyummaan sabummaa isaa akka ammaa kanaan kan itti fufuu danda’u, sirni demokraasiifi gabaan bilisaa yoo ijaarame duwwaadha. Kanaan alatti karaan biraa hinjiru. Kanaafuu dhiphummaafi of tuulummaa irratti qabsaa’uu qabna. Dhiphummaa irratti yoo qabsoofne malee ilaalchi warraaqsa demokraasii bakka gahuu hindanda’u. Kun bakka galma hingeenyetti ammoo ummanni keenya waan argachuu qabu guutummaatti argateera jechuun hin danda’amu. Kana waan ta’eef sadarkaa waltajjii ammaatiin wal qabsiisaniirratti qabsaa’uun, maqsuun ni barbaachisa. Waltajjii guddinaa tokko keessa yemmuu seennu qabsoo waltajjii sana wajjin dhufuu qabu barbaanna jechuudha. Kana sirritti ilaalluun, isaa irratti yoo qabsoofne nafxanyummaa biqilaafi oliifi gad-utaalaa jiru kana mo’achuun ni danda’ama. Dhiphummaa irratti qabsaa’uu baannu nafxanyummaa mo’achuun hin danda’amu. Kana irratti ijennoo ifa ta’e qabachuudha. Maaliif haga ammaatti muuxannoo jiruun naannoo keenya keessatti, filannoo darbe yoo ilaallu nafxanyoonni gara dhiphootaatiin naannoo keenya seenan malee, qullaa isaanii, of danda’anii, sammuufi afaan nafxanyummaatiin ummata keenya seenuu hindanda’an. Kanaaf kan karaa bane dhiphummaa dha. Nafxanyummaan qofaa isaatti ammaan booda ummata Oromoo miidhuufi mo’achuu hin danda’u. Nafxanyoonni sirna kana diiguuf ABO isa Asmaraa taa’uufi dhaabbilee maqaa nageenyaatiin socho’an qabataniiti. Ijoolleen isaanii biyya alaatti barsiisu, ijoolleen keenya akka hin baranne godhu. Isaan irra balaan hingahu. Qabeenyaafi manneen barnootaa keenyaa akka manca’u gudhu. Kana irratti konfaransiin kun ijannoo cimaa fudhateera. Kun hundumtuu dhiphummaa irratti qabsaa’uun kan danda’amu guddinni dinagdeefi bulchiifni gaariin yoo mirkanaa’edha. Kanaaf karaa walitti fufiinsa qabuun komii ummataa hiikuun nurra jira. Bulchiinsa gaarii mirkaneessuun akka nurra jiraatu mirkaneesseera. Akkasuma karoora misoomaa qabatame kana ammas karaa walirra hincinneen bu’aa qabatamaa galmeessuudhaaf fuul duratti deemuun akka nu irra jiraatu mirkaneesseera.

Oromiyaa -  Gama dhiphootaatiin naannoo keenya keessa sochiin jiru maal fakkaata?

Abbaa Duulaa:- Kanan gararraatti ibse akka gufatu gochuudha. Isaan ergamtoota shaabiyaafi ABO ta’anii naannoo keenya keessatti nageenyi akka hin mirkanoofne, barnoonni akka hin deemne, jeequmsi adda addaa akka jiraatu, akkuma waliigalaatti ummanni Oromoo fedhii isaaniifi akka dhaabbatu halkaniifi guyyaa sochoo’u. Karaa kanaan Shaabiyaafi ABOn proppaaganddaadhaan sochoosaa turan. Karaa biraatiin amma humnoonni karaa nagaatiin qabsoofna jedhanii, as keessa jiran meeshaa isaanii ta’uudhaan hamma dhumaatti socho’aa jiru. Haga ammaatti kan mul’atu kana.

Haa ta’umalee sochii ummanni keenya godhaa tureen hin milkoofne. Haalli isaan barbaadan hin uumamneefi.

Oromiyaa -  Ergaan dabarsitan yoo jiraate?

Abbaa Duulaa - Ayyaana akkuma baratame waggaa tokko kabajne dabarsinee, waggaa tokko yoo kabajnu, dhaabni kun hamma inni ture lakkaa’uufii miti. Kaayoon isaa kanas miti. Waggaa tokko yoo dabarru fedhiifi faayidaa ummatichaa keessatti maal daballe kan jedhu ilaaluu dha. Garam deemnee? Bu’aa maal agarsiifne? Kan jedhu sana ilaallee, kan darbe irraa barannee, kan dhufuuf kaka’uufi. Kanaaf waggaa 16ffaa yemmuu kabajnu waggaa lamaan, sadeen darban guddina walirraa huncinnee fidneerra.

Bulchiinsa mirkaneessuuf, sirni demokraasii ijaaruuf tarkaanfii bal’aa gooneerra. Kanas filannoon mirkaneessineerra. Bulchiinsa gaarii irratti rakkoowwan mul’atan hiikuudhaaf ummata keenya wajjin mari’anneerra. Bara kana waggaa 16ffaa yoo kabajnu kana hunda sirreessuudhaan, karooraafi tarsiimoo qabanne guutummaatti hojii irra oolchuudhaan, miseensonni keenya hundumtuu, humna guutuudhaan akka ka’an, adda durummaan akka socho’an, akkasumas ummanni karaa kanaan nagaa isaa eegsifatee, misooma karaa walirra hincinneen guddachuu jalqabe kana, daran cimsee, bu’aa gudda irra argachuuf akka socho’u waamicha dabarsa.

   (Xiyyeffannoo - LK 3)