|
|||||||||||||
|
|
|||||||||||||
| Oromiyaa Lakk. 371 | Oromiyaa Lakk. 368 | Oromiyaa Lakk. 367 | Oromiyaa Lakk. 366 | Oromiyaa Lakk. 365 |
| Oromiyaa Lakk. 364 | Oromiyaa Lakk. 363 | Oromiyaa Lakk. 362 | Oromiyaa Lakk. 361 | Archive |
|
"Shororkeessitummaan ABO miseensota isaa qaluudhaan eegale" Ob. Kumaa Dammaqsaa |
||||
|
Dhaloonni har'aa hawaasa jijjiirame uumuuf hojjechuu akka qabu ibsame Injifannoo dhiiga qabsaa’otaatiin argame kana bu’ureeffachuudhaan dhaloonni har’aa dafqaafi beekumsa isaatiin hawaasa jijjiirame uumuuf ciminaan hojjechuu akka qabu dura taa’aan Dh.D.U.Ofi prezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa ibsan. Dura ta’aan Dh.D.U.O fi prezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Ob. Abbaaduulaa Gammadaa hundeeffama Dh.D.U.O waggaa 18ffaa ilaalchisuun gaazexaa Oromiyaa waliin gaaffiifi deebii taasisaniin akka jedhanitti, gootonni qabsaa’ota Oromoo dhiigaafi aarsaa lubbuu isaaniitiin ummata Oromoo injifannoo har’aatiin ga’aniiru. Dhaloonni har’aa ammoo injifannoo aarsaa lubbuutiin argame kana qabachuudhaan dafqaafi beekumsa isaatiin hawaasa jijjiirame uumuu akka qabu dubbataniiru. Hundeeffamni Dh.D.U.O kan waggaa 18ffaa kun kan kabajamu sirni nafxanyaa kufee wayita eenyummaan ummata keenya itti mirkanaa’etti ta’uu kan ibsan Ob. Abbaaduulaan, itti fufuudhaanis, yeroon ummanni keenya nageenya, misoomaafi demokraasiif fuulduratti tarkaanfatee bu’aa ol aanaa galmeessisaa jiruufi sammuu isaa gara tokkotti deebisee guddinaaf hojjechaa wayta jirutti ayyaana kabajamu ta’uun isaa adda isa taasisa jedhaniiru. Kaayoon Dh.D.U.On qabatee ka’e galma ga’aa akka jiru kan ibsan Ob.Abbaaduulaan itti fufuun wayita dubbatan, galma ga’insi kun guutuu kan ta’u sirni demokraasii hundee bal’aa qabuufi hin sochoone ijaaramee, bulchiinsi gaarii mirkanaa’ee ummanniifi biyyi keenya ummataa fi biyya sadarkaa galii giddu galeessa qaban irra wayta ga’an akka ta’e addeessaniiru. Waltajjiin qabsoo Dh.D.U.On qabatee ka’e bifa lama kan qabuufi isaanis sirna ture diiguufi sirna ummata walqixa tajaajiluu danda’u uumuu akka ta’e dura taa’aan Dh.D.U.O eeranii, sirni demokraasiifi misoomaaf gufuu ture sun waggaa 17 dura diigamuu isaa ibsaniiru. Sirni sun erga diigamee boodas sirna haaraa ijaaruudhaan demokraasiifi misoomaa dagaagsuu keessatti hojiileen bu’aa qabeessa hojjetamuu Ob. Abbaaduulaan addeessanii, hojiiwwan hojjetaman keessatti garuu si’annaadhaan itti deemuun akka barbaachisu mirkaneessaniiru. Filannoo Ebla dhufu adeemsifamu injifannoon xumuruuf Dh.D.U.On qophii barbaachisu taasisuu isaa kan ibsan Ob. Abbaaduulaan, gama Dh.D.U.Otiin qajeelfamni naamusa filannoo ba’ee kanaan adeemamaa akka jiru dubbatanii, paartiin kamiyyuu seeraafi seera qofaan socho’ee demokraatawummaa filannichaaf qooda isaa akka gumaachu dhaamaniiru. Xumura irratti dhaamsa dhaamaniin, madaalliin miseensota Dh.D.U.O jireenya isaa jijjiiruu, bakka hojiifi hirmaannaa itti taasisu hundatti adda durummaan argamuu ta’uu addeessaniiru. Adeemsi kun kaayoo dhaabbata demokraatawaa galmaan ga’uu waan ta’eef hundi keenya qabsaa’ota guyyaa har’aatiin nu ga’an yaadachaa injifannoo kanaa olii galmeessisuuf akka kaanu waamicha dabarsaniiru. |
||||
| Oromiyaa Lakk. 359 | Oromiyaa Lakk. 358 | Oromiyaa Lakk. 357 | Oromiyaa Lakk. 356 | Archive |
| Oromiyaa Lakk. 355 | Oromiyaa Lakk. 354 | Oromiyaa Lakk. 353 | Oromiyaa Lakk. 352 | |
| Copyright © 2005 Office of Organs of the EPRDF. All Rights Reserved. | ||||